Tiraamp Mariin Booda Chaayinaan Alatti, Qaraxa Kaa’an Guyyoota Soddomaaf Dheeressan

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp qaraxa haaraa meeshaalee biyyoota Chaayinaa, Meeksikoofi Kanaadaarraa Ameerikaa galanirra kaa’anii turuun niyaadatama. Tiraamp qaraxa dhibbantaa 25 Kanaadaafi Meeeksikoorra, Chaayinaarra immoo dhibbantaa 10 kaa’an hojiirra oola jedhamee eegamaa tureera. Kana sababeeffachuun Chaayinaafi Meksiikoon deebii quubsaa Tiraampiif deebisuuf yaalanii turan. Haata’u malee tibbana Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp qaraxa cimaa Meeksikoofi Kanaadaarra kaa’uuf doorsisaa turan xumurarratti biyyoota lamaan waliigaluun ji’a tokkoof tursiisuu danda’aniiru.  Ministirri Muummee Kanaadaa Jastiin Tiruudoofi Pirezodantiin Meeksikoo Kilaadiyaa Shinbaahum nageenya daangaa isaanii eegsisuu cimsuun godaansi seeraan alaatiifi baalli adoochaan gara Ameerikaatti akka hin seenne waligalaniiru.   

 Doonaald Tiraamp biyyoota michuu daldalaa Ameerikaa dhihoo ta’an waliin falmii keessa seenuun bu’aa kan argamsiise fakkaata jedha gabaasaan BBC Waashingtan jiru Subramaniyan. Meeksikoofi Kanaadaan nageenya naannoo daangaasaanii cimsuurrattii waliigaluun, daldala dawaa ‘fentaniyil’ hordofuuf waliigalteerra gahaniiru. Qaraxni Tiraamp buusuuf doorsisaa turan kun kan baratame miti. Tiraamp kanaan dura yeroo aangoorra turan qaraxa feerroofi aluminiyeemii irratti kaa’uun, Meeksikoo, Kaanaadaafi Gamtaa Awurooppaa biratti mufii uume turuun ni yaadatama. Tarkaanfiiwwan kunneen bal’aa tahuu dhabuu ogeessonni diinagdee ni eeru. Tiraamp amma meeshaalee Meeksikoo, Kanaadaafi Chaayinaarraa Ameerikaa seenan qaraxuuf waadaa seenaniiru. Chaayinaarratti ammallee Kibxata darbeerraa eegalee meeshaaleerratti qaraxa dhibbantaa 10 dabalaniiru.

Garuu Tiraamp Kanaadaafi Meeksikoorra guyyoota 30 booda qaraxa kaa’uufi dhiisuu isaanii ammatti waan ifa tahe hinjiru. Shakkii kun dhaabbileen daldalaa gabaa Ameerikaarratti akka hirkatu hir’isan, warshaalee haaraa ijaaruu,  hojjettoota qacaruu hanga waldhabdeen daldalaa caalaatti ifa ta’utti of qusachuun mul’ateera. Gabaastuun BBC Jeesikaa Murfii Torontorraa akka jettutti, ”Tiraamp qaraxa Kanaadaarraa kaa’uu yeroof tursiisuun qondaalota siyaasaafi hongantoota dhaabbilee daldalaa biratti akka haara galfitti ilaalame”. Doorsifni taarifaa kun garuu guutummaan guutuutti kan hafe miti. Ministirri Muummee Kanaadaa Jastiin Tirudoon injifannoo siyaasaa himachuu malu jedhamee eegama. Qondaalonni siyaasaa Kanaadaa maaltu akka Tiraaamp akka quubsu barbaadaa jiru; Tirudoon torban xumura bara aangoo isaanii akka Ministira Muummeetti milkii dhabuun xumuraniiru.

Tarkaanfiiwwan nageenya daangaa Wixata labsame hundi haaraa miti. Ji’a Muddee keessa Kaanaadaan tarkaanfiiwwan daldala ‘fentaniyl’ jeequuf tattaaffiifi hordoffii karaa seera kabachiistotaa cimsuuf $900m; £700m) ramaduu ifoomsteetti. Dirooniin basaasaa Kaanaadaafi helikooptaroonni ‘Black Hawk’ jedhaman lama dhiheenya kana daangaa biyyoota lamaanii sakatta’uu jalqabaniiru. Qondaaltonni yaaddoo daangaa dhimma Tiraamp kaaseef xiyyeeffannoo kennuu agarsiisa jedhu. Gaaffiin hafe tokko kun egeree hariiroo Kanaadaafi Ameerikaatiif maal jechuudha? isa jedhudha. Michummaan biyyoota laman giddu jiru qaraxa gama diinagdee Tiraampiin buuseen raafamuu danda’eera.

Chaaynaan gama isheetiin akka lakkoofsa Awuroppaa Guraandhala 10/2025 irraa jalqabee Ameerikaarratti gaazii uumaamaarratti qaraxa dhibbantaa 15, meeshaalee awutomobilirratti immoo qaraxa dhibbantaa 10 kaa’uuf dhaadachaa jirti. Chaaynaan hanga Guraandhala 10/2025 kan tursifteef walwaraansi diinagdee biyyoota lamaani osoo hin hammaatiin yeroo marii kennuu ishee Al Jaziiraan gabaaseera. Haata’umalee hayyuleen tokko tokko, Ameerikaan dorsiisa Chaayinaa kana akka deebiitti kan fudhattu yoo ta’e qaraxa dabalataa kaa’uu waan dandessuufi kunis dubbii daran akka hammeessuu danda’u yaaddoo isaanii kaasaniiru.

Oduu

AMECO Hirkoo