Biyya tokko keessatti bakkarraa bakkatti socho’anii hojjechuun mirga qofa osoo hin taane jireenya biyya sanaatifis murtessaadha. Ilmi namaa kan jiraatu yoo socho’uun hojjetedha. Nageenyi biyyattiin ittiin madaalamtu keessaa inni tokkoos yeroo lammiileen bilisaan socho’uu danda’anidha. Iddoo tokkoorraa gara iddoo birootti socho’uu dhabuun dhimma mirga dhabuu qofa osoo hin taane dhimma lubbuun jiraachuu dhabuuti.
Biyyi tokko yoo diinagdee foyya’aa galmeessisuu barbaadde lammiileen ishee haala barbaadamuun akka hojjetan gochuu qabdi. Kun ta’uuf immoo mirgi iddoo tokkorraa iddoo birootti socho’uu lammiilee yeroo eegsisuun dandaamudha. Jireenyaafi humni mootummaan qabu keessaa tokko kan madaalamu sosochii lammiilee biyyattii taasisaniinidha.
Biyyattii keessatti socho’anii hojjetanii jiraachuufi qabeenya horachuun mirgoota bu’uuraa lammiileen qaban keessaa, isa jalqabaati. Namni tokko nama ta’uu isaatiin qofa mirga lubbuun jiraachuu qabaachuun cinaatti, mirgoota bu’uuraa kan biroolee qabaachuu heera mootummaa biyyattii keessatti ka’aamee jira. Mirgootni heeraa akkasii lammiilee biyyattiif kennamanis, bakka jiranitti mirga lubbuun jiraachuu, socha’anii hojjechuufi qabeenya horatanii jiraachuuf haalli nageenya amma jiru qormaata ta’a dhufeera.
Waan kana ta’eef qaamoleen hidhatanii socho’an mirga sosocho’uu lammiilee kabajuun irraa eegama, mootummaan biyya bulchaa jiruus mirgi lammillee kun akka eegamu tumsa taasisuun irraa eegama; dirqama isaatisidha. Kanaaf mirgi sosocho’anii hojjechuu lammiilee eegamuu qaba qaba kan jedhu ibsa eejjannoo keenyaati.