Biyyi keenya Itoophiyaan aadaalee wal-gargaaruu, wal-deeggaruufi wal-bira dhaabbachuu hedduu qabdi. Aadaaleen wal-gargaarsaa kun uummata Oromoo birattis maqaalee adda addaatiin ni waamamu. Aadaalee wal gargaarsaa uummtichaa keessaa tokko kan ta`e aadaa wal gargaarsaa daboo jedhamu barreeffama kanaan ni ilaalla. Daboon jigii, guuzaa fi moggaasaalee ittiin waamamu naannawaalee adda addaatti ni beekama. Daboo yookiin jigii jechuun namni hojiin itti baay’ate akkasumas hojii baay`een isa eeggatu tokko “natti bahaa, nagargaaraa“ jechuun birmachuu gaafatudha. Hojiin daboon hojjetamu keessattuu naannawaalee baadiyyaatti hojiilee qonnaa kan akka haamaafi tuma midhaanii (oomisha sassaabuu ) ijaarsa manaafi kanneen biroo faa ta’uu ni danda’a. Daboon hojii namatti baay’ate yookin humna nama muraasaan raawwachuu hin dandeenye tokko kanneen biroo waammachuun yeroo gabaabaa keessatti ofirraa buusuuf faayidaa olaanaa qaba.
Daboon yeroo kadhatamu abbaan kadhatu gosa hojii irratti kadhatatu himuun dirqama. Sababni isaas namni kadhatame sun meeshaa hojii saniif barbaachisu qabatee akka dhufuuf haala mijjeessa. Daboon namoota wal kadhatan qofaaf kan oolu osoo hin taane, maatii abbaa warraan irraa du`eefi dhimmoota adda addaatiin bira hin jirreef, maanguddoota humna hin qabneef dabaree dabareen hojjetama. Daboon aadaa walgargaarsaa isaatiin alattis walitti dhufeenya hawaasichaa cimsuurratti qabus baay’ee olaanaadha. Barreeffama keenya kanaan akka agarsiiftuutti xiyyeeffannoo keenya naannoo Amaaraatti bulchiinsa sab-lammii Oromoo taasifanneerra.
Qonnaan bulaa Siraaj Mahaammad, jiraataa aanaa Dawwee harawaati. Daboon aadaalee wal-gargaarsaa naannawa isaaniitti beekamoo ta`an keessaa isa tokko ta`uu himaniiru. Aadaan baramaa kun ammayyuu cimee hojiirra oolaa jiru ta`uus dubbataniiru. Naannawa isaaniitti daboon salphumatti namoota 15 hanga 30 hirmaachisuun akka raawwatamus caqasaniiru. Qonnaan bulaan Siraaj keessattuu yeroo ammaa waqtii oomishni itti sassaabbamu waan ta`eef oomisha isaanii oyiruu irraa sassaabuuf dabootti kan fayyadamaniifi ariitiifi haala salphaan oomisha sassaabachuuf faayidaa akka qabu eeraniiru. Aadaa wal-gargaarsaa dabootiin namoonni harka qalleeyyii ta`aniifi gargaarsa barbaadan akka ittiin deeggaramaniifi gargaaramanis himaniiru. “Yommuu inni qabu argate, inni hin qabnes fayyadamaadha“ jechuunis ibsaniiru. Daboon balaa uumamaa tasaa kan akka roobni yeroo isaa hin eegne yommuu roobu akka oomisha irraan miidhaa hin geesifne dafanii sassaabbachuufillee faayidaan isaa guddaa ta`uu kaasaniiru. Daboon walitti dhufeenya hawaasummaa akka cimsuu fi jaalala hawaasicha gidduutti akka uumu kana malees diinagdeedhaanillee wal utubuuf faayidaaf akka oolu himaniiru.
Obbo Ahmad Umar immoo bulchiinsa sab-lammii Oromootti qonnaan bulaa jiraataa aanaa Jiillee Dhummuugaati. Daboon naannawa isaaniitti aadaa wal-gargaarsaa baramaa ta`uu himaniiru. Daboon keessattuu hojiilee qonna qotuu, aramuu, haamuufi k.k.f keessatti faayidaaf akka ooluufi hojii baay`ee ariitiin fixuuf faayidaa akka qabu dubbataniiru. Daboon namoota humna hin qabneefi harka qalleeyyii ittiin gargaaruufis aadaa gaariifi itti fufuu qabu akka ta`e caqasaniiru. Keessattuu yeroo haalli qilleensaa jijjiiramee waqtii roobni yeroo isaa hin eegganne kan akka waqtii amma keessa jirruutti oomisha ariitiin sassaabbachuuf aadaa faayidaa qabeessa akka ta`e ibsaniiru. Daboon aadaa wal gargaarsaa walitti dhufeenya hawaasummaa cimsuufi jireenya waloo jabeessu waan ta`eef aadichi jajjabaatee akka itti fufu cimsachuun akka barbaachisus gorsaniiru.
Aadaa wal gargaarsaa kana keessatti garuu wantoota hojjetaman qulqullinaan hojjechuu dhabuufi galiin yookaan bu`aan waan daboon hojjetame sana irraa argamu iddoo hundattis jedhamuu baatu, qisaasa`aaf saaxilamuun akka hanqinaatti dhimmoota ka`anidha. Kanaafuu hojiilee daboon hojjetaman akkuma nama dhuunfaan hojjetamanitti ofeeggannoo taasisuun qulqullinaan hojjechuufi qisaasa`a irraa baraaraa raawwachuun ni barbaachisa. Aadaa Oromoo keessatti nama waa hojjetu bira hin darbamu. Osoo karaa deemaniiyyuu “Ashamaa” jedhanii nama waa hojjechaa jiru sanatti goranii hanga danda`an gargaaranii bira darbu. Inni hojiirra jiru immoo “Ashamaa jibbaa hojii jaaladhaa” jedhaniiru.
Qajeelchi aadaafi turizimii bulchiinsa sablammii Oromoo, aadaa daboo kana cimsuurratti hojjechaa akka jiru beeksiseera. Qajeelchichatti dursituun garee sonaawwan aadaa, Baayyisee Taakkalaa akka jedhaniitti, daboon bulchiinsa sablammichaatti yeroo dheeraaf kan barameefi ammas cimee kan itti fufeedha. Aadaa kana cimsuuf caasaa isaanii hanga aanaatti jiru fayyadamanii akkasumas karoora isaanii hunda keessa galchuun hojjechaa akka jiranidha dursituun garee kun kan dubbatan. Namoonni daboodhaan hojjetan, hojii hojjetan hunda akka ofiitti fudhachuun itti gaafatamummaan akka raawwatanis ergaa isaanii dabarsaniiru.
Namoota boolla awwaalaa qotaa jiranillee itti goranii boolla qotuu gargaaranii nama du’e gaafatanii bira darbu. Aadaa Oromoo keessatti nama hojjetu bira darbuun safuudha. Rakkataafi nama humna hin qabne gargaaruun kaleessuma jira. Aadaa kanaan nama kan gargaaran gammadaniiti malee inni harka nama ilaalaniif miti. Yeroo ammaa garuu aadaan wal-gargaarsa ganamaa kun haala garaagaraatiin laaffachuu isaa ragaaleen ni aragsiisu, waan arginuufi dhageenyu irraas taajjabneerra. Kanaafuu keessumaayyuu dhaabbileen aadaafi turizimii hawaasicha waliin ta’uun aadaa kana jajjabeessanii cimsachuuf hojjechuun irraa eegama jenna, horaa bulaa.
Milkessaa Dheeressaatiin