Qaamolee Bu’a Qabeessummaa Barattootaa Duuba Jiran

Meeshaan jabaa icciitii jiijjiiramaa biyyoota gurguddoo baay’een barnootadha.  Kunis milkaa’uu kan danda’eef dhaloota barnootaan bu’aa gaarii galmeessu oomishuu danda’uun isaaniini. Bu’uuruma kanaan, muuxannoon isaan irraa qooddatamu yoo jiraate bu’a qabeessummaa barattootaa irratti gad-fageenyaan hojjechuudha. Kun akkuma jiruutti ta’ee barattoota milkaa’oo oomishuun kan danda’amu garee muraasaan osoo hin taane hirmaannaa waloo gaafata. Baroota muraasaan asitti qorumsa seensa yuunivarsiitii haala addaan kennamuu eegale hordofee, qabxii barattoonni galmeessan haalaan gad bu’aa dhufuunsaa waan yaadatamudha. Kunis bu’uurarraa barnootarratti hojjechuu dhabuun banaa uumame ta’uutu sababeeffama.

Aanaa Dawwee Harawaatti barataa Mahaammad Sa’id, Barattoota Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Booraa irraa bara darbe qorumsa seensa yuunivarsiitii fudhachuun qabxii gaarii galmeessuun carraa barnoota dhaabbilee olaanoo argatan keessaa isa tokkodha. Barataan kun yeroo ammaa Yuunivarsiitii Haromaayaatti barnootasaa hordofaa jiraachuu dubbateera. Qabxii gaarii galmeessanii moora dhaabbilee barnootaa olaanoo seenuuf galma ofii beekanii ciminaan hojjechuun murteessaa ta’uu barataan kun gorseera. “Qorumsa seensaaf yeroon ofqopheessaa turetti karoora dubbisaa dhuunfaa kootiin dabalata hiriyyoota koo waliin qabiyyee qorumsi keessaa bahuu danda’a jennee yaannurratti waliin qayyabachaa turre” jedheera. Yeroo bal’aa fudhatee qabiyyeewwan barnootaa adda addaa waan hubateef qabxii gaarii galmeessuu danda’uusaati kan hime. Baratichi, barattoonni galmaafi mul’atasaanii dhugoomsuuf karoora barnootaan walqabatee baafatan irratti ciminaan hojjechuu akka qabanis gorseera. ‘’Addunyaa barnootaas ta’e jiruufi jireenya guyyuu keessatti qorumsa baay’eetu jira’’ kan jedhu barataan kun, ”barattoonni buhaa ba’ii isaan mudatu keessa obsaan ce’uun yeroo qabanitti haalaan fayyaddamanii ciminaan qayyabachuun bakka galmasaanii gahuu qabu” ergaa jedhu dabarseera.

Aanaa Dawwee Harawaatti, barsiisaan Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Booraa, Kadir Curruu barattonni qabxii fooyyee qabu akka galmeessaniif deggarsi gama hundaa barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Bu’aa qabeessummaa barattootaaf deggarsi maatiifi mana burumsaa akkasuma kan hawaasa naannoon cinatti kutannoon barattotaa murteessaadha jedhaniiru. Akkasaan jedhanitti, barattoonni cichoomina qabaachuun xiyyeeffannoon halkaniifi guyyaa barnoota isaanii irratti yoo hojjetan qabxii gaarii galmeessuu ni danda’u. ‘’Mana barnootaa keenyarraa barattoonni bara darbe qabxii gaarii galmeessuun dhaabbilee barnoota olaanoo seenan, barattoota sirnaan dubbisanidha’’ jedhaniiru. Meeshaalee deggarsaa barnootaa garaagaraa dhiheessuun gahee mana barnootaa ta’uu kaasanii, sanatti barattoonni haalaan akka gargaaramaniif jajjabeessaa jiraachuu himaniiru. Barsiisichi “bara kana barattoonni qabxii gaarii akka galmeessaniif ganama barnoota idileen, waaree booda barnoota dabalataa kennuun barsiisaa jirra” jedhaniiru.

Haaluma kanaan Ittaanaan Ittigaafatamaa Qajeelcha Barnootaa Bulchiinsa Sablammii Oromoo obbo Alii Tafarraa, barattoota qabxii gaarii galmeessuu danda’an horachuuf qophii dursaa garaagaraa taasisaa jiraachuu eeraniiru. Sadarkaa qajeelchichaatti, qorumsa naannoo, biyyaalessaafi xumura seemisteeraaf barattootaa qopheessuurratti argamna jedhaniiru. Akkasaan jedhanitti, aanolee hunda keessattuu adeemsa baruufi barsiisuu sirreessuun, barattoota qorumsa seemisteera tokkoffaa fudhatan haalasaan qabxii gaarii galmeessuu danda’aniin gahoomsaa jiru. Dabaluun barattoota kutaa 6ffaafi 8ffaa qorumsa naannoo fudhatan bifa addaan akkuma bara darbe barsiisonni aantummaan qopheessaa jiraachuu obbo Aliin kaasaniiru. ‘’Sadarkaa biyyaalessaatti firii qorumsa seensa yuunivarsiitii garmalee gad bu’aa dhufe furuuf, sadarkaa bulchiinsa keenyaatti ciminaan hojjechaa jirra’’ jedhaniiru. Kufaatii barattootaa kutaa 12ffaa hir’isuuf sadarkaa gadiirraa jalqabuun irratti hojjechaa akka jiranis caqasaniiru. Akkasaan jedhanitti, kufaatiin hamaa sadarkaa olitti mudate kun sadarkaa gadiirraa walitti dabalamaa waan dhufeef kutaa gadiirraa furuun barbaachisaadha.

Sadarkaa qajeelchaatti hoggansa sadarkaan jiru waliin cabinsa barnootaa mudate suphuuf qabxiilee barbachisoo ta’an murteessinee gara hojiitti seenneerra kan jedhan obbo Aliin, isaan keessaa xiyyeeffannoon irratti hojjetamaa kan jiru manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaan duraarratti ta’uu addeessaniiru. Barattoota qaxalee egereef qabxii gaarii galmeessu jedhamanii eeggaman manneen barnootaa garaagaraarraa wiirtuu aanaatti walitti fiduun, deggarsi taasifamaafii jiraachuu dubbataniiru. Obbo Aliin, kaawwanis bakkuma itti barataa jiranitti tumsa barbaachisaa argachaa jiru jedhaniiru. Barattoota qabxii gaarii galmeessan oomishuun kan danda’amu, tumsa barsiisoota qofaan akka hin taane hubachuun sana cinatti maatii barattootaa bal’inaa mariisisaa akka jiran himaniiru. Milkaa’ina barattootaaf to’annoofi hordooffiin maatiin taasisan daran barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru. Dabaluun barnoonni guddinaafi misooma biyyaaf kan tumsu ta’uu kaasanii, bu’a qabeessummaa barattootaa mirkaneessuuf ogeessonni barnootaafi qooda fudhattoonni hunduu tumsuu akka qaban dhaamaniiru.

Guddinaa Asaffaatiin

 

Oduu

AMECO Hirkoo