Barana gaaleen ‘misooma koridarii’ jedhu guyyuu dhaga’ama. Misoomichi magaalaa guddoo biyyattii Addis Ababaa ka’umsa taasifateera. Hojiin jalqabbiin isaa miidhagaa ta’e kun gara kutaalee biyyattiitti baballachaa jira. Kunis muuxannoon qoodatame qabatamaan akka mul’atuuf yaadameeti.
Yaadrimeen misooma koridarii maali?
Misoomni koridarii karooraafi tarsiimoo magaalaa tokko keessatti yookiin magaalota adda addaa gidduutti daandii geejjibaa ammayyaafi bu’uuraalee misoomaa ijoo ta’an irratti xiyyeeffachuun misoomsuu yaadrimee jedhu ofkeessaa qaba. Kunis daandii guddaa wiirtuuwwan diinagdee gurguddoo, daandii baaburaa, naannoo mana jireenyaafi dhaabbileewwan ijoo ta’an walqunnamsiisan of keessatti hammachuudha. Misoomni koridarii baadiyyaafi magaalaatti hojiirra ooluu kan danda’udha. Koridariin yoo misoofamu bu’uuraaleen biroos waliin misoomuuf carraa qabu. Ijaarsi daandiiwwan ammayyaawaa akka babal’atuuf ni tumsa. Kunis, biyyoota kanneen biroo biratti biyyi kun miidhaginaafi hawwattummaan maqaa gaariin akka waamamtuuf gumaacha. Daandiiwwan magaalota biyya keenyaa baay’een kanaan dura ijaaraman dhiphachuun sochii si’ataafi ariifataa kennuurratti hanqinaatu irra mul’ata. Kunis maanguddoota umuriin raaganiifi qaama miidhamtoota giddu galeeffachuun waan hin hojjetamneef sochiin isaan guyyuu taasisan yaaddoon akka guutamuuf kan affeere ta’aa tureera. Ragaan argannes kanuma gabbisa.
Shamarree Raabiyaa Ahimad jiraattuu magaalaa Kamisee yoo taatu, sababa qaama miidhamtummaan ‘Wiilcharii’ fayyadamuun bakkaa bakkatti kan sochootu ta’uushee dubbatteetti. Magaalicha keessa bakkeewwan muraasa keessa yoo sochootu daandiin jiru sochiif kan ishee rakkisu ta’uusaati kan dubbatte. Daandiin gara mana barumsaa itti deemtu mijachuu dhabuurraan barnootashee addaan kutuu eerteetti. Akka Raabiyaan jettutti, daandiin magaalaa keessaa qaama miidhamtootota giddu galeeffachuun hojjetamu qaba. Magaalaa isheen jiraattu keessatti qaama miidhamaan ‘Kiraanchii’ fayyadamuun socho’u tokko osoo deemaa jiru, balaan miidhaa salphaa ‘baajaajiin’ irra ga’uusaa waan argiteerraa nuuf qooddeetti. Raabiyaan “misoomni koridarii jalqabbiirra jiru wayita xumuramuutti daandiin walqabatee rakkooleen nu mudachaa turan ni furama jennee abdanna” jetteetti. Hojiileen misoomaa wayita hojjetaman akka koridariitti qaama miidhamtoota ilaalcha keessa galchuu akka qaban hubachiisteetti.
Waajjira magaalaafi bu’uuraalee misoomaa Bulchiinsa magaalaa Kamiseetti, bakka Bu’aa Dursaa Garee Qulqullinaafi Miidhaginaa akkasumas Ogeessi Misooma Magariisaa, obbo Abdulqaadir Usmaan, “misoomni koridarii dhimma biyya tokkoo qofa utuu hin taane kan addunyaalessaati” jedhaniiru. Misooma magariisaafi miidhagina naannoorratti hubannoon kanaan dura uummata biratti gadaanaa ture yeroo ammaa jijjiiramee akka jiru himaniiru. Miidhaginni magaalaa guddina biyyaafi jireenya lammiileef abdii guddaadha jedhu ogeessichi. Akkasaan jedhanitti misoomni koriidarii maanguddoonni, dubartoonniifi qaama miidhamtoonni yeroo magaalaa keessa socho’anitti dhiibbaa tokko malee bilisaan daandii sadarkasaa eeggatee ijaaramerra akka ba’anii galaniif kan gargaarudha. Akka dambii bulmaataa magaalaa kanaatti namni dhuunfaan mooraa mana jireenyaasaa fuuldura magariisaan misoomsuun dirqama; dhaabbileen mit-mootummaafi mootummaas akkasuma akka ta’e obbo Abdulqaadir eeraniiru.
