Leenjiin Atileetiksii Daa’immanii Guyyoota Sadiif Magaalaa Daseetti Gaggeeffamaa Ture Xumurame

Leenjiin atileetiksii daa’immanii Federeeshinii Atileetiksii Ityoophiyaan qophaa’e Bulchiinsa  Magaalaa Daseetti Muddee 23/25 bara 2017tti kennamaa ture milkaa’inaan xumurameera. Xumura Atileetiksii Daa’immanii irratti leenjiin qabatamaa leenjistootaan kan kenname yoo ta’u, barattoonni umurii waggaa 8-12 ta’an gareedhaan walitti qabamanii meeshaa atileetiksii kennameen leenjiicha barattootaaf kennaniiru.

Barsiisoota leenjicha irratti hirmaatan Federeeshinii kana galateeffachuun leenjii kanarraa beekumsaafi muuxannoo gaarii argachuu isaanii ibsanii ”waan baranne hojiitti jijjiiruun ni hojjanna” jedhaniiru. Itti aansuudhaan Inispeektar Admaasuu Saajii, atileetiksii daa’immanii irratti qooda fudhattoonni hundi yoo waliin hojjetan faayidaan biyyattiif argamu guddaa ta’uusaa ibsaniiru. Leenjistoonni daa’imman leenjisuu irratti xiyyeeffachuu akka qaban himaniiru. Dabaluun Federeeshiniin Atileetiksii Ityoophiyaas bara 2017tti leenjii magaalotaafi naannolee biroof dhaqqabamaa taasisuuf to’annoo irrattis ni gargaara, ni hojjetas jedhaniiru.

Haaluma walfakkaatuun sochiin gahumsa qaamaa 12ffaan magaalaa Daseetti mata duree ”Ispoortiin nageenyaaf” jedhuun gaggeeffameera. Hirmaattota sochii gahumsa qaamaa taasisan AMECO’n dubbise keessaa hirmaataan Umar Yusuuf ulfaatinni qaamasaa kilogiraama 91 kan ture torbanitti guyyaa jaha sochii qaamaa taasisuun ulfaatinni qaamasaa gadi buhuu  danda’uu dubbateera. Hirmaattonni biroos  sochii ”qaamaa taasisuun faayidaa hedduu arganneerra” jedhaniiru. Itti Gaafatamaan Waajjira Dargaggootaafi Ispoortii Bulchiinsa Magaalaa Dasee obbo Sa’id Arraagaaw akka jedhanitti, kaayyoon guddaan Shaakala Ispoortii Bulchiinsa Magaalaa Desee 12 ffaan barbaachisummaa ispoortiin nagaaf qabu ibsuu, humna ispoortiin tokkummaafi nagaaf qabu ta’uu kaasaniiru.

Itti gaafatamichi sochiin ispoortii jiraattonni sochii qaamaa amala taasifachuun dhukkuboota irraa of eeguuf kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru. Akkasumas amalli sochii qaamaa raawwachuu jiraattota magaalaa Dasee yeroo yerootti fooyya’aa dhufuu himaniiru.

Oduu

AMECO Hirkoo