Naannoo Amaaraatti hojiilee misoomaafi eegumsa qabeenya uumamaa hojjechiisuu dandeessisan irratti xiyyeeffachuun ergaan darbeera. Itti gaafatamaan Biiroo Qonnaa Naannoo Amaaraa Dires Saahiluu (Dr) bara baajataa 2017tti lafa heektaara kuma 366 ol hojii kunuunsa qabeenya misooma uumamaaf kan oolu ta’uu ibsaniiru. Lafti kanaan dura misoomee ture heektaara kuma 150 ol ta’u irra deebiin kan sadarkasaa eeggate taasisuuf kan kunuunfamu ta’uu himaniiru. Hojii misoomaa kanarratti humni namaa miiliyoona 4.5 ol akka hirmaatu dubbataniiru.
Hanga Amajjii 15/2017tti qophiin dursaa xumuramuun hojiin yaalii ni eegalama jedhaniiru. Amajjii 15/2017 irraa eegalee hojiin idilee naannichaa warraaqsaan kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru. Hojii kunuunsa biyyeefi bishaanii waqtii bonaa hojjetamu mala baayoloojiidhaan deggaruuf biqiltuun adda addaa biiliyoona 1.6 ol qophaa’aa jiraachuu eeraniiru. Ittigaafatamichi, hojiin misoomaafi eegumsa qabeenya uumamaa naannichatti hanga ammaatti hojjetamaa tureen maddeen bishaanii akka guddataniifi gaarreen qullaa turan bosonaan akka uwwifaman taasiseera jedhaniiru. Yuunivarsiitiin Baahiir Daariifi inistiitiyuutonni biroo qorannoo gaggeessaniin naannolee hojiin misoomaafi kunuunsa qabeenya uumamaa sirnaan hojjetametti oomishni hanga dhibbantaa 72 dabalusaa ibsaniiru.
Pirezidaantiin Naannoo Amaaraa obbo Araggaa Kabbadaa “itti fufinsa misooma naannichaa jabeessuuf hirmaannaa hawaasummaa cimsuun barbaachisaadha” jedhaniiru. Hojii qabeenya uumamaa waggoota darban keessatti hojjetamaa ture cimsuuf haalaan hawaasa hirmaachisuun hojjetamuu akka qabu himaniiru. Hojii qabeenya uumamaan alatti hojiin bulchiinsa gaarii sirnaan hoogganamuu akka qabus ibsaniiru. Pirojaktoonni daandiifi bu’uuraaleen humna ibsaa naannichatti eegalaman xumuramuun tajaajila akka kennan dhaabbileen itti gaafatamummaa fudhatanii hojjechuu akka qabanis hubachiisaniiru.