Fardi jireenya guyyaanii Itoophiyaanotaa wajjiin kan hidhata qabu seenaa baroota dheeraa qaba. Sochiilee hawaasummaafi diinagdee keessatti qofa osoo hin taane, dirree waraanaa irratti hiriiranii injifannoo gootota Itoophiyaatiif gumaacha olaanaa kan taasisan fardeen Itoophiyaati. Fardi hanga yeroo dhiyootti ibsama kabajaas ta`ee tajaajilaa tureera. Naannoo Amaraatti naannawaalee kan akka bulchiinsa sab-lammii Awwiitti immoo fardi hanga ammaattiyyuu seenaa hawaasicha wajjiin hidhata ni qaba. Waqtiilee kabaja ayyaanota waggaatti taabota gaggeessuuf, kan wal-lole araarsuuf sirna awwaalchaa raawwachuuf, agarsiisawwan hawaasichaatiif dammaqina kennuuf, hojiilee qonnaatiif, fe`uumsaafi ittiin geejibuuf fardi faayidaarra ni oola. “Waldaan gugsitoota (gulufsiistota) Agaw“ ibsama sablammii Awwii erga ta`ee bubbuleera.
Waldaan waggoota dheeraa lakkoofsise kun A.L.I bara 1932 miseensota 30 hin caalleen akka hundaa`e ragaaleen ni himu. Yeroo weerara Xaaliyaanii booda akka hundaa`e kan himamuuf waldichi yeroo ammaa miseensota kuma 60 ol akka qabu ni himamaaf. Waldichi ganda irraa kaasee hanga godinaatti gurmaa`ina akka qabu ragaan qajeelcha aadaa fi turizmii bulchiinsa sab-lammii Awwii irraa argame ni hubachiisa. Akka Ispoortii Fardaa biyyoota kan akka Biritaaniyaatti faayidaa giiphii seenu ykn maallaqa argamsiisuu baatuus; akka ayyaana fardeenii biyyoota kan akka Tiibeetiitti adduunyaan irratti hirmaachuu baatuus; akka feestivaala fardeenii Turkmeenistaaniitti dammaqina qabaachuu baatuus; gara waggoota 82 lakkoofsiseera. Akka aadaa naanna`ichaatti fardis, inni farda gulufsiisuus faayaalee adda addaa aadaatiin faayamanii bahu. Qophiileen adda addaa yommuu jiraatanitti fardeen isaanii faayaaleefi uffannaaleedhaan ni bareechu.
Kanumaanis, ‘maxxaamiir’: faaya gogaafi qorqoorroo irraa hojjetameefi meetii dibame; ‘Faarneessaa’: Faaya mormaafi gurra fardichaan olitti jiru; ‘Uddeellaa’: Karaa duubaatiin kan koorichaa qabatu; ‘Imbiyaa Guusiim’: Qoma irratti kan uraan koorichaa qabatuufi kooricha irratti immoo qabattoon (maqannachi) ni godhamaaf. Dabalataanis lakoo (kan Fardichi ittiin harkifamu), Lugaama (kan Fardichi ittiin qajeelfamu) fi yommuu abbaan fardichaa taa`u bitaafi mirgatti akka madaalleef kan miilaan irra ejjatu irkaabii jedhamuudhaan beekamu akka sabichi ittiin waamuutti jechuudha. Moggaasaalee kana keessaa maqaaleen meeshaaleefi uffannaalee fardaa saboonni biroon kan akka Oromoo fi Amaaraa ittiin waaman wajjiin wal fakkaatan ni jiru. Akka aadaa sablammiiAwwiitti faayi abba fardichaa Fisaa jedhamu (gogaa bineensota bosonaa irraa argamu), Jabarnaa kan jedhamu (Gulufsiisichi kan dugdatti hidhatu), Gambaallee kan jedhamu (luka isaa balaa irraa ittisuuf kan itti fayyadamu), qoobiin mataatti keewwatamu, gaachanni, uleen waaraanaa, alangeen ni caqafamu.
Waldaan Fardeen Agaw, taateewwan adda addaa hawaasummaa duukaa bu`uun waggaa waggaan feestivaalaan ni kabajama. Waldichi waggaa waggaadhaan Amajjii 23 kabaja waggaa isaa qophiilee adda addaatiin ni kabaja. Waggaa kanas yeroo 85ffaatiif taateewwan adda addaatiin ni kabaja. Kabaja waggaa kana irratti bakki guddaan kan kennamuuf agarsiisa gugsii fardaafi tapha fardaa ykn dorgommii shirxii (akka moggaasa naanna`ichaatiin waamamuutti) ni caqafamu. Abbootiin fardaa, waqtii gugsii fardaatti gaachanaafi ulee waraanaatti fayyadamuun agarsiisa adda addaa gochuun farda irra taa`anii ni geeraru. Kanneen sirnicha qindeessuuf filataman ykn hayyuu deroonni fardeeni immoo alaabaa Itoophiyaa qabachuudhaan sirnicha ni hoogganu. Yommuu hooggananis: “aymooloo, yadaamaa geetaa (abbaa Daamaa), yabooraa geetaa (abbaa Booraa), yexiriiny geetaa (abbaa Xiriiny)“ jechaa fardeen dhaadaa sirnicha miidhagsu. Sirnicha irratti nyaataaleeniifi dhugaatiileen aada addaa qooddattoota sirnichaatiif ni dhiyeeffamu. Dubartoonni miseensa waldichaa ta`an gugsii fi tapha fardaa irratti baay`inaan hirmaachuu baataniis qooddattoota keessummeessuufi aadicha barsiisuu keessatti qooda olaanaa qabu. Sirni kun bara 2013 A.L.I`tti sadarkaa biyyoolessaatti abbaa taayitaa qo`annaa hambaalee fi taayitaatiin hambaa kilayyaa jedhamee galmaa`eera. Taatee seena qabeessi kun hambaa addunyaa ta`ee Yuuneeskoodhaan galmeesisuuf carraaqqiin taasifamaa jira.
Waggoottan dhiyootiin as sirna kana irratti lammiileen sabaafi sab-lammootaafi naannawaalee adda addaa keessaa babahan dammaqinaan irratti hirmchaa turaniiru. Kun immoo aadaa, duudhaa, seenaa, eenyummaa fi k.k.f wal barsiisuun, inni tokko isa biroo sirriitti beekee fi hubatee tokkummaan waliis akka cimu sirni kun gumaacha olaanaa qaba. Barreeffamicha ittiin gabbisuuf odeeffannoolee marsaareetiilee adda addaa irraa arganne fayyadamneerra
Milkeessaa Dheeressaatiin