Fooyya’insi Sharafa Alaa Irratti Taasifame Guddina Dhaabbilee Faayinaansiif Murteessaadha Jedhame

Fooyya’insa imaammata dinagdee gooroo taasifame hodofuun fooyya’insi sirna sharafa alaa irratti baankiin biyyaalessaa Itoophiyaa taasise guddina dhaabbilee faayinaansiif balbala kan bane tarkaanfii murteessaadha jedhan hoggantoonni Baankiiwwan adda addaa. Hoggantoonni Baankiiwwan adda addaa TOI waliin turtii taasisan akka himanitti, fooyya’insi imaammata dinagdee gooroo irratti mootummaan taasise guddina dinagdee biyyaaf gahee olaanaa qaba.

Fooyya’insa imaammata dinagdee gooroo hordofuun fooyya’insi Baankiin Biyyaalessaa sirna sharafa alaa haala gabaa irratti hundaa’u hojiirra oolchuun isaa humna dorgomtummaa kan cimsuufi sirna gabaa naga qabeessa uumuuf kan dandeessisudha jedhaniiru. Baankii Awaashitti ”Chiif tiraansifoormeeshin ofiisar” kan ta’an obbo Tamasgan Bushaa; bara dhihoo as sirna faayinaansii dijitaalaa dabalatee jijjiiramoota addaa addaa hojirra oolchuu himaniiru.

Mootummaan fooyya’insa imaammata dinagdee gooroo hojiirra oolchuu isaa hordofee sirni sharafa alaa haala gabaa irratti hundaa’u hojiirra ooluun Baankiiwwan qofaaf osoo hin taane guddina dinagdee biyyaafis balbala kan bane tarkaanfii murteessaadha jedhaniiru. Baankii Amaaraatti ”Chiif ofiisaraa tarsiimoofi Innoveeshinii” kan ta’an Indaalish Waldamikaa’eel bu’uura fooyya’insa dinagdee gooroon sirni sharafa alaa gabaa irratti hundaa’e hojiirra ooluun isaa indastirii baankiif carraa guddaadha jedhaniiru. Hanga sirna sharafa alaa gabaadhaaf banaa taasisuun damee baankiirratti dorgomtummaan akka jiraatu taasisuu qofa osoo hin taane invastimantii alaa kallattiin dhufu jajjabeessuuf gahee olaanaa qaba jedhaniiru.

Ahaaduu Baankiitti Ofiisara tarsiimoo kan ta’an Fiqiruu Waldatinsaa’ee bu’uura fooyya’insa imaammata dinagdee gooroon baankiiwwan dorgomaa ta’uu isaanii itti fufsiisuuf hojii dandeessisu hojjechuu qabu jedhaniiru.

 

 

 

 

 

 

 

 

Oduu

AMECO Hirkoo