Barnootni guddina biyya tokkoof gumaacha olaanaa qaba. Ijaarsi biyya tokko galma gahuu kan danda’u, bu’uura hojiilee hundaa kan ta’e barnoota irratti ciminaan yoo hojjetamuu danda’eedha. Dhaloota amalaafi naamusa gaarii qaban horuu keessatti barnootni gahee bakka bu’ummaa hin qabne taphata. Lammiilee jaalalaafi kabaja biyyaaf qaban horachuun kan danda’amuus sirna barnoota bu’uura cimaa qabu ijaaruun yoo danda’ame akka ta’e hin shakkisiisuu. Iccitiin biyyoota guddatan inni ijoon barnootaaaf, keessattu guddina saayinsiifi teknooloojiif xiyyeeffannoo addaa kennanii hojjechuu isaaniiti.
Qajeelchi Barnootaa bulchinsa sablammii Oromoo hojii baruufi barsiisuu kan bara 2017 milka’aa taasisuuf qophii dursaa xumuruun gara hojii galuu isaa beeksiseera. Bulchinsa sablammii Oromootti manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa 261fi manneen barnoota sadarkaa lammaffaa 22 tajaajila baruufi barsiisuu haala gaariin kennaa jiru. Bara barnoota haaraa kanattis barattoota haaraa dabalatee kanneen kanaan dura barnoota irra turan harcaatii tokko malee gara barnoota isaaniitti akka deebi’an hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
Akka bulchiinsa sablammichaatti bara barnootaa 2017tti daa’imman haaraa umurii isaanii barnootaaf gahe kuma 26fi 726 gara barnootaatti fiduuf karoorfamee, hanga ammaattis barattootni kuma 20fi 737 galmaa’aniiru. Kanaanis barattoota glmaa’an keessaa barattoonni kuma 18fi 344 barnoota eegaluu isaanii ragaan qajeelcha barnoota bulchiinsa Sablammichaa irraa argame ni mul’isa. Hanga karoorfame milkeessuufis galmeen akkaataa kallattii naannichaa kaa’een itti fufee jiraachuu ibsamera. Barattootni bara barnootaa haaraa kanatti galma’aanii barnoota isaanii Fulbaana torba irraa eegale hordofa jiraachuu ibsameera. Barattoota hunda gara barnootaatti fiduuf hojiin tumsaa hojjetamaa akka jirus addeessaniiru.
Jiraattuu aanaa Dawwee Haarawaa kan taate Jiituu Lammiin bara barnoota 2017tti barnoota kutaa tokkoffaa barattoora eegalan keessssa ishee tokkodha. Daftara, qalamaafi waan ishee barbaachisu hunda bitattee barnoota ishee kutaa tokkoffaa eegalteetti.
Haadha barattuu Jiituu aadde Abarree Gammachuu, ijoolleen isaanii bara kanaa barumsa akka eegalaniif qophii barbaachisuu hunda haala gaariin taasisaa turu eeraniiru. Yeroo ammaa ijoolleen isaanii barachaa akka jiranis himaniiru. Jiituun barnoota kutaa tokkoffaa ishee yeroo jalqabdu haala salphaan akka milkooftuuf qubeewwaniifi lakkoofsaawwaan adda addaa shaakalsiisaa turuu dubbataniiru. Daa’imni isaanii barnootaan cimtuu taate sadarkaa guddaa irraa akka isheen geessuuf deeggarsaafi gorsaawwaan adda addaa kennaa turuus ibsaniiru.
Kaka’umsi hawaasni barnootaaf qabu daran dabalaa jiraachuus waan taajjaban irraa ka’uun aadde Abarreen dubbataniiru. Hawaasni daa’imman umuuri isaanii barnootaaf gahee gara barnootaatti geessaa jiraachuu ibsaniiru.Aanaa Dawwee Harawaatti barsiiftuu mana barumsaa Booraa sadarkaa tokkoffaa, Abinnat Asiraat, daa’imman umuriin isaanii barnootaaf gahe gara barnootaatti fiduuf barsisootni kutannoodhaan hojjechaa jiraachuu dubbataniiru. Daa’imman umuriin isaanii barnootaaf gahe barnootaan ala akka hin taane hojii hubannoo hawaasichaaf uumu dabalate, hojiileen hedduu hojjetamu kaasaniiru.
Itti gaafatamaan qajeelcha barnoota bulchiinsa sablammii Oromoo obbo Indiriis Ahmad, akka bulchinsa sablammichaatti daa’imman umuriin isaanii barnootaaf gahe hunda gara barnootaatti akka galan taasisuuf hojii guddaan hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Kanaanis haal dureewwan adda addaa hojjetamaa turuu himaniiru.
Qaamolee hawaasa garaagaraa hirmaachisuun hojii naannawa manneen barnootaa mijataa taasisuu, fullee manneen barnootaa jijjiiru, bu’uura misooma manneen barnoota hawwataa akka ta’aan taasisuu, dareewwan barnoota suuphuufi teessoo barattoota suuphuu, dabalatee hojiileen qophii dursaa hedduu hojjetamaa turuu ibsanii yeroo ammas barattootni barnoota idilee isaanii barachaa jiraachuu himaniiru.
Galmeen barattootaa bara barnoota 2017 Hagayya 22 bara 2016 irra eegale guutuu bulchinsa sablammichaatti adeemsifamaa turuu yaadachisani, barattoota galmessuuf karoorfame kuma 222 keessaa hanga ammaatti barattoonni kuma 160 ol (dhiibbentaa 80) galmaa’anii barnoota isaanii barachaa akka jiran himaniiru.Uummata bulchiinsa sablammichaafis ijoollee isaa yeroodhaan akka galmeessisuufi gara barnootaatti akka erguu hojiin hubannoo uumuu waltajjiwwaan garaagaraa irratti kennamaa tureera jedhaniiru. Hawaasichi ilaalcha gaarii barnootaaf qabu yeroo irraa gara yerootti dabalaa jiraachuu kan kaasan obbo Indriis kanaanis hawaasni hedduun ijoollee isaa gara mana barumsaatti fiduun barnoota isaanii akka eegalan taasisaa jiraachu himaniiru.
Ijoolleen umuriin isaanii barnootaaf gahe, hundi isaanii akka galma’aanii barnoota isaanii akka hordofan taasisuuf qaamolee dhimmi barnootaa isaan ilaallatu waliin mari’achuun gara hojiitti galamu dubbataniiru. Barattoota kanneen hafan gara barnoota idile isaanii deebisuuf hojiin hedduu itti fufinsaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Barattootni harka qalleeyyii ta’an sababa meeshaaleen barnootaa guutamuu dhabuutin barnoota irraa akka hin hafneef qaamolee deeggartootaafi tola ooltoota waliin ta’uun deeggarsii taasifamuu obbo Indriis hubachiisaniiru.
Alamuu Balaayiin