Hojiilee misoomaa akka biyyaatti bal’inaan hojjetaman keessaa uwwisni misooma daandii isa tokkodha. Bulchiinsa sablammii Oromootti ijaarsi daandii baadiyyaa yeroo garaagaraatti hojjetamaa ture fooyya’aafi jijjiirama jiraachuu ragaan Qajeelcha Daandii Baadiyyaa bulchiinsichaarraa argame ni mul’isa. Kunis rakkoolee dhabamuu daandiin wal qabatanii dhufan furuu danda’uu jiraattonni dubbisne tokko tokko mirkaneessaniiru.
Obbo Suhaalii Sheekichaa aanaa Dawwee Harawaatti jiraataa ganda Burraaqsaa yoo ta’an, kanaan dura hawaasni ganda isaanii fedhii daandiif qaburraan kan ka’e kaka’umsa mataasaatiin humnaafi meeshaa qabu fayyadamee daandii ijaaraa tureera jedhaniiru. Haata’u malee, kaka’umsaafi fedhii hawaasni daandiif qabu akkuma jirutti ta’ee waajjirri daandiifi geejjibaa aanichsaa deggarsa ogummaan kan isaan bira dhaabbachaa ture ta’uu yaadataniiru.
Daandiin aanaafi aanaa, gandaafi ganda walitti fidu jiraachuus eeraniiru. Daandichis bonaafi ganna rakkoo tokko malee tajaajila kennuu akka danda’uu kaasanii waqtiin gannaa seenuun duratti bara baraan suphaan kan taasifamuuf ta’uu addeessaniiru. Akka jiraataan kun jedhanitti, bara kanas haaluma baratameen daandii ganda isaaniifi magaalaa guddoo aanaa isaanii, Booraa walqunnamsiisuuf suphaan barbaachisaa taasifameera. Daandichi konkolaataa yeroo kamittuu galchuu akka danda’u obbo Suhaaliin himaniiru. Bara kana gandoota aanichaa biroo daandii hin qabneef daandiin haaraa hojjetamuu mirkaneessaniiru. Rakkoon daandii dhawaataan furamaa jiru kun walitti dhufeenya hawaas-dinagdee cimsuuf shoora olaanaa qaba jedhaniiru.
Baroota darbanitti rakkoo daandiirraa kan ka’e haadholii ulfaa da’umsaaf buufata fayyaatti geeffamaa kan turan wasakaan baatamanii akka ture kaasaniiru. Amma seenichi jijjiiramuun yeroo ciniinsuutti hatattamaan ambulaansiin bakkichatti argamuun gara mana yaalaatti kan geessitu ta’uu himaniiru. “Qonnaan bulaan oomishaafi oomishtummaa isaa gara gabaatti baasuuf, meeshaalee garaagaraa gabaa irraa gara manaatti galchuuf, xaa’oofi sanyii filatamaa garaagaraa galfachuuf rakkachaa kan ture har’a deebii argate jira’’ jedhaniiru obbo Suhaaliin.
Aadde Xooyibaa Mahaammad aanichatti jiraattuu ganda Kaariphoo yoo ta’an, suphaan daandii guddaa ganda, aanaafi magaalaa Kamisee wal qunnamsiisuuf taasifamee gaarii ta’uu dubbataniiru. Haata’u malee daandiin keessoo keessoo gooxiiwwan walitti fidu hojjechuurratti banaan akka jiru eeraniiru. “Daandii ganda keenyaafi aanaa walitti fiduuf suphaan taasifamus qarqara daandichaatti bo’oo lolaan keessa yaa’uu danda’u waan hin jirreef yeroo roobni roobutti sochii konkolaataa adda kutuu danda’a sodaa jedhun qaba’’ jedhaniiru.
Obbo Tasafaayee Makonnin jiraataa aanaa Dawaa Caffaa ganda Tuucheeti. Daandiin barootaaf hojjetamaa ture haala jiruufi jireenya isaanii akka salphiseef himaniiru. “Gara magaalaa dhimmaaf yoo deemnu barbaanne battala geenyee deebina; gabaas ta’e buufata fayyaa deemuuf daandiin waan jiruuf yaaddoo hinqabu jedhaniiru. Akka obbo Tasfaayeen jedhanitti, daandiin jiraachuun gama hawaas-dinagdeefi bulchiinsa gaariin rakkooleen jiran ni furamu. Jiraataan kun oomishaafi oomishtummaa keenyaa guddisuuf galtee qonnaaf barbaachisan argachuuf, oomisha gabaatti dhiheeffachuuf haala mijataa qabnadha kan jedhan. Daandiin jiruu ilma namaaf murteessaa ta’uu kaasuun, gandoonni daandii hin qabnes waan jiraniif fuulduraaf xiyyeeffannoo argachuu akka qaban ibsaniiru.
