Lafa Seeraan Ala Saamame Ture Gara Baankii Lafaa Mootummaatti Deebisiisu Qajeelchi Bulchiinsa Lafaa Bulchiinsa Sablammii Oromoo Beeksise

Bulchiinsi sablammii Oromoo bara baajataa 2017 kurmaanaa 2ffaatti lafa seeraan alaa weeraramee ture heektaara 713 deebisisuuf karoorse hanga ammaatti lafa heektaara 321 deebisisuu qajeelcha bulchiinsa lafaa bulchiinsa sablammii Oromootti, Dursaan garee bulchiinsa lafaa, obbo Siraaj Mohaammad himaniiru. Kana keessaa lafti heektaara 33.9 lafa magaalaa ta’uus hubachisaniiru. Namootni 222 weerara lafa karaa seeraan alaa taasisuu kaasaniiru. Yeroo itti aanuttis hojiin seeraan alummaa irratti hojjetamu cimee kan itti fufu ta’uus ibsaniiru. Lafa seeraan alaa weeraramee jiru hunda deebisisuufis kallattiin kaa’ame hojjetamaa jiraachuu obbo Siraaj himaniiru.

Birroon Haqaa Naannoo Amaaraa lafa seeraan alatti saamamaa ture deebisisuu Beeksiseera. Koreen dhaabbii dhimmoota seeraa, haqaafi bulchiinsaa  mana maree naannoo Amaaraa, raawwii hojii dhaabbilee inni hordofu gamaaggameera. Itti gaafatamaan biiroo haqaa naannichaa obbo Birihaanuu Goshiim, biriichi karoora tiraansformashinii karoorsee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiilee  teknolojii ammayyeessuu dandeessisan raawwachaa jiraachuus kaasaniiru.   Sirna haqaa mirkaneessuufis biriichi hojjechaa jiraachuu kan eeran itti gaafatamtichi, itti fayyadamummaa uummataafi mootummaa kabachisuufis hojjetamaa jiraachuu hubachisaniiru.

Malaanmaltummaafi seeraan alummaa ittisuuf,  hojiin bal’aan hojjetamaa jiras jedhaniiru.  Dhaabbilee haqa dhaqqabamaa taasisuuf tattaaffiin guddaa taasifamuu kan kaasan obbo Birihaanuun, hawaasni sirna haqaaf deeggaraa akka ta’u hojjechaa jiraachuu eeraniiru. Obbo Birhaanuun akka jedhaniitti, hirmaannaan hawaasaa haqni akka mirkanaa’uuf gahee guddaa qaba. Yakka ittisuufis hojiin qindaa’aa ta’e hojjetamaa jiraachuu eeranii,  kanaanis birrii miliyoona 337.5 ol malaanmaltummaan qisaasa’uuf ture deebisisuu isaanii ibsaniiru.

Lafa magaalaa seeraa alaan dabarfamee ture, deebisuun danda’aamuus hubachisaniiru. Bara baajatichaa kurmaana 2ffaatti  galmeewwan hedduu irratti murtoon kennamu isaa dubbataniiru. Dubartootni, daa’imman, dargaggootni, jaarsooliifi qaama miidhamtootni hedduun haqa akka argatan taasifamuus ibsaniiru.  Sababa haala waqtaawaa naannicha keessa jiruun lammiileen mana sirreessaa haalli qabinsa isaanii fooyya’aa akka ta’u hojjetamu itti gaafatamtich himaniiru.  Dhaabbatichaatti hojiin itti gaafatamummaa mirkaneessuu hojjetamuu kan himan obbo Birhaanuun, kanaanis, ogeessootaafi hoggantoota damee haqaa qulqulleessuuf hojjetamaa akka jiru himaniiru. Sababa rakkoo nageenyaa naannichatti muudateen hojii barbaadamu hojjechuuf gufuu guddaa akka ta’es ibsaniiru. Rakkooleen biiroo haqaa naannichaa akka hiikaman manni marichaa deeggarsa taasisuu akka qabus waamicha dhiheessaniiru.

Alamuu Balaayiin

 

 

 

 

 

 

Oduu

AMECO Hirkoo