Itoophiyaan qabeenya uumamaan badhaatuu ta’uusheen walqabatee ogeessota og-aartiifi barreessitoota baay’een baroota dheeraaf leellifamaa turtetti. Qabeenya kana mara osoo qabduu maloota qonna aadawaa keessaa guutummaa guutuutti bahuu dadhabuun baay’ina uummataafi fedhii nyaataa dabalaa dhufe gidduutti uummanishee rakkoo hanqina nyaataaf saaxilamaa tureera. Mul’anni hojichaa qonnaan bultoota ciccimoo lafee dugdaa qonnaa biyyattii ta’aniifi hogganaa bal’isee yaaduun guddina ittifufaa galmeessuuf imaammata mijataa qopheessuu danda’uun kan utubame ta’uusaati kan himamu.
Muummichi ministiraa Abiyyi Ahimad (Phd) dhimma murteessaa kana hubachuun qamadii oomishuun uummatichi wabii midhaan nyaataa akka mirkaneeffatuuf xiyyeeffannoo itti kennuun hojjechaa jiru. Misoomni jallisii akka bulchiinsa sablammii Oromootti maal fakkaata? Jiraataan aanaa Dawaa Caffaa ganda Garbii obbo Indiris Hasan, misooma jallisii qamadii bonaarratti hirmaachaa turuu dubbataniiru. Baroota darbanitti gamasaaniin akkuma warraaqsi misooma jallisii qamadii bonaa eegaleen hojmaatasaan walqabatee hubannoo barbaachisaa fudhachuun gara hojiitti seenanii irraa fayyadamuu kaasaniiru. Akkasaan jedhanitti, hubannoon misoomichaan walqabatee argatan isaan gargaareera.
‘’Baranas, hubannoon ballaa dhimma misooma jallisii qamadii bonaarratti xiyyeeffatu nuuf kennameera’’ kan jedhan obbo Indiris hubannoon argatan hojichaaf kan isaan kakaase ta’uu himaniiru. Ittaanaan Ittigaafatamaa Qajeelcha Qonnaa Bulchiinsa Sablammii Oromoo obbo Hasan Sa’id, waggoottan arfan darbanitti, gama mootummaan jallisii bonaan qonnaan bulaan hojjetee akka of danda’uuf hojiin hojjetamaa ture boonsaa ta’uu himaniiru.
Akka bulchiinsichaatti qonnaan bulaan oomisha jallisii bonaan wabii midhaan nyaatasaa akka mirkaneeffatuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. “Bara kana midhaan yeroo ganna facaafne walitti qabnee hatattamaan gara jallisii bonaatti seenuu akka qabnu karoorfanne, amma qophiilee dursaa hojjetamuu qaban hojjechuun gara hojii misooma qamadii jallisii bonaatti galleerra” jedhaniiru. Obbo Hasan, bara 2017 heektaara kuma 16 ol misooma jallisii idileefi haaraan misoomsuuf karoorfachuu himaniiru. ‘’Naannawa keenyatti midhaan gannaa sassaabamee waan xumurameef ooyiruun qotamee akka misoomuuf hojii jalqabneerra’’ jedhaniiru. Akkasaan jedhanitti, karoora jallisii bonaaf lafa heektaara kuma torbaafi 750 sanyii qamadiin haguuguun qamadii kuntaala kuma 232 oomishuuf karoorsanii hojjechaa jiru. Hanga ammaatti heektaara kuma afur adda baasuun qonnaan bulaafi gaggeessitoota waliin mari’achuun hojiitti seenuuf qophii dursaarratti argamuu dubbataniiru.
“Sadarkaa bulchiinsa keenyaatti waggoota lamaan darbanitti misooma qamadii bonaarratti gufuun nu mudate ture. Sana dandamachuuf gahee nurraa eegamu bahachuuf sanyii qamadii yeroo gabaabaa keessatti gahu facaasuu eegalleerra’’ jedhaniiru. Qonnaan bultootaaf galteewwan barbaachisoo dhiheessuun hojiitti seenuu ibsaniiru. Bara kana misooma jallisii qamadii bonaarratti qonnaan bultoota osoo hin hirmaatiin turan hojmaatasaa hubachiisuun hojiitti galchuuf waltajjiiwwan hojii hubannoo uumuu gaggeeffamuu himaniiru.
