Biiroon Hojiifi Leenjii Naannoo Amaaraa kurmaana 1ffaatti Lammiilee Kuma 64 Oliif Carraa Hojii Uumuu Beeksise

Naannoo Amaaraatti bara baajataa 2017 kurmaana tokkoffaatti karoora qabame keessaa lammiilee kuma 64 fi 688 carraan hojii dhaabbataafi yeroo uumamu biiroo hojiifi leenji naannoo Amaaraatti, itti gaafatamaan hariiroo uummataa, Andaargaachaw Goffaa ibsaniiru.

Biirichi humna namaa leenji’a gabaa naannawichaa dhiheessaa jiraachuus ibsameera. Kana malees biirichi Giddugala teeknoolojii ta’uu oomishaafi oomishtummaa inteerpiraayzoota xixiqqaa guddisuuf hojjechaa jiraachuu obbo Andaargaachaw ibsaniiru. Sochii hunda galeessa diinagdee ta’an keessatti dargaggoota, dubartootaafi qaama miidhamtoota itti fayyadamummaa haqa qabeessa taasisuuf carraa hojii bal’aa uumuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

 Biirichi bara baajataa 2017tti  lammiilee miliyoona tokkoofi kum 233 oliif carraa hojii uumuuf karoorse gara hojiitti galu isaa kan ibsan itti gaafatamtich, bara baajatichaa, kurmaana tokkoffaa keessatti lammiile kuma 64 fi 688 carraan hojii dhaabbataafi yeroo uumamuu ibsaniiru. Intarpiraayizoota haarawa ta’an hundeessuun, intarpiraayizoota turan deeggaruun, piroojaktoota gurguddoo mootummaafi dhaabbilee dhunfaa keessatti lammiilee hedduuf carraa hojii dhaabbataafi yeroo akka uumamuuf dandeessisuufi bobbii hojii biyyoota alaa irraa fayyadamaa akka ta’an taasifamuu itti gaafatamtichi himaniiru.

Lammiilee carraan hojii uumameef keessaa dhiibbantaan 52.65 dubartoota akka ta’an dubbataniiru. Kanaanis itti fayyadamummaa dubartootaa ol guddisuun danda’amuu himaniiru. Dabalataanis biiroo dubartootaafi daa’immanii naannichaa waliin qindoomuun dubartootaaf carraa hojii uumuufi dubartoota gara hoggansaatti fiduun hojiileen dam-daneessa hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Sochiilee diinagdee akka biyyaafi naannootti uumaman keessatti lammiileen haala haqa qabeessa ta’een itti fayyadamaa taasisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu obbo Andaargaachaw himaniiru.

Damee carraa hojii uumuu biyya alaatiin lammiilee kuma 250 ta’an bobbaasuuf naannichaaf carraan kennamuu himaniiru. Lammiileen carraa kana fayyadamuun leenjii idileefi gaggabaaboo fudhachuun akka isaan irra jiraatu eeraniiru.  Ministeerri hojiifi leenjii federaalaa qophesseen,  ‘LMIS’ toftaa (https://lmis.gov.et/) fayyadamuun  galmee onlaayinii taasisuun lammiileen itti fayyadama carrichaa akka ta’an waamicha dhiheessaniiru.

Alamuu Balaayiin

 

Oduu

AMECO Hirkoo