Naannoo Amaaraatti nageenya amansisaafi itti fufinsa qabu fiduuf humna raawwachuu dhaabbiilee callisaa keessoo cimsuun barbaachisaa ta’u ibsameera. Biiroon nageenyaafi callisaa naannoo Amaaraa haala nageenya waqtaawaa irratti ibsa kenneera. Naannichatti nageenya amansisaafi itti fufinsa qabu ijaaruuf humna raawwachuu dhaabbiilee keessoo callisaa cimsuun akka barbaachisuu biriichi beeksiseera.
Biirichi ibsa isaatiin, naannichatti rakkoo nageenyaa waggaa tokko ol mudate ture iddoo duraaniitti deebisuuf raayyaan ittisa biyyaafi caasaan siyaasaafi callisaa naannichaa uummata nagaa jaallatu waliin qindaa’uun, nageenya, foyya’aafi hojiilee misooma milkaa’aa ta’an amma argamaniif gumaacha olaanaa taasisuu ibseera. Naannichatti iddoolee hundatti nageenyi foyya’an waan jiruuf, oomishawwan qonnaafi ijaarsi bu’uuraalee misoomaa milkaa’aa jiraachuu eerameera.
Hawaasni naannichas hojiilee nageenyaafi tasgabbii irratti xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechuun, qaamolee callisaafi hoggantoota waliin hiriiruun sadarkaa sadarkaan hirmaannaa olaanaa taasisuu biriichi ibseera. Kunis cimee akka itti fufuu qabu eerera. Biiroon nageenyaafi callisaa naannoo Amaaraa dhaabbilee callisaa qindeessu waliin, kabajamuu mirgaafi itti fayyadamummaa uummata naannichaafi biyyattii, gidduu gala godhachuun nageenya waaraafi amansisaa mirkaneessuuf humna raawwachuu dhaabbilee callisaa keessoo, hojiilee ijaarsa ilaalchaafi yaada irratti xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu biriichi beeksiseera.
Bu’uuruma kanaanis milkaa’ina dhaabbileen nageenyaa qaban gamaaggamuun, kallattii ka’aameen ergama isaanii bahachaa jiraachuu ibsameera. Haata’u malee miidiyaan hawaasummaa finxaaleeyyii tokko tokko du’a uummata naannoo Amaaraatiin kaayyoo isaanii galmaan gahuuf, har’as hojjechaa jiraatanis, qaamoleen callisaafi uummatni waliin qindoomuun, naannichatti nageenya itti fufinsaafi amansisaa fiduuf hojjechaa jiraachuu biriichi jala muree ibseera.
Alamuu Balaayiin