Itoophiyaan Dhukkubni Maaree Jaldeessaa Gara Isheetti Akka Hin Seenne Hojjechaa Jirti

Dhaabbata Fayyaa Addunyaan balaa fayyaa hamaa ta’ee kan labsame, dhukkubni Maaree Jaldeessaa (monkeypox) dhukkuba daddarbaa vaayirasii gosa ‘Orthopox’ jedhamu irraa kan dhufudha. Vaayirasiin dhibichaa yeroo jalqabaaf bineensota irraa gara namaatti darbuutu himama. Amma garuu namarraa namatti daddarbuu akka danda’u mirkanaa’eera. Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ibsutti dhibeen kun namarraa gara namaatti kan daddarbudha.

Giddu-galli To’annoofi Ittisa Dhukkuboota Afrikaa (CDC) dhibeen maaree jaldeessaa Bahaafi Giddugaleessa Afrikaatti saffisaan babal’achaa jiraachuufi guutuu Afrikaatti balaa fayyaa hawaasaa ta’uu isaa beeksiseera. Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa dhibeen kun Keeniyaa, Koongoo, Burundii, Yugaandaafi Ruwaandaa dabalatee biyyoota 13 keessatti mudachuu isaa mirkaneesseera. Akka odeeffannoon marsaariitii dhaabbatichaa irraa arganne agarsiisutti namoonni kuma 2 fi 863 ol dhibee kanaan qabamaniiru. Isaan keessaa namoonni 517 du’aniiru.

Daarektarri olaanaa dhaabbatichaa Dr. Teediroos Adaahanoom, bu’aa qorannoo ogeeyyii dhaabbatichaan gaggeeffame eeruun ”dhukkubni maaree jaldeessaa Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo keessatti saffisaan babal’atee gara biyyoota ollaa keessatti babal’achaa jira” jedhaniiru. Akka gabaasa ‘African News’ jedhutti,  bara 2024 seenee as Afrikaa keessatti tamsa’inni vaayirasichaa galmaa’e yoo xiqqaate namoota kuma 19  kan ga’e yoo ta’u, kana keessaa dhibbentaan 90 Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo keessatti gabaafameera. Koongoo keessatti tamsa’ina vaayirasichaa keessaa dhibbentaan 70 daa’imman umuriin isaanii waggaa 15 fi isaa gadi ta’uu ibsameera.

Gorsituu Dhaabbata Fayyaa Addunyaafi Giddugala To’annoofi Ittisa Dhukkuboota Afrikaa kan taate Piroofeesar Heelen Riis, dameen fayyaa addunyaa dhimma kanaaf xiyyeeffannoo gahaa akka kennuu qabu himaniiru.Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa dhukkubni maaree jaldeessaa kan fayyaa hawaasaa miidhu ta’uu erga labsee booda, dhibeen kun gara Itoophiyaa akka hin seenne tarkaanfiiwwan ittisaa adda addaa fudhatamaa akka jiran Ministirri Fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa dubbataniiru. Gama biraan Itoophiyaan seensaafi ba’insa gurguddoo biyyasheerratti hordoffii gahaa taasisuun dhukkuba maaree jaldeessaa to’achaa akka jirtu himaniiru. Ministeerichi Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa waliin ta’uun Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleefi seensa Mooyyaalee akkasumas bakkeewwan seensaa biroon to’annoofi sakatta’insa taasisaa jiraachuu eeraniiru. Hojii qorannoo daangaafi naannoowwan dhibichaaf saaxilamoo ta’an, dandeettii kutaa yaalii (laaboraatoorii) dhibee kana adda baasuu guddisuufi dandeettii ogeeyyii cimsuuf xiyyeeffannoon kennamuu kaasaniiru.

Doktar Mesaay Haayiluun Daarektaara Olaanaa Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaati. Daa’imman, dubartoonni ulfaafi namoonni dandeettiin ittisa qaamaa isaanii laafaa ta’e dhukkuba maaree jaldeessaaf saaxilamoo waan ta’aniif rakkoo kana walxaxaa taasisa jedhaniiru. Dabalataanis, dhibeen kun akka Itoophiyaa hin seenne tattaaffiin taasifamaa jiru kan ittifufu ta’uu himaniiru. Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa mallattoolee armaan olitti ibsaman ofirrattis ta’e nama biraa irratti yommuu hubatu dhaabbata fayyaa dhiyoo jirutti gabaasuu ykn sarara bilbilaa bilisaa 952 fi 8335 irratti yaada kennuu akka qabu beeksiseera.

Dhukkubni Maariyyee Jaldeessaa nama kamiyyuu miidhuu danda’a. Ta’us, irra jireessaan daa’imman huba. Hamma Afrikaa keessatti mul’atu keessaa, dhibbantaa 90 kan ta’u ijoollee waggaa 15 gadii akka ta’e qorannoon ni mirkaneessa. Dhukkubichi nama qabee hanga mallattooleen dhukkuba kanaa nama irratti mul’atanitti guyyoota jaha hang 13 fudhachuu danda’a. Garuu guyyoota shan hanga 21 tu’uus ni mala. Mallattooleen dhukkuba Maaree Jaldeessaa kan dhukkuba ‘Smallpox’ waliin wal fakkaatu. Ta’us, kan ‘Smallpox’ irra kan fooyyee qabanidha.

Mallattoolee Dhukkuba Maaree Jaldeessaa:

-Shifee qaamaa

-Qorra qorra nama jechuu (Miira qorraa)

–Dhagni nama gubuu (Ho’ina yookaan gubinsa qaamaa)

–Mataa dhukkubbii yookaan bowwoo

–Dhukkubbii maashaa

–Maashaaleen qaamaa nama bututuu

Dhukkuba Maaree Jaldeessaa, Akkamitti Ofirraa Ittisuu Dandeenya?

Talaalliin dhukkuba ‘Smallpox’ dhibee kanaaf gargaarus, yeroo ammaa kana namoota mana yaalaatti dhimma ‘Smallpox’ keessatti hojjetan qofa irratti kan daanga’edha. Talaalliin dhukkuba ‘Smallpox’ dhukkuba ‘Monkey pox’ dhibbantaa  85 ittisuu danda’a.

√ Meeshalee vaayirasii kanaan faalaman tuttuquu dhiisuu

√ Nyaata foon bineeldotaa qaban sirriitti bilcheessuu

√ Yeroo namoota dhukkuba kanaan qabaman yaallu yookaan eegumsa goonuuf, meeshaalee ittisa dhuunfaa fayyadamuu

Guddinaa Asaffaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo