Biyyoonni Waancaa Afrikaa Bara 2025tiif  Darban Adda Baafaman

Waancaa Afrikaa bara 2025  qopheessummaa Morookoodhaan kan gaggeeffamudha. Dorgommii kana irratti hirmaachuuf biyyoonni ramaddii isaaniin qoodamuun taphachaa turaniiru. Gareewwan hunduu tapha xumuraa rammaddii isaanii taphachuun xumuraniiru. Bu’uuruma kanaan qopheessituu waancichaa Morookoo dabalatee biyyoonni waancaa Afrikaa bara 2025′ hirmaachuuf milkaa’an adda baafamaniiru. Kanaan dura sochiin kubbaa miilaa laafaa ta’e kan keessatti gaggeeffamu Afrikaan Bahaa waancaa Afrikaa bara 2025 irratti bakka bu’oota sadii argachuu dandeesseetti. Isaanis: Yugaandaa, Sudaaniifi Taanzaaniyaan biyyoota Baha Afrikaa irraa waancaa Afrikaa Morookoon qopheessituuf dhaqqabanidha.

Waraana biyya keessoon gaaga’amaa kan jirtu Sudaan, kabaja kanaaf gahuu danda’uun leellifamaa jirti. Haata’u malee Gareen Biyyaalessaa ishee sababa waldhabdee keessoo uumameen dirree ofiirratti tapha taphachuu hin dandeenye. Qormaanni kun garuu waancaa Afrikaa irratti akka hin hirmaanneef hin dhorkine. Garee biyyaalessa Itoophiyaa waliin rammaddii tokko keessa kan turte Taanzaaniyaan dorgommii kanarratti bu’aa gareesheerraa hin eegamne galmeessuu danda’uun dhimma biraati. Keessumaa morkii garee Giinii waliin taasiste injifachuu akka qabdutu irraa eegama ture. Osoo tapha kana mo’amtee yookaan qabxii tokko qooddattee abdiin isheen gara Morookootti imaluuf qabdu ni xumurama ture. Akkuma eegame Giinii cimtuu taate injifachuun hirmaannaa ishee mirkaneessiteetti. Komoroosiifi Tuuniziyaa ramaddii 1ffaa, Morookoo fi Gaaboon ramaddii 2ffaa, Masriifi Bootiswaanaa ramaddii 3ffaa, Naayijeeriyaafi Beeniin ammoo ramaddii 4ffaarraa biyyoota Waancaa Afrikaa bara 2025 qaqqabanidha.

Aljeeriyaafi Ikuwaatooriyaal Giiniin rammaddiii shanaffaarraa wal qabatanii darbaniiru; rammaddii 6ffaarraa Angoolaafi Sudaan imala isaanii gara Morookootti taasisan mirkaneessanii Gaanaa garee kana keessaa sadarkaa gadaanaatti gadi buusuu danda’aniiru. Ramaddiin 7ffaa Zaambiyaafi Kootidivuwaar, ramaddiin 8ffaarraa Dimookiraatawaa Koongoofi Taanzaaniyaan hirmaannaa isaanii mirkaneessaniiru. Akkasumas ramaddii 9ffaa irraa Maaliifi Moozaambiik, ramaddii 10ffaa irraa Kaameeruuniifi Zimbaabuwee, ramaddii 11ffaa irraa Afrikaa Kibbaafi Yugaandaa kan milkaan yoo ta’an,  Senegaaliifi Burkinaa Faasoo biyyoota ramaddii 12ffaarraa Waancaa Afrikaa bara 2025′ f darban ta’uusaniiti.

Biyyoota Waancaa Afrikaa hundeessaniifi dursanii milkaa’an keessaa tokko taate Itoophiyaan milkiin erga irraa fagaate bubbuleera. Waancaa Afrikaa injifachuu miti hirmaachuunu qormaata ta’e itti fufeera. Waancaa Afrikaa waggaa dhufu Morookoon qopheessituuf osoo hin darbin hafteetti. Gulaallii Waancaa Afrikaa bara 2025 adeemsifamaa jiruun Taanzaaniyaa kan morkatte Itoophiyaan 2fi 0’n mo’amteetti. Tapha shan taphattee tokko qofa qixa baate. Taphoota afran mo’amuun osoo tapha dabalataa tokko taphattu qabdu gamanumaa carraa darbuu akka hin qabne mirkaneeffatte. Kanaaf ispoortii kubbaa miilaa Itoophiyaa kanneen itti dhiheenyaan hordofan sababoota garaagaraa kaasu. Rakkoo ga’umsaa, rakkoo hoggansa, deeggarsi hanqachuufi misoomni bu’uuraalee ispoortii dhibuu eeru. Dirree kubbaa miilaa ofiirratti, deeggartoota ofii duratti taphachuu dhabuunu rakkoo biraa ta’u ereera taphataan Garee Biyyaalessaa Itoophiyaa Gaatoch Paanom kana dura BBC’tti dubbateen.

”Dhiibbaa qaba, dirreen kaan waan mijatu qofaaf gaariidha jechuu miti. Akkuma dhaqxeen kubbaa dhiittee kan irratti dorgomtu miti. Itti baruu qabna nuti. Warri kaan dirree kanaan walfakkaaturra dorgomaa bahanii dhufu. Nutti garuu bitaacha’uu danda’a. Lammiileen Itoophiyaa gareen Itoophiyaa milkaa’uu isaa hawwaniifi qalbiin eegan irra deddeebiin waan arguu hawwan dhabuun komii dhageessisu’’ jedheers. Taphataan kun ”biyya keenya keessatti namni taphataafi leenjisaarratti murteessa. Garuummoo bu’uurarraa hojjetamuu qaba’’ jechuun yaadasaa ibseera.

Guddinaa Asaffaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo