Qophiin roodmaappii raawwii ce’umsa haqaa xumuramuun gara hojiitti galuu Ministeerri Haqaa beeksiseera. Ijaarsi dhaabbilee bilisaafi walabaa kan ce’umsa haqaa hojiirra oolchuuf dandeesisaniis yeroo gabaabaatti akka xumuramu eerera. Imaammanni ce’umsa haqaa Ebla 9 bara 2016 mana Maree Ministirootaan ragga’uu hordofee, imaammaticha gara boqonnaa hojiirra oolchuutti ceesisuuf qophiileen duraa barbaachisan raawwatamaa turuu ministeerrichi ibseera.
Hojiilee kanneen keessaa raawwii imaammata ce’umsa haqaa, karoora sirna hordoffiifi deeggarsaa qopheessuu yoo ta’u, yeroo ammaa qophiin roodmaapii ce’umsa haqaa xumuramuun gara hojiitti akka seenamu taasifamuu ibsameera. Kana malees dhaabbilee walabaa tooftaalee ce’umsa haqaa hojiirra oolchuu hundeessuufi gurmeessuuf qophiin hammattoowwan seeraa barbaachisaa ta’uu ibseera. Haaluma kanaan labsii yakkoota idil addunyaan raggaasifaman, labsii hundeeffama komishinii deeggarsaa, dhiifamaafi dhaabbilee biroo hundeessuuf labsiiwwan wixineessuun saffisaan gaggeeffamaa jiraachuun eerameera.
Dabalataan hammattoo ce’umsa haqaan aangoofi hojmaataa dhaddacha addaa dhimmoota yakkaa ilaalan hundeessuuuf, qophiin labsii dhaddacha addaa ce’umsa haqaa qindeessummaa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaan akka gaggeeffamu ibsameera.
Dhimmicharratti ogeesota muuxannoofi beekumsa gahaa qabaniin hammattoowwan seeraa kan qophaa’an yoo ta’u, adeemsi waliigalaa baatiiwwan lama keessatti akka xumuramu ibsameera. Hojiin seera wixineessuu akkuma xumurameen waltajjiiwwan marii sadarkaa biyyaalessaafi idil addunyaatti akka qophaa’u himameera. Seerootni kunneen saffisaan bahuu isaanii kayyoowwan imaammaticharratti eeraman milkeessuuf, keessumaa tooftaalee ce’umsa haqaa fayyadamuun haqa baasuuf, adeemsa araarri ittiin bu’u bu’uuressuu, itti gaafatamummaa yakkaa mirkaneessuuf, hojmaata araaraa bu’uuressuuf, gaafatamummaa yakkaa mirkaneessuuf,dhiifama haaldureerratti hundaa’e hojiirra oolchuuf, deeggarsaafi hojiilee fooyyessa dhaabbatummaa gaggeessuufi waliigalaan haqa guutuu ta’e mirkaneessuuf gahee olaanaa akka bahatu ministeerichi beeksiseera.