Maatii lammii Naajeeriyaa irraa Landan Kibbaatti kan dhalate Ademoolaa Luukmaan ijoollummaasaa irraa kaasee kubbaa miilaaf jaalala guddaa qaba. Taphataan kun kaalsiiwwan isaa maruun mana keessatti ittiin taphachaa turuu yaadata. “Dargaggoota Afrikaatiin abdii hin kutatiinaa; qormaata gara mo’ichaatti jijjiiraa” jechuun hubachiisa. Ademoolaa Luukmaan taphataa urjii ta’ee hanga filatamuurra gahutti bu’aa ba’ii hedduu keessa darbeera. Milkaa’inni taphataan lammii Naajeeriyaa kun galmeessaa jiru baayyeef kaka’umsa kan ta’udha. Yeroo umriin isaa ijoollummaarra jiru maallaqa guddaan gara Piriimer Liigii Ingiliizitti jijjiirraa inni taasise milkaa’aa hin turre.
Kilaboota baayyee keessas darbuuf dirqameera. Milkaa’ina dhamdhamuu kan jalqabe garuu bara 2022 erga Atilaantaatti makameen boodadha. “Waggaa afur dura jireenyikoo kubbaa miilaa rakkoo keessa galee ture. Har’a ammoo urjii Afrikaa jedhamee badhamaafamuurra gaheera,” jedheera. Taphataan ganna 27 kun yeroo Maraakaash, Morookootti argamee badhaasasa fudhatutti kana kan dubbate. “Gufuuwwan jiran abjuu keessan milkeessuurraa isin dhaabuu hin qaban” jedha Luukmaan. “Bara 2017 keessa Evertan yeroo umuriin isaa wagga 19 jiru Paawondii miiliyoona 11’n mallatteesse. Yeroo sanatti leenjisaan Evertan Ronaald Kumaan ‘taphataa urjii gara fuula duraa’ jechuun ajaa’ibsiifate.
Dargaggeessa kanarraa waan baayyee eegna. Sirriitti yoo leenjifameefi fooyyaa’e sadarkaa guddaarra akka gahu nan yaada,” jechuun dubbate leenjisaan lammii Holaand kun. Tapha jalqabaa jijjiiramee seenerratti goolii lakkoofsise. Evertenis Maanchester Siitiidhaan 4 fi 0n mo’ate. Bu’a qabeessummaa isaa garuu itti fufsiisuu hin dandeenye ture. Sababiin tokkoffaan leenjistoota kilabicha keessatti jijjiiramanidha. Waggaa lamaafi walakkaa Everten keessa turetti warra yeroodhaaf qabatan dabalatee leenjistoonni ja’a itti wal furaniiru. Imala Haaraa Luukmaan Waancaa Addunyaa bara 2017 taphattoota wagga 20 gadiirratti Ingiliiz akka mo’attu gargaareera. Dorgommii Kooriyaa Kibbaatti qophaa’erratti goolii sadii lakkoofsiseera. Bara 2018 ammoo Gara RB Leeppizhing deemuun ji’oota bu’a qabeessa ja’a dabarseera.
Paawondiin miiliyoona 22.5 kaffalamee kilaba Jarmanii kanaaf mallatteesseera. Jijjiirraan isaa ergisarraa gara dhaabbataatti bara jijjiirametti garuu kilabichaaf si’a tokko qofa dhaabbataan hiriiruu danda’e. Waggoota itti aananitti gara Piriimer Liigiitti deebiyuudhaan ergisaan Fuulhaam fi Leester Siitiif taphateera. Leenjisaa Leester yeroo sanaa kan ture Bireendaan Roojers yaada kennaniin Luukmaan yeroo leenjii sirriitti hojjechaa akka ture dubbate. Tapha haleeluurratti hundaa’e kan filatu Atilaantaa keessatti Luukmaan dandeettii cimaa qabu agarsiisuu jalqabe. Taphoota 97 kilabichaaf taasisee gooliiwwan 34 lakkoofsiseera. Kubbaa 23 ammoo kan goolii ta’an mijeessee dhiheesseera. Gooliiwwan kanneen keessaa sadii kan lakkoofsise guyyaa Waancaa Yurooppaa Liigiirratti Atilaantaan waltajjii Awurooppaa irratti injifannoo isaa jalqabaa yeroo galmeessetti ture.
Waltajjii Awurooppaa irratti tapha xumuraa waancaaf taasifamerratti hatiriikii hojjechuun wagga 49 booda taphataa jalqabaa ta’uu danda’eera. Luukmaan yeroo ammaa garee biyyaalessaa Naajeeriyaafi kilabasaaf dhaabbataadhaan hiriiree taphata. Bara 2023 Waancaa Afrikaa irratti yeroo Naajeeriyaan hanga xumuraatti deemtetti garee kana keessatti taphataa murteessaa ta’uu isaa agarsiiseera. Dorgommicharratti yeroo Kaameruuniin mo’atanirratti goolii lama lakkoofsisuun alatti, tapha nuusa xumuraan Angoolaarratti goolii ittiin injifatan lakkoofsiseera. Gareen biyyaalessaa lamaffaan xumurullee Luukmaan taphataa cimaa garee dorgommichaaf filataman keessaa tokko ta’uu danda’eera. “Kennaa ajaa’ibaa” qaba kan jedhu taphataan biyyasaa Aleksi Iyoobii taphataa urjii Afrikaa ta’uu akka danda’u dubbateera. Luukmaan badhaasa kubbaa miilaa guddicha Balaadoorii irratti warra kaadhimmaman keessaa galuu danda’uun taphataa Afrikaa tokkicha ture. Sadarkaa 14 qabachuus danda’eera.
Guddinaa Asaffaatiin