‘’Wabiin Fayyaa Gara Hojmaata Dhaabbataatti Dhufuu Qaba’’ Obbo Araggaa Kabbada, Bulchaa Olaanaa  Naannoo Amaaraa

Biiroon fayyaa naannoo Amaaraa  waltajjii warraaqsa  wabii fayyaa hawaasaa gidduu galeefate kan bara 2017 magaalaa Baahir Daaritti eegalchiseera. Sirna baasii humna kaffaluu bu’uura godhate haqummaa wabii fayyaa hawaasaa gidduu galeeffate mirkaneessuuf meeshaa murteessaadha mata duree jedhuniidha kan jalqabame. Sirna jalqabbicharratti kan argaman itti gaafatamaan biiroo fayyaa naannoo Amaaraa Abduulkarim Mangistuu, wabii fayyaa hawaasaa gidduu galeeffate, haqa qabeessa, kan qulqullina qabuufi tajaajila itti fufinsa fayyaa babal’isuuf xiyyeeffannoon addaa akka barbaadu ibsaniiru.

Mootummaan naannichaa bara baajataa 2017tti lammiilee kaffalanii yaalamuu hin dandeenye dhiibbantaa 23 ta’aniif birrii miliyoona 670 ramaduun isaa lammii irratti kan xiyyeeffate ta’uu agarsiisa kan jedhan itti gaafatamtichi,  tajaajila fayyaa humna kaffaluu gidduu galeeffate kennuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Tajaajilicha cimsanii itti fufsisuu deeggarsi kan barbaachisu ta’uus dubbataniiru. Bara baajataa 2016tti rakkoo nageenya naannichatti muudateen raawwii irratti hanqina mul’achuu eeranii, hanqinoota jiran yeroo itti aanuutti waloon furuun akka barbaachisu hubachisaniiru. Hanqinaalee jiran guutuuniifi maallaqa wabii fayyaarraa sassaabame yeroodhaan gara baankiitti galchuun xiyyeeffannoo addaa gaafataa jedhaniiru.

Bulchaan olaanaa naannoo Amaaraa obbo Araggaa Kabbadaa wabiin fayyaa gara hojimaata dhaabbatatti fiduun akka barbaachisu eeraniiru. Tajaajila wabii fayyaan hojimaata faayinaansii wabii fayyaa hojiirra oolchaa jirra jedhaniiru. Raawwiin hojii bara 2016fi hojimaata bara baajata 2017 irratti mariin taasifameera. Biyyootni addunyaa tajaajila wabii fayyaa, karaa ammayyaa ta’een ni deggaru kan jedhan obbo Araggaan, Itoophiyaanis hamma humna isheetti damicha xiyyeeffannoo addaan deggaraa jiraachuu eeraniiru. Mootummaan naannichas wabii fayyaa hanga dhiibbantaa 23 deggarsa akka taasisu himaniiru.

Alamuu Balaayiin

 

Oduu

AMECO Hirkoo