Sarbamni Mirga Hojjettoota Manaa Irra Gahu Yaaddessaa Ta’eera

Ilmi namaa jiruufi jireenya isaa mo’uuf gidiraa adda addaa dabarsuu ni danda’a. keessumaayyuu dubartoonni carraa hojii adda addaa barbaaduuf sarbama adda addaatiif saaxilamuu ni danda’u.

Jiraattuu  magaalaa Baahir Daar kan taate, Maqdas Azzana,  sababa maatiin ishee harka qalleeyyi ta’aaniif, umurii ishee daa’imummaa waggaa 11 hojjettuu mana namaa taate hojii eegalu ishee dubbateetti.  Akkuma hiriyyoota ishee barnoota barachuu osoo qabdu,  umurii kiichuu kanaan  mana namaa galtee akka hojjettu kan taasifamte Maqdas, miidhaa saala dabalatee qormaatawwan hedduu dabarsuu ishee kaasteetti.  Halkaniifi guyyaa boqonnaa  malee waggaa 10 ol mana namaatti qacaramtee hojjechuu ishee kan  dubbatte Maqdas,  hojii, hojjette sanaaf kaffaltiin tokko illee kan hin raawwatamneef ta’uufi uffata ishees jijjiruu akka hin dandeenye miira bo’ichaan ibsiteetti. Inumaayyuu ‘’mi’a cabsite jedhanii halkan sa’aatii saditti na ari’an” jetteetti.  Manaa baate halkan magaalaa keessa osoo deemtu pooliisiin qabamtee mana hidhaa galu ishees dubbattetti. “Ijoollummaa koofi yakka kamiyyuu kan hin raawwanne ta’uu koo  waan hubataniif ganama mana hidhaarraa baheera’’ jetti.   Miidhaa isheerra dhaqqabaa ture qaama itti himattu waan hin barreefi  hammatummaan seeraa mirga hojjettoota manaa kabachiisuu waan hin  jirreef, miidhamtoota kanneen akka Maqdas ta’an  tajaajila haqaa  kennuuf rakkisaa  taasiseera.

Maqdas Azzanan yeroo ammaa miseensa waldaa hojjettoota manaa naannoo Amaaraa kan bara 2013 hundeffame ta’uu ishee himteetti. ‘’Waldichi miidhama koo duraa dagadhee akka dhaabbadhe deemu na taasiseera’’ jechuun dubbatti.

Itoophiyaatti sarbama mirga hojjettoota manaa irra gahu ittisuuf  hammattummaan seeraa waan hin jirreef, miidhamtootni haqa akka hin arganne taasiseera.  Biyyattiin waliigaltee seera dhaabbatni hojjettoota addunyaa Mirga hojjettoota  manaa eegsisuuf  daangeesse mallatteessiteetti.  Dhaabbatni hojjettoota addunyaa waggaa 13 dura akka lakkoofsa Awurooppaanootaa bara 2011  yaa’ii isaa 100 ffaa gaggeesse irratti  walii galtee seerota mirga hojjettoota manaa  kabachiisuuf  bahan  biyyoota miseensota mallatteesiseera.

Itoophiyaan waliigalticha mallattessituus  hanga ammaatti  mana maree bakka bu’oota uummataatiin  raggaasiste akka dirqama seeraa tokkotti fayyadamaa hin jirtu.   Kanaanis  hammattummaan seeraa dhabamuu isaatiin  hojjettota manaa irratti sarbamni mirgaa yeroo raawwatamu ni mul’ata.

Pireezidaantiin waldaa hojjetoota manaa naannoo Amaaraa Baanchaayeehu Tarrafa,  Waldichi hojjeettota manaa kunuunsa daa’immaniifi hojiilee biroo irratti gahumsa akka qabaatan taasisuuf leenjii garaagaraa biiroo leenjiifi ogummaa waliin  ta’uun kennaa jirachuu ibsaniiru.  Waldaan kun hojjettootni manaa dirqamaafi mirga isaanii beekanii akka hojjetan hubannoo gahaa ta’e  kennaa jiraachu himaniiru.

Sarbama mirgaa hojjettoota manaa irra gahu ittisuuf hammatummmaan seeraa jiraachuu dhabuun isaa, hojjettootni manaa miidhamanii  dhufan gorsa irra kan hafe tajaajila haqaa akka argatan taasisuuf rakkisaa ta’uu itti gaafatamaan daayireektoreeti dhimma hojjetaafi hojjechisaa naannoo Amaaraa obbo Axinaafuu Balaayinah himaniiru. Hammatummaan seeraa akka bahan taasisuuf qaamolee garaagaraa waliin mariin taasifamaa jirachuus ibsaniiru.  Dubartoota hojii manaa irratti bobba’an,  miidhaan saalaa isaan irra gahu,  boqonnaa malee yeroo dheeraa hojjechuu,  hojii hojjetaniif kaffaltiin maluu kaffalamuu dhabuu,  dhiibbaa xinsammuuf saaxilamu,  dirqamaafi hojii seeraan alummaaf saaxilamuu akka danda’an eeraniiru.

Rakkooleen hedduu hojjeechistootaanis ta’e hojjetootaan uumaman waan jiraniif, hojjechistootni hojjettuu manaa yeroo barbaadan, walii galtee seera qabeessaan osoo ta’e rakkoolee uumamaniifis itti gaafatamuummaan akka jiraatu taasisa jedhaniiru.

 

Itti gaafatamaan qajelcha hojiifi leenjii bulchiinsa sablammii Oromoo Ibraahim Aliyyii, waajjirri hojjechisaafi hojjetaa qajelchichaan hogganamu himanii, dubartootni biyya keessaa hojii manaa irratti bobba’ani jiran lakkoosa isaanii hammam akka ta’e beekuun rakkisaa ta’uu dubbataniiru. Sababni isaa karaa seera qabeessa ta’een ulaagaa walii galtee  guutanii osoo hin taane hojjettootni manaa akka fedha isaanii mana namaa waan galaniif sadarkaa maal irra akka jiran, eessaafi maal akka hojjetan beekuun ulfaataa ta’uu himaniiru. “Hojjettoota manaa miidhaan irra gahee gara waajjira keenyatti dhufan, tajaajila haqaa akka argatan taasisuuf hammatummaan seeraa waan hin jirreef araaraan rakkoo isaanii akka hiikan ni taasifna’’ jedhaniiru.Hojjetootni mirga isaanii kabachisuufi itti gaafatamuummaan akka jiraatuuf yeroo mana namaa hojiif galan, hojjechisaa isaanii waliin walgaltee qabaachuun barbaachisaa ta’uu hubachisaniiru. Itoophiyaa keessatti hojjettootni  mana keessaa tajaajila haqaa kan argatan seera siviilii bara 1952 bara mootii Hayilasilaaseen baheen akka ta’e ni beekama.

Alamuu Balaayiin

 

Oduu

AMECO Hirkoo