Afrikaatti dhukkubboota fayyaa ilma namaa daran huban keessaa busaan isa hangafaati. Itoophiyaan biyyoota ardichaa dhukkubichi bal’inaan itti mudatu keessatti eeramti. Haalli teessumma lafaa biyyattii irrajireessi tatamsa’ina dhukkubichaaf kennataadha. Faca’insi dhukkuba busaa biyya keenya keessatti bakkaa bakkatti garaagarummaa guddaa kan qabu yoo ta’u, kunis kan ta’uu danda’eef adda addummaa olka’insi lafaa sirrii galaanaa irraa qabu giddu-galeeffachuuni. Naannoleen baadiyyaa magaalaa caalaa dhukkubichaaf saaxilamummaa olaanaa ni qabaatu. Yaanni olitti ka’e, ‘jiraattonni magaalaa dhukkuba busaaf hin saaxilaman jechuu miti. Inumaayyuu yeroo baay’ee dhukkuba busaa dursanii ittisuurratti naannoo magaalaatti sochiin taasifamu baay’ee laafaadha. Dimshaashumatti, tatamsa’inaan walcaalus dhukkubni busaa akkuma baadiyyaa magaalaattis ni mudata hima jedhuun wal hubachuu malla. Maddi odeeffannoo argannes kanuma gabbisa.
Obbo Mahaammadsaanii Abduramaan jiraataa magaalaa Kamisee yoo ta’an, “dhukkubni busaa magaalaa keenyatti barana qofa osoo hin taane baroota darbanittis mudachaa ture” jedhaniiru. Tibbana jiraattonni ollaadhuma isaanii dhukkuba busaaf saaxilaman akka jiran himaniiru. Naannoo magaalaatti xiyyeeffannoon ittisa dhukkuba busaa gadaanaa ta’uu eeraniiru. Kunis, sochiin ittisaa bookee busaa magaalaatti taasifamu caalmaan aadeffamaa ta’uu dhabuurraan madduu dubbataniiru. Jiraattonni magaalaa keenyaa malleen ittisa dhukkubichaa sirnaan hojiirra oolchuurratti hanqinni jira jedhu obbo Mahaammadsaaniin. Qabata kanaan, dursanii dhukkuba busaa ittisuun osoo danda’amuu dagannoo uumameen dhukkubichi akka mudatuuf carraa uumeera jedhaniiru.
Gamasaniin dhukkuba busaa ofirraa ittisuuf qe’eesaanii qulqulleessuun dabalata saaphana siree fayyadamaa jiraachuu addeessaniiru. Jiraataan kun ollaa waliin ta’uun bakkeewwan balfi dhangala’aa jiru maqsuufi qulqulleessuu isaaniiti kan himan. Barana keemikaalaa farra bookee busaa biifuufi saaphana siree raabsuurratti gama waajjira fayyaan harkifannaan akka jiru kaasaniiru. Isaan garuu, naannoo ofii qulqulleessuu dabalatee hojii of eggannoo taasisuun gahee mataa isaanii bahachuun fayyummaa isaanii haala gaariin eeggachaa jiraachuu himaniiru.
Itti gaafatamtuun Waajjira fayyaa bulchiinsa magaalaa Kamisee, siistar Asmaa Sulxaan, magaalaan Kamisee sulula Caffaa keessatti waan argamtuuf haalli teessuma magaalattii baattuu dhukkubichaa kan taateefi walhormaata bookee busaaf mijaawaadha jedhaniiru. Haalli kun carraa jiraattonni magaalattii saaxilamummaa dhukkuba busaaf qaban olaanaa taasisa jedhaniiru. Sadarkaa magaalichaatti bara darbe torbaniin yoo xiqqaate namoonni 50 ol dhukkuba busaaf saaxilamaa turuu yaadataniiru. Bara darbe magaalichaatti jiraattonni 1000 ol dhukkuba busaaf saaxilamuu eeranii, barana torbanitti namoonni busaaf saaxilamanii mana yaalaa dhufan hanga 24 qofa ta’uu kaasaniiru. Kan bara darbeen bira qabamee yoo madaalamu hojii ittisa ciminaan hojjetameen faffaca’insa dhukkubichaa dhibbantaa 50 hir’isuun danda’amuu mirkaneessaniiru. Magaalattiin gandoota magaalaa torbaafi ganda baadiyyaa tokko qabaachuu kan himan ittigaafatamtuun kun, jiraattota fayya buleeyyii horachuuf gandoota hunda keessatti ittisa dhukkuba busaarratti xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru dubbataniiru. Gandoota kanneen keessaa gandi Laaftoo (01) gandi Mata-horoo (02) fi gandi Qaacur (07) saaxilamummaan dhukkubichaaf qaban olaanaadha jedhaniiru. Siistar Asmaan ”waqtiin keessa jirru waqtii wal hormaata bookee busaaf mijataa waan ta’eef dhukkuba busaa ittisuuf hojiin hubannoo kennuufi hawaasa hirmaachisuun qulqullina naannoo hojjetamaa jira” jedhaniiru. Kana cinaattis bakkeewwan bishaan itti kufaman qulqulleeffamaa jirachuu himaniiru.
