Pirezidaanti Tiraamp Marsaa Lammaffaaf Aangootti Dhufan Ajajoota Adda Addaa Dabarsan

Amajjii 20/2025 Doonaald Tiramp Pirezdaantii Ameerikaa ta’uun yeroo lammaffaf gara Waayt Hawsiitti seenaniiru. Doonaald Tiraamp ajajoota Pirezidaantummaa malatteessan keessaa Ameerikaan dhaabbata Fayyaa Addunyaafi waliigaltee haala jijjiirama qilleensaa bara 2015 Paaris keessatti biyyoottan addunyaa 200 oliin mallateeffame keessaa baasuun gargaarsaa Yunaayitid Isteetis kallatiin biyyoottan alaatiif taasiftus yeroo muraasaaf akka dhaabdu ajaja kennaniiru. Tiraamp ajaja addaa dhimmaa godaantotaa irratti mallatteessaniin haala yeroo hatattamaa daangaa Yunaayitid Isteetisiifi Meeksikoo irratti labsuu dabalatee koolu galtummaa dhaabuufi ijoolleewwan maatiiwwan biyya biraa irraa Yunaayitid Isteetis keessatti dhalataniif mirga lammummaa argachuu hambisuu akka ta’e beekameera.

Immaammata “Amerkaan Haadursitu” jedhu kan leellisan Doonaald Traamp, imaammanni biyya alaa Yunaayitid Isteetis akka dantaa biyyarratti hundaa’ee hojii irra oluu ministira dhimma alaa bulchiinsaa isaanii Markoo Ruubiyootiif qajeelfamni kennamuu isaas beeksisaniiru. Waa’ee godaantota seeraan alaafi qoricha sammuu nama adoochu gara Yunaayitid Isteetis galchuurrattis haalli Kaanadaa, Meeksikoofi Chaayinaa gidduu jiru akka xiyeeffannoon addaa itti kennamu Doonaald Tiraamp ajaja kennaniiru. Ajajni pirezidaantummaa (executive orders) pirezidaantiin Ameerikaa imaammata mootummaa irratti mallattoosaanii kaa’uu barbaadu kamiifuu meeshaa ijoodha. Doonaald Tiraamp gara Waayit Haawusitti deebi’uu isaan ajajawwan pirezidaantummaa 200 ni mallatteessa jedhamee eegamaa turuun ni yaadatama.

Bara aangoosaanii duraanittis ajajawwan pirezidantummaa 220 kan mallatteessan yoo ta’u, muraasni isaaniis mana murtiin dura dhaabbatameera. Haaluma kanaan, Doonaald Tiraamp guyyaa jalqaba Waayit Haawus seenan tarkaanfiiwwan jalqabarratti fudhatan keessaa Ameerikaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa keessaa akka baatu ajaja dabarsuu isaaniiti. Ameerikaan hundeessitoota dhaabbata kanaa keessaa hangafa ta’uun alatti dhaabbaticha cimsuu keessatti shoora olaanaa qabdi. Biyyoota Dhaabbata Fayyaa Addunyaaf baajata guddaa ramadan keessaa jalqabarra kan argamtus Ameerikaadha.

Bara 2023 baajatii dhaabbatichaa 18% Ameerikaa irraa kan argame ture. Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, Ameerikaa adeemsa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) kan Dr Teediroos Adihaanoomiin durfamu keessaa baasuu akka jalqabduuf ajaja pirezidantii mallatteessaniiru. Pirezidaantiin biyyattii haaraan yeroo 2ffaaf aangootti dhufan Doonald Tiraamp Ameerikaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa keessaa akka baatuuf ajaja dabarsuun isaanii yeroo lammaffaafi. Tiraamp marsaa duraaf yeroo aangoorra turaniitti tibba yeroo weerara vaayirasii koroonaa akkaataa qaamni idil-addunyaa kun itti Covid-19 itti qabe qeequun, Ameerikaan dhaabbata Jenevaatti argamu kana keessaa akka baatuuf adeemsa eegalee turuun ni yaadatama.

Ta’us boodarra Pirezidaant Joo Baayidin, murtee sana dhaabsisuu danda’aniiru. Tarkaanfii ajajaa kana guyyaa aangoosaanii jalqabaarratti mallattessuun isaanis Ameerikaan karaa idileetiin ejansii idil-addunyaa kaan keessaa akka baatu kan agarsiisuudha. Tiraamp Waajjira Ovaal keessatti, ‘WHO’tti quba qabuun tarii Ameerikaan dhumarratti deebi’uu akka dandeessu akeekuun, “haalaan akka nu deebi’u ni barbaadaniif waan ta’eef waan ta’u ni ilaalla” jedhaniiru. Tiraamp yeroo jalqaba aangoo irra turanittis dhaabbanni kun weerara Covid-19 ittisuu keessatti garmalee “Chaayinaaf tumsa” jechuun qeeqaniiru. Tiraamp dhaabbanni ‘WHO’n yeroo weerara vaayirasichaa akkaataa qajeelfama itti baaseen Chaayinaadhaaf kan loogii qabudha jechuun himataniiru. Baajanni waggaa dhaabbata kanaa doolaara biiliyoona 6.8dha. Ogeessoonni fayyaa uummataa murtee Tiraamp ‘WHO’ keessaa bahuuf taasisan kana qeequun, Ameerikaanotaaf balaa fayyaa qabaachuu danda’a jechuun akeekkachiisaniiru. Gariin tarkaanfiin kun fooyya’insa dhukkuboota daddarboo kanneen akka busaa, dhukkuba tiruu fi Eech Ay Vi Eedsii ittisuu irratti argame duubatti deebisuu danda’a jechuun yaada dhiheessaniiru.

 

 

Oduu

AMECO Hirkoo