Rakkoon hoj-dhabdummaa kan biyyoota gudataa jiran qofa osoo hintaane rakkoo sadarkaa addunyaalessaatti mudatudha. Baayi’naan hojii dhabdummaaf kan saaxilaman immoo dargaggootadha. Dargaggeessa hoji dhabaa ta’e qabatanii biyya badhaateefi tasgabboofte uumuun waan yaadamu miti. Dhimmi dargaggoota dhuunfaanis ta’e gurmiidhaan gara hojiitti akka galan haala mijeessuu rakkoo hoj-dhabdummaa qofa kan furu osoo hintaane rakkoo raafama siyaasaa tasgabeessuuf baay’ee murteessaadha. Dargaggoonni baay’een haala jireenyasaanii fooyyeffachuuf jecha yeroosaan biyyaa bahan ni mul’ata. Akkasuma sababa hoj-dhabdummaan bakkeewwan hinmalletti argamuun mul’atasaanii egeree kan dagatan lakkoofsaan danuudha. Kun akkuma jirutti ta’ee rakkoo kana furuuf gama mootummaan hoj-dhabeeyyii gara hojiitti galchuuf carraaqqiin taasifamu garuu salphaa miti. Mootummaan dame kanaaf xiyyeeffannoo kenneen dargaggoonni carraa hojii argatanii abbaa qabeenyaa ta’an baay’ee olaanaadha.
Barruu keenya har’atiin tumsa carraa hojii uumuu akka bulchiinsa sablammii Oromootti taasifamaa jiru kan ilaallu ta’a. Dargaggoo Mahaammadnuur Yimaam magaalaa Kamiseetti dargaggoota carraan hojii uumameef keessaa isa tokkodha. Dargaggoon kun gara hojiitti seenusaan duratti hojii barbaachaaf biyya ambaa deemee turusaa yaadateera. Amma gara biyyasaatti deebi’uun horsiisa lukkuurratti bobba’ee carraa hojii argateen fayyadamuu danda’uusaa dubbateera. Mahaammadnuur dargaggoonni hojii tuffachuu dhiisanii aadaa hojii cimaa gabbifachuun jireenyasaanii fooyyeeffachuu akka qaban gorseera. Dargaggeessi kun hojiisaa jaallatee waan hojjetuuf gammadaa ta’uusaa addeesseera. Fuulduraaf qabeenya gahaa horachuun lammiilee biroof carraa hojii uumuuf mul’ata qabaachuu onnatee dubbateera.
Waajjira Hojiifi leenjii Bulchiinsa magaalaa Kamiseetti Abbaa Adeemsaa kan ta’an obbo Faantaawu Kaasaa, magaalichatti waajjirri isaanii rakkoo hojii dhabdummaa hir’isuuf carraaqaa jiraachuu himaniiru. ”Dargaggoonni sababa hoj-dhabdummaan bakka hinmalletti akka hin argamneef wixinee carraa hojii qopheessuun dhaabbilee mit-mootummaa tokko tokkoof dhiheessineerra” jedhaniiru. Bara darbe dargaggoota kuma tokko bifa Interpiraayiziin gurmeessanii hojiitti galchuu kaasaniiru. Gurmiin dargaggootaa kun yeroo ammaa dameewwan hojii garaagaraarratti bobba’anii kan argaman ta’uusaaniifi ittiin ofjijjiiraa jiraachuusaanii obbo Faantaawu himaniiru.