Magaalichaatti bookeen busaa hanga ji’a Sadaasaatti wal horuuf haalli mijataa waan jiruuf hawaasni kana hubannoo keessa galchuun mala ittiin bookeen busaa dhabamsiifamuu danda’uu hundaarratti fuuleffachuun hojjechuu akka qabu jajjabeessaa akka jiran ibsaniiru. Jiraattonni magaalichaa sagantaa qabachuun guyyaa Jimaataa yeroo hunda bakkeewwan walhormaata bookee busaa duulaan balleessuurratti hirmaachaa jiraachuu kaasaniiru. ‘’Gorsa ogeessa fayyaa sirriitti fayyadamuurratti hanqinni akka jiru hubanneerra; ammas itti fayyadamarratti manaa manatti deemamee hojjetamaa jira,” jedhaniiru. Jiraattonni weerara dhibichaa hambisuuf gorsa ogeessota fayyaa hojiirra oolchuufi duula taasifamurratti kana caalaa hirmaachuun barbaachisaa akka ta’e himaniiru.
Siistar Asmaan yaada laatanin, “sadarkaa magaalaa keenyaatti duulaan bishaan kuufamee jiru maqsuu, qulqullina naannoo eeguufi gorsa ogeessota fayyaa hojiirra oolchurratti hojii hubannoo uumameen jijjiiramni qabatamaa jiru jajjabeessaadha” jedhaniiru. Jiraattonni gorsa ogeessa fayyaa sirnaan hojiirra oolchuufi sosochii ittisa dhibee kanaaf taasifamu tumsuu akka qaban addeessaniiru. “Jiraattonni gorsa ogeeyyii fayyaa fudhachuu qabu; saaphana siree baroota darban fudhatanitti haalaan fayyadamuutu irra jiraata,” jedhaniiru. Bara kana saaphanni sireefi keemikaalli farra bookee busaa jiraattotaaf hin raabsamne kan jedhan itti gaafatamtuun kun, yeroo dhihoo keessatti deebii akka argatuuf qaama dhimmi ilaaluu faana hojjetamaa akka jiru dubbataniiru. Itti gaafatamtuun kun, yaala ogeessotaa qofaan utuu hin taane hawaasni naannoo isaa qulqulleessuu, saaphana sireetti sirnaan fayyadamuufi yoo mallattoo dhibichaa ofiif maatii irratti arge ariitiin buufata yaalaa deemuun dawaa argachuu akka qabu gorsaniiru.
Ragaan Inistituyuutii Fayyaa Hawaasaa Naannoo Amaaraarraa argame akka mul’isutti, rakkoolee fayyaa dhukkuba busaan dhufan ittisuuf ogeessota fayyaa gubbaa hanga gadiitti jiran waliin koreen teeknikaa hundeeffamee qindoominaan hojjetamaa jira. Sadarkaa naannichaatti guyyaa guyyaatti lakkoofsi namoota busaan qabamanii adda baafamuun torban torbaniin ammoo gamagamamee bakkeewwan dhibichi itti baay’atuuf xiyyeeffannoo addaa kennuun ittisarratti daran hojjechaa jiraachuu ragaan Inistituyuuticha ni eera. Qooda fudhattoota hunda kakaasuun duulli dhukkuba busaa sadarkaa naannootti taasifamaa jiraachuus ragichi ni mirkaneessa. Inistituyuutichi deggarsa ministeera fayyaarraa argateen aanolee naanichaa dhukkubni busaa baay’inaan itti argamuu keessatti keemikaala farra bookee busaa biifuu danda’uu ibseera.
Guddinaa Asaffaatiin