Itti gaafatamaan Qajeelcha Daandii Baadiyyaa Bulchiinsa Sablammii Oromoo obbo Mahaammad Siraaj, daandiin faayidaa roga maraa qabaachuu hubatanii yeroo gara yerootti uwwisa daandii baadiyyaarratti ciminaan hojjechaa turuufi jiraachuu himaniiru. Akka waliigalaatti hojii gama misooma daandiin hojjetaa turaniin uwwisni daandii baadiyyaa kiilomeetira 740 gahuu ibsaniiru. Bara baajataa 2016 ‘tti daandii baadiyyaa kiilomeetira 494 suphuuf karoorsanii daandii kiilomeetira 447 raawwaachuu danda’uu itti gaafatamichi himaniiru. Baruma baajatichaatti daandii haaraa kiilomeetira 65 ijaaruuf qabatanii karoora ol daandii kiilomeetira 74 hojjechuu mirkaneessaniiru.
Adeemsa ijaarsa daandichaaf baajanni gama mootummaan ramade birrii miiliyoona 19 ta’uu akka danda’u obbo Mahaammad himaniiru. Rakkoo daandiin walqabatee jiru baajata mootummaan qofa furuun waan ulfaatuuf, hawaasni bulchiinsichaa birrii miiliyoona 21 ol walitti buusuu danda’uu kaasaniiru. Akkasaan jedhanitti, buusiin uummataa kun ijaarsa daandii haaraafi suphaa daandii gandoota aanolee adda addaaf ooleera. Daandiin haaraan aanolee bulchiinsichaa afur keessatti barana hojjetamuu itti gaafatamichi himaniiru. Gandoota aanaa Baatee:- Furaa, Caacaatuu, Gaarfaa Uranee, Mahaammadiifi Eelaa aanaan wal qunnamsiisuu danda’uu himaniiru. Akkasaan jedhanitti aanaa Dawaa Caffaatti ganda Dindiniifi Salaamaa, aanaa Dawwee Harawaatti ganda Wacaqaa, aanaa Jiillee Dhummugaatti ammoo ganda Igziyyee keessatti daandiin haaraa ijaarameera.
Obbo Mahaammad “baajanni mootummaa daanga’aadha. Daandiin hanga ammaatti hojjetame qulqullinniifi waliin gahinsi isaa gahaa miti. Fuulduratti amma danda’amaa ta’etti bakkeewwan rakkoo daandii olaanaa qaban adda baasnee ni hojjenna” jedhaniiru. Uummanni humnaafi maallaqaan hirmaachaa akkuma ture ammas hirmaannasaa cimsee itti fufuu akka qabus gaafataniiru. Biiroon daandii naannoo Amaaraa birrii miiliyoona 36 ramadee riqaalee gurguddoo sadii hojjechiisaa jira jedhaniiru. Aanaa Dawaa Caffaa ganda Dindinii Laga Warqeerratti riqichi konkiriitii birrii miiliyoona 24 oliin hojjetamuus himaniiru.
Aanaa Arxummaa Fursii ganda Bishee Ededadaa Laga Boorkanaarratti, aanaa Baatee ganda Sallaaxxee Laga Miyaa’aarratti riqaaleen rarra’oo hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Akka obbo Mahaammad jedhanitti, hojiin gama uwwisa daandiinis ta’e riqaaleen hojjetaman gahaa miti. Bara dhufu daandii haaraa kiilomeetira 80 ijaaruuf, kiilomeetira 500 ol ammoo suphuuf karoorfanneerra jedhaniiru. Sadarkaa bulchiinsichaatti gandoonni 16 rakkoo daandii qabaachuu eeranii, keessumaa aanaa Baatee keessatti gandoonni kudhan rakkoo guddaa waan qabaniif bara dhufu xiyyeeffannoo kan argatan ta’uu hubachiisaniiru.
Guddinaa Asaffaatiin