Yuukireen Ujummoo Boba’aa Raashiyaa Gara Awurooppaatti Geessu Addaan Kutte

Dhiheessiin gaazii Raashiyaa karaa Yuukireeniin darbuun biyyoota Gamtaa Awurooppaaf dhaqu, waliigalteen waggoota shaniif dhaabbata geejjibaa boba’aa Yuukireen Naaftoogaaziifi Gaazpiroom Raashiyaa gidduutti ture erga xumuramee booda, Yukireen dhaabsiisuudhaaf dhaadatteetti. Pirezidaantiin Yuukireen Volodymiir Zelenskiin kanaan dura Gamtaan Awurooppaa akka qophaa’uuf yeroo waggaa tokkoo kennanii turan.

Erga Yukireen yaada kaaste asitti, Komishiniin Awurooppaa sirni boba’aa ardiittii kan balaa ”dandamachuu danda’uufi jijjiiramaa” ta’uu ibsanii dhiheessiin karaa Yuukireen yoo dhaabbates dandamachuuf dandeettii gahaa akka qaban himeera. Raashiyaan ammayyu karaa ujummoo ‘Turk Stream’ tiin Galaana Gurraacha qaxxaamuree gara Haangaarii akkasumas Turkiifi Sarbiyaatti boba’aa erguu dandeessi. Dhiheessiin karaa Yuukireeniin darbu dhaabbachuunsaa boba’aa Raashiyaa gatii gadaanaan Gamtaa Awurooppaaf dhaqaa ture kan dhaabsiisuudha.

Islovaakiyaan baay’ee kan miidhamte yoo ta’u, Komishiniin Awurooppaa ammoo ”galanni karoora of eeggannoofi dhiheessii filamaataaf haata’u maleessaa” dhiibbaansaa murtaa’aadha jedhan. Haata’u malee, dhiibbaan tarsiimoofi fakkeenyummaa tarkaanfiin kun guutuummaa Awurooppaa irratti qabaatu ammoo guddaadha. Raashiyaan gabaa barbaachisaa kan dhabdu yoo ta’u, pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin garuu biyyoota Gamtaa Awurooppaatu caalaatti miidhama jedhaniiru. Gamtaan Awurooppaa erga Raashiyaan  Akka Lakkoofsa Awuroppaa bara 2022’tti Yukireen irratti weerara guutuu jalqabdee asitti boba’aa Raashiyaa irraa galchu haalaan hir’isaniiru. Haata’u malee biyyoonni miseensa bahaa baay’een ammayyu baay’inaan dhiheessii kana irratti kan hirkatanidha. Raashiyaan Boba’aa gara biyyoota Awurooppaatti ergiturraa waggaatti galii Yuuroo biiliyoona 5 kan argattu ta’uu BBCn gabaaseera.

Oduu

AMECO Hirkoo