Mariin biyyaalessaa yeroo hedduu jijjiiramaan booda kan taasifamuufi sirna siyaasaa jiruun garaagarummaafi rakkoolee biyyi tokko qabdu furuun yoo dadhabamu marii waliigaltee uumuuf taasifamudha. Mariin biyyaalessaa toftaa ittiin biyyi tokko dhibee siyaasaa keessoo ishee ittiin furuuf kan fayyadamtudha. Kunis kan ta’u marii hammachisaafi haqa qabeessa taasisuun yoo danda’ame qofadha.
Addunyaa irraa biyyootni hedduun rakkoolee seenaa keessatti isaan muudate marii biyyaalessaa hammachisaafi haqa qabeessa ta’e gaggeessuun hiikuu danda’aniiru. Kanaanis nageenya waaraa mirkaneessuun, jijjiirama siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa milkaa’aa ta’e fidaniiru. Kanneen marii haqa qabeessaafi hammachisaa ta’e hin adeemsifne immoo tasgabbaa’uu dadhabanii yeroo isaan rakkatan ni mul’atu. Biyyootni kanneen akka Yaman, Iraaqiifi Sudaan Kibbaa fakkeeny guddaa kan ta’aniidha. Mariin biyyaalessaa ce’umsa siyaasaafi nageenya itti fufiinsa qabu fiduuf, wal waraansa aangoo qabachuuf taasifamu dhaabsisuufi sarbama mirga namoomaa karaa itti fufinsa ta’een dhaabsisuuf mala filatamaa akka ta’e hayyootni gama kanaan muuxannoo qaban ni dubbatu.
Biyya keenyatti rakkoolee siyaasaafi garaagarummaan yaadaa waggoottan hedduuf harkifataa dhufan akka biyyaatti gatii guddaa kaffalchisaniiru, kaffalchiisaa jirus. Biyyattiin cabiinsa siyaasaa, rakkoolee tokkummaa biyyattii irratti gufuu ta’aaniifi garaagarummaawwan yaadaa harkifataa dhufan fala akka argatan taasisuuf marii biyyaalessaa adeemsisuu, akka furmaata ijootti erga qabattee hojiitti seente, waggoottan sadii ol ta’era. Lammiileen biyyattiis rakkooleen yeroo ammaa akka biyyaatti muudatan, mariifi waliigalteen furamanii, biyya nageenya ishee eegameefi tasgabboftuu taate arguuf hawwii guddaa qabaachuu ni dubbattu.
Jiraataa magaalaa Baahir Daar kan ta’e dargaggoo Addisuu Mangsituu, rakkoolee nageenyaa naannoolee garaagaraatti muudatan hiikuuf mariin biyyaalessaa murteessa ta’uu himeera.”Komishiniin marii biyyaalessa qaama kamirraayyuu bilisa ta’ee haala haqa qabeessaafi hammachisaa ta’en yoo hojjete rakkooleen jiran furmaata ni argatu jedheen amana” jedheera. Haata’u malee haala amma naannoo Amaaraa keessa jiruun, marii hammachisaa ta’e gaggeessuun rakkisaa akka ta’u danda’u yaaddo qabu dubbateera.
Komishinii marii biyyaalessaatti ogeessa ajandaa sassaabuu kan ta’an Dr. Ayyanaw Birihaanu, komishinichi boqonnaawwan adda addaa irra darbe, yeroo ammaa naannoolee10 fi bulchinsa magaalootaa Dirree Dawaafi Addis Ababaa keessatti hojii hirmaattoota adda baasuufi ajandaa sassaabuu xumuruu ibsaniiru. Naannoolee Amaaraafi Oromiyaa bakka rakkooleen nageenyaa jirutti hojiilee garaagaraa raawwachaa jiraachuus himaniiru. Keessattuu naannoo Oromiyaatti aanaalee 356 keessatti hirmaattoota marii adda baasuun, komishinichi ajandaalee mariis haala milka’aa ta’een walitti sassabee xumureera jedhaniiru. Komishinichi naannoo Amaaraattis hojii hirmaattoota adda baasuu eegale jiraachuufi haala gaariin adeemsisaa jiraachuu ibsaniiru. Naannichi rakkoo nageenyaa keessa jiraatus, komishiniin marii biyyaalessaa qophii guddaa taasisuun, gidduu galaawwan sadii: Gondar, Daseefi Baahir Daaritti hojiin hirmaattoota adda baasuu hojjetamaa jira jedhaniiru. Hojiin hirmaattoota adda baasuu kun gidduu gala Gondariifi Daseetti xumuramee jiraachuu kan himan ogessichi, haala walfakkaatuun Maagaalaa Baahir Daarittis hojiin hirmaattoota adda baasuu adeemsifamaa jiraachuu dubbataniiru.
Maricharratti qonnaan bulaafi horsiisee bulaa, dargaggoota, dubartoota, qaama miidhamtota, hayyoota, hojjettoota mootummaafi kutaaleen hawaasaa garaagaraa kan hirmaatan ta’uu dubbataniiru. Aanaa tokko keessatti kutaalee hawaasaa adda baafaman 10 akka jiran kan himan Dr.Ayyanaw, kutaalee hawaasa 10 keessatti, namootni kudhan filamanii, gara aanaatti ni ergamuu jedhaniiru. Namootni 10 immoo nama lama uummata sana bakka bu’uun marii sadarkaa naannootti taasifamu irratti yaada isaanii dhiyeessuufi hubachisuu danda’an filachuun akka hirmaatan ni taasifamu jechuun hojmaata komishinichaa ibsaniiru. Naannoo Amaaraatti aanaalee 267 hunda keessatti hojiin hirmaattoota adda baasuu erga xumuramee booda, hirmaattootni gara bakka tokkotti dhufuun, qaamoole gahe qabeessoota naannichaa waliin ta’uun ajandaa isaanii komishinii marii biyyaalessaaf ni dhiheessu jedhaniiru.
Haalli nageenyaa naannichatti jiru iddoo tokko tokkotti gufuu ta’uu kan himan ogeessich, Kanaanis aanaaleen tokko tokko bakka bu’aa isaanii ergu akka hin dandeenye eeraniiru. Haata’u malee namoota qaamaan hin argamne kana ajandaa isaanii bifa garaagaraan akka walitti qabamu ni taasifama jedhaniiru. Qaamni barbaade kamiyyuu dhunfaan yookiin imeeliidhaan, akkasumas poostaadhaanis ajandaa isaa komishinichatti galchuu ni danda’a jedhaniiru. Marichi haqa qabeessaafi hammachisaa akka ta’u komishiniichi of eeggannoo cimaan hojjechaa jiraachus hubachisaniiru.
Qaamolee ajandaafi yaada qabu hunda walqixa hirmaachisuuf tattaaffiin olaanaa taasifamaa jiraachuu himaniiru. Marii seenaa qabeessa kanarratti qaamoleen hidhatanii qabsa’aan akka hirmaataniif komishinichi hojjechaa akka jiru hubaachisaniiru. ‘’Marii kanarratti qaamni ‘ani hin hirmaanne’ jedhu akka hin jiraanneef komishinichi hojii bal’aa hojjechaa jira’’ jedhaniiru. Qaamni kamiyyuu komishinicharratti amantaa akka qabaatu bifa haqa qabeessaafi hirmaachisaa ta’een hojjetamaa akka jiru kan himan ogessichi, qaamoleen sababa garaagaraan hin hirmaannu jedhanis gara marichatti akka dhufan hojii hedduun hojjetamaa jira jedhaniiru. Mootummaanis hojiin kun akka milkaa’u haala mijeesaa jiraachuu kaasaniiru.
Komishinarri Komishiniin marii biyyaalessaa piroofessar Masfin Araayaa, komishinichi qaamooleen hidhatanii qabsa’aan marii biyyaalessaa irratti akka hirmaatan gama miidiyaalee garaagaraan waamicha itti fufiinsa qabu taasisaa turuu himanii, ammallee qaamoleen hidhatanii naannoo Amaaraafi Oromiyaa keessatti socho’an karaa nagaan waliigaltee irra gahuuf gara marichatti akka dhufan waamicha dhihessaniiru. Adeemsa hanga ammaa jiruun akka biyyaatti aanaaleen 980 ol ta’an hirmmaattoota isaanii adda baasuun ajandaa isaanii komishinii marii biyyaalessaaf kennuu danda’uu isaanii himaniiru. Keessattuu naannoo Oromiyaatti aanaaleen 356 irraa kan baba’aan hirmaattoota 7000 ol mari’achuun isaanii milkaa’ina guddaa ta’uu ibsaniiru. Adeemsichi dadhabsiisaafi kan nama qoru ta’us, marichi milkaa’aafi hammachisaa akka ta’e himaniiru.