AMECO’n sadarkaa naannoofi biyyaalessaatti heddumina giddu-galeeffachuun afaanota 12n tajaajila odeeffannoo haala si’aanaafi qulqullina qabuun tamsaasuurratti argama. Imala waggoota 30 lakkoofsise keessatti rakkoolee hawaasa keessa jiran secce’ee jijjiirama dhufuu qabu adda baafachuun biyya kaleessarra fooyyee qabdu ijaaruuf qaamolee carraaqan waliin qindoominaan hojjechaa tureera; ammas hojjechaa jira. AMECO’n kutaalee biyyattii garaagaraa keessatti buufataalee tamsaasaa adda addaa ijaaruun tajaajila odeeffannoo kennuutti jira. Amaaraa Miidiyaa Korporeeshiniin karoora isaa galmaan ga’uuf hojiilee adda addaa hojjachuurratti argama.
Amikoon waajjira muummee isaa dabalatee Istuudiyoo ammayyaa Addis Ababaa, Daseefi Gondar keessatti ijaare odeeffannoo wayitaawoofi sirriin jijjiirama hawaasummaaf hojjachaa jira. Tibbana Istuudiyoo ammayyaa magaalaa guddoo siyaasaafi diinagdee biyyattii kan taate Addis Ababaatti ijaare bakka hoggantoonni mootummaa federaalaafi naannoo argamanitti eebbisiiseera. AMECO’n ittigaafatamummaa ogummaasaa haala eeggateen Itoophiyaa tajaajiluu akka qabu bulchaan olaanaa naannoo Amaaraa, obbo Araggaa kabbadaa himaniiru. Dhaabbatichi uummata Amaaraa kan madaalu ta’uusaa addeessaniiru. AMECO’n tokkummaan biyyaa akka cimuuf odeeffannoo haqaafi wayitaawoo ta’an qulqullinaan uummata biraan gahuuf hojjechaa jira kan jedhan obbo Araggaan, uummanni Amaaraa obboleewwan isaa kutaalee biyyattii garaagaraa keessa jiran waliin wal kabajee akka jiraatuuf halkaniifi guyyaa hojjechaa jiraachuu eeraniiru. Obbo Araggaan, ”dhugaa beekumsaarratti bu’uureffame irratti hundaa’uun odeeffannoo uummata biraan gahuun barbaachisaadha”jedhaniiru.
Bara kana keessa marammartoo guddaa kan ta’e waliinummaadha kan jedhan bulchaan olaanaan kun, kanaaf sababni tamsa’uu odeeffannoowwan sobaa ta’uusaa kaasaniiru. AMECO’n walabummaa dhabbatummaafi ittigaafatamummaa ogummaasaa eeggachuun biyya tajaajiluu akka qabu ibsaniiru. Dabaluun, yeroo ittaanutti Giddu-galeessa Baha Amaaraatti odeeffannoo eenyummaafi dhugaarratti hundaa’e irratti bu’uureffachuun uummaticha tajaajiluuf hojjetama jiraachuu himaniiru. Ministirri Deetaa Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Tasfaahuun Gobezaay ”AMECO’n dhaabbata guddaa uummataaf odeeffannoo wayitaawoo kennaa jirudha” jedhaniiru. Afaanota 12 fayyadamuun uummataaf odeeffannoo wayitaawoofi dhugaarratti hundaa’an gama dhaqqabsiisuun kanneen biroof dhaabbata fakkeenya ta’uu danda’u ta’uusaa ibsaniiru.
Sadarkaa ittaanaa Bulchaatti, Gorsaa Hariiroo Hawaasaa Bulchaa Naannichaafi Dura Taa’aa Boordii Daayirektaroota Ameco kan ta’an Yirgaa Siisay “AMECO’n rakkoo nageenyaa dhiheenya kana naannichatti mudachaa ture keessatti uummanni naannoo Amaaraa nagaa akka barbaaduufi nagaaf hojjechaa akka jiruu agarsiisuudhaan gahee adda ta’e gumaacheera” jedhaniiru. Istuudiyoon ammayyawaa ijaarsa seenessa fudhatamaa ta’e, tokkummaa biyyaalessaafi badhaadhina hundagaleessaa milkeessuuf gahee olaanaa qabaachuu hoj-geggeessaan olaanaa Ameco Muluqan Saxxiyyeen dubbataniiru.
Guddinaa Asaffaatiin