Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa dhukkubni maariyyee jaldeessaa kutaalee Afrikaa hedduu keessa faca’e fayyaa addunyaaf yaaddoo ta’uu labseera. Dhukkubni “Maariyyee Jaldeessaa” (monkey pox) jedhamuun beekamu akka lakkoofsa Awurooppaa bara 1958 yeroo weerarri dhukkuba ‘pox like’ saree irratti mul’ate yeroo jalqabaaf Saayinsitootaan adda baafameera.
Hanga yeroo dhihootti irra caalaan namoota dhibee kanaan qabaman namoota Giddu Galeessaafi Dhiha Afrikaatti argamanidha. Siwiidin Afrikaan alatti dhukkubni maariyyee jaldeessaa bakkeewwan birootti akka daddarbu yeroo jalqabaaf mirkaneessiteetti. Dhukkubni kun naannoo giddu galeessaafi Baha Afrikaatti babal’achaa jiraachuu himameera. Dhibeen haalaan daddarbuufi maqaa maariyyee jaldeessaa (monkey pox) jedhamuun beekamu kun jalqaba wayita Rippaabilika Dimokiraatawaa Koongoo keessatti faca’uu eegalu yoo xiqqaate lubbuu namoota 450 galaafateera.
Dhibeen kun yeroo ammaa giddugaleessaafi Baha Afrikaatti babal’achuutti argama. Akkaataan dhibeen kun itti tatamsa’aa jiruufi lubbuu namaa gaaga’aa jiru saayintistootatti yaaddoo guddaa ta’eera. Daarektarri olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr. Teedroos Adihaanom saffisni dhibeen kun ittiin Afrikaa keessaafi Afrikaan alattis ba’ee tatamsa’aa jiru ”baayyee nama yaaddessa” jedhaniiru. ”Tatamsa’ina dhibee kanaa hambisuun lubbuu dhala namaa baraaruuf qindoominni addunyaa murteessaafi dirqama,” jedhu Dr Teedroos.
Dhibeen maariyyee jaldeessaa dhiheenyarratti wal tuttuquu irraa nama qaba. Keessattuu walitti dubbachuufi dhiheenyarratti afuura walitti baafachuun karaa dhibeen kun ittiin tatamsa’u isaan ijoodha. Wayita nama qabu mallattoo akka qufaatu namarratti mul’ata. Gogaan garmalee madaa’ee miidhama. Akka qorannoon agarsiisutti dhukkubni kun namoota qabe 100 keessaa afur ajjeesa. Gosoonni maariyyee jaldeessaa lamatu jiru- Clade 1 fi Clade 2 jedhamu. Maariyyeen jaldeessaa inni bara 2022 yaaddoo fayyaa ta’uunsaa labsame Clade 2 ture.
Inni haga tokko salphaafi baayyee kan tatamsa’us hin turre. Inni ammaa garuu akkaan balaafamaadha. Clade 1 kan jedhamu kun namoota tatamsa’ina isaa jalqabaan qabaman keessaa dhibbentaa 10 ajjeeseera. Fulbaana bara darbee keessa gosti vaayirasii dhibee kana tatamsaasu haaraan mul’ateera. Vaayirasii haaraan akkuma argamaa deemu hammeenyi dhibee kanaas ni dabala. Dhibeen kunis gara Clade 1b geeddarame. Kun isa saffisaafi baay’inaan faca’uu danda’uudha. Saayinstistiin tokko gosa kanaan ”akkaan hamaafi kan lubbuu namoota baayyee galaafatu,” jechuun ibseera.
Jalqaba bara kanaa erga dhibeen kun Rippaabilika Dimokiraatawaa Koongoo keessatti yaaddoo ta’erraa eegalee hanga ammaa namoota kuma 13 achitti qabaman keessaa yoo xiqqaate 450 kan ta’an du’aniiru. Biyyoota Afrikaa kanneen akka Burundii, Rippaabilika Afrikaa Giddugaleessaa, Keeniyaafi Ruwaandaa keessattis dhukkubichi argameera. Adoolessa 2022 dhibeen maaree jaldeessaa inni duraanii- Clade 2 jedhamu biyyoota addunyaa 100 keessatti babal’ateera. Biyyoonni Awurooppaafi Eeshiyaa muraasa keessatti dhibeen kun argamee ture. Madda: BBC
Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa jedhutti wayita sana dhibee kanaan namoonni kuma 87 qabaman keessaa 140 kan ta’an du’aniiru.