Oomisha Yuraaniyeemii Yaaddoo Uume

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti hogganaan qaama dhimma niwukilaaraa hordofu Iraan yuraaniyeemii fooyya’aa tahe oomishuuf murteesssuun ”akkaan yaaddessaadha,” jedhaniiru. Raafaa’el Giroosiin Ejansii Aannisaa Atoomikii Addunyaatti hogganaa olaanaadha.  Iraan oomisha yuraaniyeemii fooyya’aa ishee gara harka 60 tti akka guddiste himaniiru. Tahus qulqullinni oomishichaa kan meeshaa waraanaa niwukilaara oomishuuf isa barbaachisuun gadi ta’uu dubbataniiru. Biyyoonni biroon tarkaanfichi  rakkoo waraanaafi dippiloomaasii Sooriyaa, Libaanosiifi Gaazaaf deebii kennuuf kan taasifame akka tahetti ilaalu kan ilaalan ta’uu kaasaniiru.

Akkasaan jedhanitti namoonni siyaasaa Iraan tokko tokko meeshaan waraanaa niwukilarri akka tolfamu waamicha dhiyeessuun ”icciitii miti”. Teehraan keessatti haasaa taasisuun booda hoggansi Iraan ammaa kun karaa irra deemuuf filatu hin fakkaatu jedhaniiru. Giroosiin marii dhaabbanni qorannoo Landan Baahireenitti taasise irratti haasaa taasisaniiru. Israa’el bu’uuraalee misoomaa niwukilaaraa akka hin haleelle akeekkachiisuun, raawwannaan garuu bu’aansaa ”akkaan balaafamaa” taha, sababiinsaas Iraan humna haaloo bahuufi carallaa gadhiisuu qabdi jedhaniiru.

Biyyoonni kaanis meeshaa waraanaa niwukilaaraa qabaachuuf barbaaduun ”akka malee yaaddeessaadha,” jedhaniiru. Biyyoonni akkaataa fayyadaman irratti ifatti haasa’uun baramaa dhufeera jedhaniiru. Gabaasa Ejansiin Annisaa Atoomikii Addunyaaf dhihaateen Giroosiin qorattoonni isaaniin Iraan iddoo oomisha niwukilaaraa kibba Teeraanitti argamutti gosa yuraaniyeemii akkaan badhaadhe dabalaa jiraachuu himaniiru. ”Iraan tarkaanfii kana fudhachuun oomisha yuraaniyeemii ‘UF6’ jedhamu dhibbantaa 60’n akka dabalu taasisa” jedhaniiru. Iraan sagantaa niwukilaaraa meeshaa waraanaaf fayyadamuu akka qabdu haalaa turte. Giroosiin garuu bu’uuraaleen misoomaa niwukilaaraa biyyattii waggoota darban keessatti akkaan dabalaniiru.

”Sagantaa niwukilaaraa akkaan guddate kallattiin barbaadamuun hunda dabalaa jiru qabu” jedhaniiru. Akka Giroosiin jedhanitti ejjennoon Iraan bara 2015 fi kan bara 2025 tokko miti. Giroosiin, yuraaniyeemii dhibbantaa 60 qabaachuu jechuun yoo barbaadan meeshaa waraanaa niwukilaara oomishuu danda’u. Haala kanaan dubbiin hammaachuu argaa jirra, kun immoo yaaddessaadha,” jedhaniiru. Yeroo Iraan daawwatanitti Giroosiin hoggannoonni Iraan oomisha yuraaniyeemii dhibbantaa 60 akka daangessan isaan amansiisuu himaniiru.

Israa’el bu’uuraalee misoomaa niwukilaaraa Iraan irratti haleellaa ifa tahe banuu baattus ministiroonni biyyattii garuu dhimmicha ifatti mari’achaa turuu kaasaniiru. ”Irraanfachuu kan hinqabne oomishni sagantaa niwukilaaraa Iraan lafa jala kan adeemuufi akkaan eegamaadha. Tarkaanfiin sagantaa kanarratti taasifamu hundi humna guddaa bobbaasuu gaafata” jedhaniiru. ‘Achi hin geenya jedheen abdii qaba. Bu’uuraalee misoomaa niwukilaaraa yoo haleelte miidhaa carallaa ykn raadiyoolojii fidee dhufa,” jedhaniiru.

Guddinaa Asaffaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo