Qonna Tuteeffamaa

Sadarkaa biyyaatti qonni tuteeffamaa baratamaa dhufeera. Tuteeffamaan oomishuun guddina misooma qonnaatiif barbaachisaafi filatamaadha. Qonni tuteeffamaa adeemsa qonnaa ta’ee, qonnaan bultoota naannoo teessuma lafaa murtaa’e keessatti walitti dhihaatan lafa qonnaa isaanii irratti hundaa’uun gurmeessuun walta’insaafi guddina diinagdee qonnaa uumuuf kan ooludha. Biyya baay’ina uummataa qabduufi oomishaafi oomishtummaa dabaluu barbaaddu mala qonnaa ishee ammayyeessuun dirqama isheeti. Maloota kanneen keessaa tokko toftaa qonna tuteeffamaati.

Akka biyya keenyaatti tuteeffamaan oomishuun yaadannoo keenya yeroo dhihooti. Ta’us malli kun faayidaa olaanaa galmeessisaa akka jiruudha ogeessonni damee kanarratti bobba’an kan kaasan. Qonnaan bultoonni dubbifnees tuteeffamaan oomishuun bu’aa gaarii qabaachuudha kan himani. Qonnaan bulaa Mahaammad Yusuuf. aanaa Dawaa Caffaatti jiraataa ganda Baddannoo yoo ta’an, baroota dhihoo asitti tuteeffamaan oomishuutti madaquu dubbataniiru. Haala kanaan oomishuun hojii adeemsa qonnaa ammayyaa ta’e waan hordofsiisuuf wantoota farra midhaanii ta’an to’achuufis ta’e oomishaafi oomishtummaa dabaluuf tuteeffamni gaarummaa qabaachuu kaasaniiru. Bara kana qonnaan bultoota ganda isaanii ooyiruu naannoo tokko qaban faana wal ta’uun mishiingaa hektaara 40 tuteeffamaan facaasuun haala gaariin misoomsaa akka jiran dubbataniiru.

‘’Ooyiruu qotuurraa kaasnee hanga calleessuutti yeroo walfakkaataatti gamtaan waan hojjennuuf tuteeffamaan oomishuun baay’ee filatamaadha’’ jedhaniiru. Yeroo ammaa oomishasaanii aramaafi farreen miidhanii biroorraa eeguun callaa fooyyee qabu argachuuf hojjechaa akka jiran himaniiru. Callaa guddistuu garaagaraa deggarsa ogessa qonnaan adeemsa saayinsawaa hordofuun sirnaan itti fayyadamuu dubbataniiru. Hojmaata tuteeffamaan walqabatee ogeessi gama qonnaan jiru deggarsa ogummaan cinaa dhaabbachuu kaasaniiru. “Haala duraan baratameerra tuteeffamaan oomishuun gama hundaanuu gaariidha”jedhaniiru.

Waajjira qonnaa aanaa Dawaa Caffaatti, ogeessa midhaanii kan ta’an obbo Maarqos Kormee, barana sadarkaa aanichaatti hanga ammaatti lafti hektaarri kuma sadii ol adeemsa tuteeffamaan gosoota midhaanii garaagaraan haguugamuu himaniiru. Hojii hubannoo uumameen qonnaan bultoonni aanichaa kuma torbaa ol ta’an hojii qonna tuteeffamaarratti hirmaachuu kaasaniiru. Adeemsi tuteeffamaan oomishuun, oomishaafi oomishtummaa dabaluu keessatti qooda guddaa waan qabuuf qonnaan bultoonni baay’een hojiirratti hirmaachuuf fedhii guddaa agarsiisaa akka jiran oggessichi ibsaniiru. Midhaan faca’e  yeroo walfakkaatutti waan gahuuf kunuunsaafi hordooffii barbaachisaa taasisuuf salphaa ta’uu eeraniiru. Hojmaanni tuteeffamaa haala qilleensaa walfakkaataa keessatti waan oomishamuuf kunis callaa gaarii argamsiisuuf gahee olaanaa qabaachuu dubbataniiru. Biqiltuun farreen midhaanii adda addaan akka hin mancoofneef hordoffiin bal’aa qonnaan bultoota waliin taasisa jiraachuu kaasaniiru.

Ittaanaan itti gaafatamaa qajeelchaa qonnaa bulchiinsa Sablammii Oromoo, obbo Hasan Sa’id, tuteeffamni oomishaafi oomishtummaa guddisuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu himaniiru. Qonna tuteeffamaan qonnaan bultoota lafa qonnaa muraasa qaban walitti fiduun hojiitti galchanii oomishaafi oomishtummaa gaarii akka argatan taasisuun ni danda’ama jedhaniiru. Akkasaan jedhanitti, tuteeffamni qonna ammayyaa bifa qindaa’aa ta’een midhaan gosa tokko naannoofi yeroo walfakkaataatti oomishuudha. Sadarkaa bulchiinsichaatti lafti tuteeffamaaf ooluu danda’u hektaara kuma 20 ol ta’uu eeraniiru. Kanattis sirnaan dhimma itti bahuuf sochiitti akka jiramu dubbataniiru. “Tuteeffamaan oomishuun ooyiruu qofa osoo hin taane, qonnaan bultoonni caalmaatti akka waliitti hidhaman ni taasisa. Hojiin misooma tuteeffamaa qonnaan bultoonni waliin karoorsuun meeshaalee teeknolojii walfakkaataa fayyadamuun midhaan walfakkaataa akka oomishaaniif kan gargaarudha” jedhaniiru. Tuuteffamaaan oomishuun ammayyummaa qonnaa dabaluu bira darbee, oomishaafi oomishtummaan akka dabalu kaasaniiru.

Bulchiinsichatti oomishni tuteeffamaan oomishamaa ture mishingaafi maashoo ta’uu dubbataniiru. Bara kanas qonnaan bultoonni hojii kanarratti akka bobba’aniif haaldureewwan barbaachisoo raawwatamaa jiraachuu addeessaniiru. Hubannoo qonnaan bultootaaf uumameen bara baraan hojiin tuuteffamaan oomishuu babal’achaa akka jiru himaniiru. Bara darbe bulchiinsichatti tuteeffamaan mishingaafi maashoon oomishameerraa qonnaan bultoonni kuma 23 ol fayyadamoo ta’uu eeraniiru. Akkasaan jedhanitti, bara kanas hojii kana bal’inaan itti fufsiisuuf hubannoon bal’aa qonnaan bultootaaf kennameera. Haalli teessummaa lafaa aanaa Dawaa Caffaa, bulchiinsa magaalaa Kamisee, aanaa Jillee Dhummugaafi aanaan  Arxummaa Fursii, hojii tuteeffamaaf kennataa ta’uu dubbataniiru. Aanolee hunda keessatti hojicha babal’isanii hojjechuurratti jalqabbiin jiru gaarii ta’uu kaasaniiru. Qonnaan bultootaaf bara darbe tiraaktarri qonnaa 17 ta’uu dhihaachuu kan himan obbo Hasan bara kanas tiraakteroonni 30 ta’an akka galaniif gaaffiin qonnaan bultootarraa dhihaatee jiraachuu ibsaniiru. Eegaa hojiilee qonna ammayyeessan keessaa tokko mala qonna tuteeffamaa waan ta’eef hojmaanni kun cimee gara iddoowwan adda addaatti baballachuu qabu jechuun barruu keenya xumurreera nagaatti!

 

Oduu

AMECO Hirkoo