“Barbaachisummaan misooma qamadii inni jalqabaa uummanni keenya gama midhaan nyaataan akka of danda’u taasisudha; akkasuma sharafa biyya alaa argamsiisuufi dhiheessa warshaalee adda addaaf gahee guddaa qaba’’ kan jedhan obbo Hasan, aanolee hundattuu qonna tuteeffamaa mekaanaayizeeshiniin deggarame hojjechuufi rakkoo galteewwan qonnaa furuuf waldaalee hojii gamtaa adda addaa waliin qindoominaan sochiitti jirra jedhaniiru. Gama teknoloojiin walqabatee uummanni hubannoo gaarii qabaachuu kaasaniiru. Qonnaan bulaan meeshaa qonna ammayyaa gara dhuunfaan bitachuutti cehusaas addeessaniiru. Akka bulchiinsichaatti tiraakterri qonnaa 64 kan jiran ta’uu kaasanii yeroo ammaa hunduu hojiirra jiraachuu isaanii eeraniiru.
Ragaan dokimantarii gabaabaa dhimma kanarratti hojjetame, waajjira muummichaarraa arganne akka ibsutti, sadarkaa addunyaatti lafti heektaarri miiliyoona 217 oomisha qamadiin haguugama. Kunis akka addunyaalessaatti gosoota midhaanii garaagaraa baay’inaan oomishaman keessaa sadarkaa jalqabaarra kan jiru qamadii ta’uusaafi waggaatti qamadii toonii miiliyoona 752 kan irraa argamu ta’uu mirkaneessa. Itoophiyaa keessatti gosoota dhangaa nyaataa baay’inaan soorataman keessaa qamadiin sadarkaa lammaffaarratti waan argamuuf, faayidaa olaanaa qabaata. Akkasuma qonnaan bultoota ooyiruu qonnaa muraasa qabaniif madda galii ta’a. Baroota baay’eef Itoophiyaan fedhii biyya keessaa guuttachuuf sharafa alarraa argattu duguuguun qamadii alaa galchaa turte. Rakkoo kana keessaa bahuuf ooyiruu baddaafi gammoojjii kutaalee biyyattii garaagaraa keessatti argamurratti jallisii bonaan qamadiin misoomuu erga eegalee bubbuleera.
Bara baajataa 2016 qonna waqtii Arfaasaan qonnaan bultoonni giddu-galleeyyii lafa heektaara miiliyoona 3.6 misoomsuun callaan qamadii kuntaala miiliyoona 123 argamuu ragaan waajjira ministeera muummeerraa argame ni ibsa. Akkasuma jallisii bonaan lafti heektaarri miiliyoonni 2.9 misoomfamuun callaan qamadii kuntaala miiliyoona 107 argameera. Waliigalaan Itoophiyaan bara darbe qamadii kuntaala miiliyoona 230 oomishteetti. Bara baajataa 2017tti qamadii kuntaala miiliyoona 270 oomishuuf karoorri olaanaa qabameera. Kanas bu’uura karoorfameen hojjechuufi bara baraan milkaa’ina hojichaa ittifufsiisuuf meeshaaleen qonna ammayyaa baay’een hojicha deggaran haala qaraxarraa bilisa ta’een alarraa akka galan taasifamaniiru. Kunis hoj-maata qonnaa ammayyessuufi oomishtummaa guddisuu keessatti gahee guddaa bahateera.
Mootummaan warraqsaa oomisha qamadii sadarkaa biyyaalessaatti jalqabuun naannolee gammoojjawaa dabalatee sanyii qamadii ho’a damdamachuu danda’u fayyadamuun duula taasisuurratti argama. Kanaafuu Itoophiyaan uwwisa lafaafi oomishtummaa guddisuun guddina ittifufinsa qabu galmeessuuf tattaafachaa jirti. Akkasuma qamadii biyya alaatti erguun galii sharafa biyya alaa guddisuun wabii midhaan nyaataan of danda’uuf karoorfattee ciminaan hojjechuurratti argamti.
GUddinaa Asaffaatiin