Malkaa Jiillee: Sirna Shira Dabaa Saaxiluun Hariiroo Obbolummaa Ittifufsiise

Aanolee Bulchiinsa sablammii Oromoo keessaa aanaan Jiillee Dhummuugaa tokkodha. Gandoonni aanichaa sagalii ol aanolee godina Shawaa Kaabaan wal daangessanii argamu. Hawaasni naannoo sana jiraatu wal danda’uufi wal kabajuun baroota dheeraaf waliin jiraachaa har’arra gaheera. Haata’u malee, qaamoleen fedhii dhuunfaa kabachiifachuuf naannicha keessa hidhatanii socho’an saboota baroota dheeraaf waliin ture kana gidduutti dhimmoota wal shakkii uuman bocuun hojmaata badii raawwatanii nageenya hawaasa lameenii yeroo garaagaraatti booressuurraa duubatti hinjenne. Sababa qaamolee hidhatanii socho’an kanaan lubbuun lammiilee baay’ee darbeera; lammiileen qe’eefi qabeenyaa isaaniirraa buqqa’uun rakkoowwan hawaas-dinagdee olaanaaf saaxilamaniiru; qabeenyi baay’eenis manca’eera.

Ta’us, shira xaxame kanarratti hawaasni ollaa lamaan kun dammaquun kallattii furmaataa kaa’uuf caasaalee nageenyaa mootummaa waliin qindoomanii sochii taasisaniin yeroo gabaabaa keessatti naanichatti nageenya fooyyee qabu fiduun mootummaa naannoo Amaaraarraa dinqisiifannaafi beekamtii argataniiru . Milkaa’ina gama kanaan argameen hawaasni waliin jiraatu kun dinqisiifameera.

Bulchaa olaanaa aanaa Jiillee Dhummuugaa obbo Alii Sa’id, hawaasni aanichaafi uummattonni obbolaa biroo amantiifi sanyummaan osoo wal hin qoodiin baroota dheeraaf jaalalaan dabaalameen kan wajjin jiraataa jiru ta’uu himaniiru. “Gandoonni aanaa keenyaa sagal ol ta’an godina Shawaa Kaabaan wal daangessanii argamu. Baroota baay’eef hawaasni Jiilleefi aanolee ollaa keenyaa afaaniifi amantaan osoo wal hin qoodiin kallattii baay’een walitti hidhamuun jireenya hawaasummaa gaarii waliin qooddachaa kan jiranidha” jedhaniiru. Adeemsa yeroo keessa qaamoleen hawaasicha bakka bu’uu hin dandeenye dantaa dhuunfaa isaanii kabachiifachuuf jecha hidhannoo seeraan alaan socho’an saboota kanneen walitti buusuuf yaalii taasisaniin badiin guddaa uumamee turuu yaadataniiru.

Hawaasicha gidduutti wal shakkiin akka uumamu, walitti dhufeenyi jireenya hawaasummaa isaa akka gufatuuf hojiin guddaa qaamolee waliin jireenya hawaasichaatti hin gammanneen raawwatamaa turuu kaasaniiru. Akka obbo Aliin jedhanitti, qaamoleen hidhatanii socho’an kun uummattoota lamaan walitti buusuun aarsaa hinmalle kaffalchiisaniiru. Haata’u malee, qindoomina raayyaa ittisa biyyaafi qaamolee hawaasichaa nagaa barbaadaniin yeroo ammaa nageenyi fooyyee qabu argamuun hawaasni lamaan jireenya hawaasummaa isaa duraaniitti karaa nagaan gaggeeffachaa jiraachuu eeraniiru. Hawaasni Jiillee Dhummuugaa akkuma kutaalee hawaasa biroo yeroo rakkoon waldhabdee mudatutti duudhaa rakkoo ittiin furatu akka qabu kan kaasan obbo Aliin, yeroo nageenyi boora’utti karaa duudhaasaa ganamaatiin Sirna “Abbaa Dhiiraa” fayyadamuun rakkoo kan  furatu ta’uu himaniiru.

