Seenaan Waloo Qabnu Seenessa Waloof Fayyadamuun Tokkummaa Keenya Cimsuu Barbaada

Itoophiyaan biyya afdaneetifi sabdaneetidha. Biyyattiin sabaafi sablammoota 80 caalan of keessaa haammate jirti. Sabaafi sablamootni kunneen seenaa waloo qodattan hedduu ni qabu. Aadaan, amantaan, hawaasummaafi siyaasa biyyattii keessatti bu’aa ba’i seenaa Itoophiyaa waliin dabarsan ni qabu.

Bara hedduuf weerara aalaa biyyattiin mudatee irratti waliin qabsa’aniiru. Waraana Adwaatti ummatni Itoophiyaa Bahaa hangaa Dhihaatti, Kaabaa hanga Kibbaatti waliin duluun birmadummaa biyyaa kabachisaniiru. Waaliin duulanii dhigaafi lafee isaani waliin caccabsaniiru. Kanneen waregaman boolla tokkootti awwaalamaniiru. Abbootiin amaantaa daangaa biyyattii keessa socho’uun barsisanniru. Namootni daldalan kallattii biyyattii hundaan socho’uun hojii daldalaa isaanii gaggefataniiru; gabaa waliin taasisaniiru. Walumaagalatti, seenaan Itoophiyaanotni bakka walitti hin dhufne hin argamu.

Walitti dhufeenya kana keessatti cidha gaggeessuun, abbaafi ilma walii ta’uun Itoophiyaanootni hariiroon isaanii akka hidda godhatu ta’eera. Dinootni biyya alaa tokkummaa Itoophiyaanonni qabn diguuf tattaffii gara garaa taasisaa turaniiru. Kana keessaa tokko seenaa sobaa barressuun seenessa sobaa dhaloota keessatti facaasuudha. Waan facaasan biqilee lammiileen akka wal-shakkan, akka walgaarreffataniifi haariiroo isaanii laaffisan ta’ee jira. Dhalootni seenessa sobaan kaka’uun akka diinaatti wal ilaaluufi haaloo wal irraa baasu akka yaadu karaa banee jira.

Kun Itoophiyaaf jaarraa amma keessa jiruuf qaani guddaadha. Jaarraa tokko dura Itoophiyaanootni Adwaatti tokkummaan diina isaanii yeroo injifatan, jaarraa tokko booda dhaloota seenessa sobaan obboleessaafi obboolettii isaa akka diinaa wal ilaalutu mul’ate. Ammayyu jibbiinsa seenessa sobaarraa madde keessaa baanee biyya ummatni ishee hariiroo cimaa qabuufi biyya cimtee dhaloota egereef akka dhaallu seenaa waloo qabnu seeneessa waloof fayyadamuun barbaachisaadha.

 

Oduu

AMECO Hirkoo