Hojii dhabdummaan gama hawaasummaafi dinagdeen qisaa’ummaa kan hordofsiisu ta’uu himanii, ”kun akka hinmudanneef xiyyeeffannoon hojjetamaa jira” jedhaniiru. Akkasaan jedhanitti barana dameewwan akka qonnaa, indaastiriifi tajaajilarratti hoj-dhabdoota kuma shaniifi 504’f carraa hojii uumuuf karoorfameera. Hanga gabaasni kun qindaa’etti akka bulchiinsa magaalaa Kamiseetti, hoj-dhabeeyyii kuma tokkoofi 843 carraan hojii uumamuusaa kaasaniiru. Adeemsa carraa hojii uumuu keessattis qaama miidhamtoota 25 gara hojiitti galchuuf karoorsanii kanneen 15 ta’aniif carraan hojii uumamee jiraachuu obbo Faantaawu dubbataniiru. Akkasaan jedhanitti, hoj-dhabdoonni bara 2016 carraan hojii uumameef keessaa intarpiraayizoonni sagal kan dameewwan garaagaraan gurmaa’aan yeroo dhihoo keessatti gara invastimantiitti ce’uuf imala milkaa’aa taasisuurratti argamu. Dabaluun “horsiisa lukkuurratti Intarpiraayizonni sadii armaan dura ijaaraman qabeenya horachuun ulaagaa gara invastimantiitti isaan ceesisu guutanii waan jiraniif gama keenyaan haala mijeessaafii jirra” jedhaniiru.
Rakkoo hoj-dhabdummaa dargaggootaa furuun dargaggeessaafi maatiisaa qofaaf osoo hintaane badhaadhinaafi tasgabbii biyyaaf murteessaa ta’uu kaasaniiru. Obbo Faantaawu ‘mootummaan carraa hojii uumuu qaba’ yoo jedhamu dargaggeessa hunda dhaabbilee mootummaa keessatti mindeessuu qaba jechuu akka hintaane hubachiisaniiru. ”Qaama hojii fedhu kallattiin ramaduun waan mootummaan raawwachuu qabu keessaa tokko ta’us, inni guddaan garuu dargaggoota hunda hojii mootummaa keessa galchuun ulfaataa waan ta’eef hojii dhuunfaasaanii akka uummatan jajjabeessuufi haala mijeessuudha jedhaniiru.
Obbo Faantaawu, magaalichatti carraa hojii uumuun walqabatee haala qabatamaa amma jiru yoo nuuf kaasan, marsaa lammaffaaf dargaggoota hoj-dhabeeyyii 700 ta’an gara hojiitti galchuuf leenjii kennuuf haaldureen barbaachisaa raawwatamaa jira. Haaluma kanaan, magaalichatti rakkoo hoj-dhabdummaa qaama miidhamtootaa furuuf qindeessummaa Waajjira Dhimma Dubartootaa, Daa’immaniifi Hawaasummaa Bulchiinsa Magaalaa Kamiseen dhaabbanni deggarsa namoomaa (Ethiopia center for disability and development association (ECDD) jedhamu qaama miidhamtoota magaalicha keessatti argamaniif deggarsa qabeenyaa gara hojiitti isaan galchu gumaacheera jedhaniiru.
Sirna deggarsaa kanarratti itti gaafatamtuun waajjira dhimmaa Dubartootaa ,Daa’immaniifi hawaasummaa Bulchiinsa Magaalaa Kamisee, aadde Anshaa Alii “ECDD’n qaama miidhamtoonni mataasaniin akka hojjetanii jiraatan deggarsa meeshaalee hojii waan taasiseef galata guddaa qaba” jadhaniiru. Dhaabbanni deggarsaa kun hundaa olitti qaama miidhamtootaaf xiyyeeffannoo addaa kennee kan hojjetu ta’uusaa dinqisifataniiru. Aadde Anshaan “baay’ee gammadeen jira; qaama miidhamtoota manaa baasanii leenjisuufi meeshaalee hojii barbaachisaa ta’e guutuun gara hojiitti galchuu danda’uun waan salphaa miti” jedhaniiru. Qaama miidhamtoonni qabeenyaafi carraa argametti fayyadamuun sirnaan hojjechuun of danda’anii gara fuulduraatti qaamolee biroo gargaaruu akka qabanis hubachiisaniiru. Akkasaan himanitti, magaalichatti qaama miidhamtoonni dhaabbata deeggarsaa kanaan deggaraman 30 ta’an dameewwan hojii sadii keessatti gurmaa’aniiru. Dameewwan kunneen: hojii huccuu, hojii mukaafi horsiisa beeyladaati. Damee horsiisa beeyladaarratti qaama miidhamtoota 12 gurmeessuun Re’oota 27 bitanii kennuus ibsaniiru.
Guddinaa Asaffaatiin