“Abbaan Dhiiraa kan dhiira bobbaasuufi warreen nageenya booressan daandii nagaatti fiduuf kutannoon kan hojjetudha” jedhu obbo Aliin. Tooftaa ittiin qaamolee badii raawwatan to’achuufi adabuun gara daandii sirriitti ittiin fiduun danda’amu sirna ittiin bulmaataa “Malkaa Jiillee”jedhamu hundeessuun seera ittiin bulmaataa rakkoolee baay’ee to’achuuf gargaaruu kanaan hojii guddaa ittiin hojjechuu danda’uu himaniiru. Kanaanis, eeruu uummataan kennameen namoota hawaasicha gidduutti wal dhibdee finiinsan adda baasuun gorsaafi adabbii barbaachisaa itti muruun daandii nagaatti fiduu danda’uu bulchaan aanichaa himaniiru. Gama jiraattoota ollaa lachuurraa maanguddoota biyyaafi abbootii amantaa dadamaqsuun rakkoo jiru ilaalanii bakka dubbiin itti maqe barbaadanii bakkatti akka deebisaniif qindeessuu eeraniiru. Gama kanaanis hojiin hojjetame nageenya waaressuu keessatti bu’aa ija gaarii qabu argamsiisuu kaasaniiru. Gaggeessitoonni aanolee ollaa caasaalee nageenya kabachiisaniifi kutaalee hawaasaa waliin ta’uun yeroo yeroon walitti dhufuun mariin taasifamaa turuu addeessaniiru. Yeroo ammaa farreen nageenyaa hawaasa keessa riphanii jiraatanis hawaasni naannawichaa jiruufi jireenyasaa karaa nagaan akka duraaniitti waliin jiraachaa akka jiru mirkaneessaniiru.  “Hojiin gama kanaan hojjenne firii gaarii buusuun bakka gaggeessitoonni olaanoo argamanitti ittaanaan muummicha ministeeraa Itoophiyaa obbo Tamasgan Xurunah beekamtiifi guddaa nuuf kennanii jiru” jedhaniiru. Akkasaan jedhanitti, uummatichi kallattii hedduun walitti hidhamee waan jiruuf shirri kamuu xaxamuu  addaan baasuu hin danda’u.  Fuulduraafis, ijaarsa obbolummaa uummattootaa irratti  xiyyeeffannoon kan hojjetan ta’u eeraniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Sanbatee, aadde Faaxumaa Hasan, haalli nageenya naannawichaa murna hawaasa bal’aa bakka hin buuneen boora’ee turuu himaniiru. Rakkoo mudate kanaaf kallattii furmaata barbaaduuf gaggeessitoota godina Shawaa Kaabaa aanaa Efraataa Gidimiifi bulchiinsa magaalaa Axaayyee waliin walitti dhufanii irra deddeebiin marii bal’aa taasisaa turuu isaanii ibsaniiru. Gaggeessitoota gidduutti wal hubannaa guddaa erga uumanii booda yaada araaraa gara hawaasa bal’aatti gadi buusuun waltajjii mariif dhiheessanii yaadichi fudhatamummaa olaanaa argatee nageenya boora’e waaressuu danda’uu dubbataniiru. Gama hawaasa lamaan irraa dargaggoota karaa seeraa alaan socho’an kallattii nagaa hordofuu akka qabaniif hojiin guddaa hojjetamuu kaasaniiru.

Dargaggoonni karaa hin mallerra deemaa turan nageenyaaf dursa kennuun karaa nagaa filachuun hawaasaatti makamuu himaniiru. Hojii kana milkeessuu keessatti gaggeessitoota dabalatee gaheen maanguddoota biyyaafi abbootii amantaa olaanaadha jedhaniiru. Aadde Faaxumaan hariiroo obbolummaa ollaa isaanii gidduu jiru cimsuuf qopheessummaa magaalaa Sanbateen dargaggoota bulchiinsa magaalaa Axaayyeefi Sanbatee gidduutti waldorgommiin kubbaa miilaa adeemsifamuu dubbataniiru. Taphni waldorgommichaa erga xumurameen booda dargaggoonni saboota lamaanirraa walitti dhufan bulchiinsa magaalaa Sanbateetti ashaaraa magariisaa waliin dhabuu ibsaniiru. Akkasaan jedhanitti, dargaggoota kanneen walitti fiduun walitti dhufeenya obbolummaa kaleessa ture sana dagaagsuuf kan gargaarudha.

Haala qabatamaa amma jiruun nageenyi naannichatti waan bu’eef hawaasni magaalota lameenii karaa nagaa walitti dhufee jiruufi jireenya hawaasummaa gaggeeffachaa jiraachuu himaniiru. “Hojiin gama kanaan hojjenne nuuf milkaa’ee qaama olaanoon dinqisiifatamneerra. Nuti waltaanee hojjechuun keenya beekamtiif osoo hin taane nageenyi hawaasicha gidduutti akka bu’uufidha. Haata’uu malee, beekamtiin gama kanaan argame fuulduraaf cimnee akka hojjennuuf kaka’umsa nutti horeera” jedhaniiru.

Obbo Tamasgan Tasfaa, godina Shawaa Kaabaatti Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Axaayyeeti. Hawaasni lamaan afaaniifi amantiin osoo adda hin qoodamiin baroota dheeraaf tokkummaan waliin jiraachaa akka jiru dubbataniiru.  “Abaabayyuufi akaakayyuun keenya walirraa fuudhanii maatii horaniiru. Hawaasni lamaan firooma dhiigaan walitti hidhamaadha. Yeroo gaddaafi gammachuu dursee kan waliif birmatudha” jedhaniiru. Hawaasa kana addaan baasuuf finxaaleyyiin yaalii guddaa taasisuu eeraniiru. Waldhabdee mudatee ture kan kaasan saboota lamaan osoon hin taane gareewwan dantaa dhuunfaa argachuuf socho’an ta’uu himaniiru. Ta’us shirri murna nagaa hin feeneen shirame qindoomina hawaasichaan fashalaa’uu himaniiru. “Yeroo rakkoon nageenyaa mudatee turetti saboota lamanirraa jaarsoliin biyyaafi abbootiin amantaa filamuun bakka rakkoon jiru adda baasuuf hawaasatti gadi bu’anii yoo qoratan rakkoon hawaasicha bira kan hin jirre ta’uu mirkanaa’eera” jedhaniiru. Amma haalli nageenyaa hawaasicha gidduu jiru fooyyee guddaa qabaachuu kaasanii akkuma duraaniitti gabaa tokkotti bahuun walirraa bitaafi gurgurachaa jiraachuu addeessaniiru. Akkasaan jedhanitti, gaggeessitoota waliin hojii hariiroo hawaasichaa cimsuu jalqabame ittifufsiisuun jaalalaafi tokkummaa saboota lamaan dagaagsuuf kutannoon ni hojjetama.

 

Oduu

AMECO Hirkoo