Sirnootni mootummaa yeroo yeroodhaan jijjiiraman gaaffiilee bu’uuraa uummatni naannoo Amaaraa kaasaa ture deebii akka hin arganne taasiseera. Kun immoo walitti bu’insaaf sababa ta’uun isaa hin hafne. Gaaffiileen uummatni naannoo Amaaraa waggoota dheeraaf kaasaa ture deebii argachuu dhabuun isaa immoo uummata naannichaa hedduu biratti mufannaa uumeera.
Qaamoleen hedduunis gaaffii uummatni waggoota heddduuf gaafataa ture hanga ammaatti seeraan deebii waan hin arganneef, qabsoo hidhannoon deggarame taasisuuf akka filannootti fudhachuun gara bosonaatti akka seena taasiseera.
Kanaan alattis mootummaan caasaa humna addaa naannoo Amaaraa diiguun, caasaalee callisaa naannoofi raayyaa ittisaa biyyaa jalatti akka hammataman taasisuun isaa naannichi gaaga’ama guddaa keessa akka galu taasiseera. Waraanni kaabaa waliin ture murtoo dhumaa osoo hin argatiiniifi naannichi sodaa nageenyaa osoo qabu, caasaan humna addaa diigamuun isaa uummata hedduu biratti naasuufi sodaa guddaa kan uumee ture.
Rakkoon nageenyaa naannichatti mudate kun qawween osoo hin taane mariifi waligalteen furmaata akka argatu kutaaleen hawaasaa garaagaraa konfiransii nageenyaa mootummaan naannichaa yeroo adda addaatti qopheesse irratti yaada kennaa turaniiru.
Haata’u malee gaaffilee uummata naannichaa kana furuuf mootummaan naannichaa, mootummaa federaalaafi qaamoolee nageenya jaallatan biroo waliin hojjechaa akka jiran dagatamuu hin qabu. Gaaffileen hundi karaa qabsoo hidhannootiin osoo hin taane, lubbuun namaa osoo hin darbine, qabeenyi osoo hin barbadoofne karaa nageenyaatiin furamuu akka qabuudha mootummaan naannichaafi federaalaa hojjechaa kan jiran.
Waan kana ta’eef rakkoolee mariin hiikuu ibsituu qaroominaa waan ta’eef qabsoo hidhannootiin biyya raasurra rakkoolee hunda mariin hiikamuu qabu kan jedhu ibsa eejjannoo keenya har’ati.