Magaalaan erga magaalaa jedhamtee amma humnasheetti amala magaalummaa calaqqisu akka qabdu hubachisaniiru. Biyyoota addunyaa miidhagoo ta’an daawwachuuf hawwuurra biyyuma keessa jiraatan hamma danda’ame miidhagsuun keessa jiraachuuf hojjechuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru. Sadarkaa bulchiinsa magaalaa Kamiseetti bakkeewwan filatamanirratti bara darbe naannoon magariisaa (green area) misoomee turuu yaadachiisaniiru. Yeroo ammaa misooma koridarii sababeeffachuun ‘kontiinaroonni’ baroota hedduu dura daandii duratti ijaaraman kaafamaa jiraachuu ibsaniiru.
Bakkasaan irraa kaafamanis misooma koridarii biqiloota magariisaan dabaaluun hojjetanii magaalaa Kamisee miidhagduufi hawwattuu taasisuuf ciminaan hojjechaa akka jiran himaniiru. Bu’uuruma kanaan, gama ogumaa isaaniin magaalaa magariituufi miidhagduu taate ijaaruu keessatti beekumsa qaban osoo hin waakkatiin hojjechaa jiraachuu isaaniiti dursaa gareen kun kan himan. Galma ga’insa misooma kanaaf hirmaannaan jiraattotaa baay’ee barbaachisaa ta’uus kaasaniiru. “Magaalaa labata ammaafi egereef taatu ijaaruuf waliin haa hiriiru” jechuun dhaamsa isaanii dabarsaniiru.
Itti gaafatamaan Waajjira Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa bulchiinsa magaalaa Kamisee Obbo Ismaa’il Naasir, koridariin tooftaa ittiin bakkeewwan murtaa’oo hin misoomiin turan adda baasuun misoomsuuf gargaaruudha jedhaniiru. Misoomni koridarii magaalaa tokko keessatti bakkeewwan murteessoo ta’an walqunnamsiisuun miidhaginaafi hawwattummaa magaalaa kan dabalu ta’uu himaniiru. Akkasaan jedhanitti, kaayyoon misooma koridarii magaalaa sochii hawaasaa fooyyessuun guddina madaalawaa jajjabeessuufi sochii diinagdee bakkeewwan misoomeerratti dadammaqsuuf ni gargaara. Misoomni koridarii magaalaa irrajireessaan bakkeewwan manneen jireenyaa, daldalaafi bashannanaa bakka tokkotti haala gaariin walsimsiisuun misoomsuuf kan carraaqu ta’uu himaniiru. Iitti gaafatamichi misoomni koriidarii faayidaa dam-daneessa qabaachuu eeraniiru. “Hojiin misooma koridarii kenniinsa tajaajila geejjiba uummataa fooyyessuun jiraattonni bakka yaadan deemuun dhimmasaanii yeroon xumuruun gara manasaaniitti akka galan kan taasisudha” jechuun obbo Ismaa’il himaniiru. Akka itti gaafatamaan kun jedhanitti, misoomni kun sababa rakkoo daandiin balaa tirafiikaan qaamaafi lubbuu namaa akkasuma qabeenyaarra miidhaa gahu malu hambisuuf ni gargaara.
Bu’uuraalee misoomaa babal’isuufi invastimantii hawwachuufillee tumsa qabaachuu himaniiru. Naannolee magaalaatti rakkoolee hanqina bu’uuraalee misooman walqabatanii mudatan furuufi guddina magaalaa itti fufinsa qabu tolchuuf faayidaa guddaa qaba jedhaniiru. Koridariin magaalaa tokko giddugala industirii waliin walitti hidhuun, naannoo misoomsuufi dandeettii diinagdee magaalotaa cimsuuf gaheen qabu olaanaadha jedhaniiru obbo Ismaa’il turtii AMECO waliin taasisanin. Bu’uuruma kanaan, pilaniifi miidhagina magaalaa dabaluuf gaarii ta’uus himaniiru.
Itoophiyaa keessatti misoomni koridarii akka fakkeenyummaa gaariitti magaalaa Addis Ababaarraa eegale yeroo ammaa magaalonni kutaalee biyyattii tokko tokko misooma kana hojiirra oolchuu eegaluu addeessaniiru. Bara darbe sadarkaa bulchiinsa magaalaa Kamiseetti Pirojaktiin Misooma Koridarii akka agarsiisaatti meetirri 100 hojjetamee xumuramuu kaasaniiru. Bara kanas koridarii kiilomeetira tokko hojjechuuf baajanni birrii miiliyoonni 16 qabamuun haaldureen hojii raawwatamaa akka jiru himaniiru. Haala qabatamaa jiruun bakkeewwan misoomichaaf adda baafamaniif beenyaa kaffaluun manneen kaasaa jiraachuu eeraniiru. Faayidaan misooma koridarii caalaatti kan giddu galeeffatu hawaasuma magaalaafi naannawasaa jiraatu waan ta’eef jiraattonni tumsa taasisuu akka qaban hubachiisaniiru. Xumurarratti qooda fudhattoota hirmaachisuun magaalaa Kamisee bu’uuraan jijjiiruuf ciminaan kan hojjetan ta’uu himaniiru.
Guddinaa Asaffaatiin