Biyyoonni Baay’een Tajaajila Wabii Fayyaa Hawaasaa qabatamaan hojii irra oolchuun lammiileen baasii xiqqaafi warreen hiyyeeyyii ta’an bilisaan tajaajila yaalaa itti fufaa ta’e akka argatan taasisuun milkaa’uu danda’aniiru. Biyya keenyattis tajaajilichi erga hojii irra oolee asitti lammiileen buhaa bahii baay’ee kenna tajaajila fayyaa keessatti isaan mudatu ce’anii baasii xiqqaafi bilisaan dhaabbilee fayyaa keessatti tajaajila yaalaa fayyaa argachaa jiru. Dhimma kana galmaan gahuuf mootummaan kenna tajaajila fayyaa dhaqqabamaa, itti quufinsa lammiilee mirkaneessuufi qaamolee hawaasaa sababa hiyyummaan yaalii fayyaa irraa fagaatan fayyadamoo akka ta’aniif hojiin hojjete salphaa miti. Qaamoleen miseensa wabii fayyaa hawaasaa ta’an nuti dubbisne kenna tajaajilaan walqabachuun rakkooleen tokko tokko jiraatanis tajaajilicharraa fayyadamaa jiraachuu ragaa bahu.
Magaalaa Kamisee kan jiraatan aadde Zahaaraa Ahimad, miseensa wabii fayyaa hawaasaa erga ta’anii waggaa sagal lakkoofsisuu isaanii himaniiru. Aadde Zahaaraan, waggaatti si’a tokko kaffaltii raawwachuun yeroo miirri dhukkubbii itti dhagahamutti waraqaa miseensummaa tajaajila wabii fayyaa mirkaneessu qabatanii gara buufata fayyaa magaalaa Kamisee deemuun tajaajila yaala fayyaa argachaa jiraachuu dubbataniiru. ”Duraan qoricha haala barbaadamaa ta’een buufata fayyaarraa argachaa hinturre; qoricha ogeessa fayyaan nuuf ajajamu baasii keenyaan mana qorichaa dhuunfaarraa bitachuun dhimma itti bahaa turre”jedhaniiru. Haata’umalee haala qabatamaa amma jiruun manni qorichaa magaalaa Kamiseetti waan banameef dhiheenyaan asitti tajaajila gahaa argachaa jiraachuu ibsaniiru.
Magaalichumatti miseensa wabii fayyaa hawaasaa kan ta’an obbo Mahaammad Ahimad, maatiisaanii dabalatee yeroo dhukkubsatan yaala fayyaa tajaajila wabii fayyaarraa argachaa turuufi jiraachuu isaanii himaniiru. ”Rakkoon hanqina qorichaa mudachaa ture; yeroo ammaa garuu manni qorichaa rakkicha furuu danda’u banamuun namoonni miseensa wabii fayyaa ta’an yeroo fayyadaman argeera” jedhaniiru. Obbo Mahaammad faayidaa wabii fayyaa hawaasaa yoo dhugaa bahan, ”namni ollaa koorraa dhukkubsate tokko yaaliin isaa Kamiseetti waan dadhabameef wabiin fayyaa magaalaa Kamisee dhaabbata yaalaa fayyaa guddaatti erguun namni sun amma dhibeesaarraa dandamatee fayyaasaa guutuutti deebi’eera’’ jedhaniiru.
Qindeessituun Wabii Fayyaa Hawaasaa Bulchiinsa Magaalaa Kamisee aadde Zabiibaa Nuuriyyee, ”tajaajilli wabii fayyaa hawaasaa namoota harka qalleeyyiifi galii gadaanaa qaban gargaaru cimsuun fayyummaa lammiilee mirkaneessuuf xiyyeeffannoon itti kennamee hojjetamaa jira” jedhaniiru. Itoophiyaatti akaakuuwwan wabii fayyaa sadii hojiirra oolanii jiraachuu eeruun, isaan keessaa wabiin fayyaa hawaasaa tokko ta’uusaa dubbataniiru. Akka ibsa aadde Zabiibaatti, wabiin fayyaa hawaasaa walgitiinsa kenna tajaajilaa kan fooyyessu, qulqullina kenna tajaajilaa kan dabalu, maatii baasii hin mallerraa kan hambisuufi namni kamuu yeroo tajaajila fayyaa barbaadutti garaagarummaa tokko malee akka tajaajilamu kan taasisudha. Haadholiifi daa’imman hatattamaan tajaajila akka argataniif haala kan mijeessuufi hirmaannaa hawaasaa kan cimsu ta’uusaas dubbataniiru. Magaalichatti wabiin fayyaa hawaasaa bara 2008 kan jalqabe ta’uu addeessaniiru. Tajaajilichi hojiirra erga oolee as milkaa’ina guddaa argamsiisaa jiraachuudha qindeessituun kun kan himan.
Aadde Zabiibaan magaalichatti Abbootiin warraa kuma saddeetiifi 965 miseensa wabii fayyaa hawaasaa ta’anii akka jiran kaasaniiru. Kanneen keessaa abbootiin warraa kuma ja’aafi 20 kaffaltii waggaa raawwatanii tajaajila fayyaa barbaachisaa argachaa jiru jedhaniiru. Harka qalleeyyiin baasii olaanaa baasanii yaalamuu hin dandeenye baay’ee tajaajilichatti akka fayyadaman taasisuun fayyaa hawaasaaf wabii ta’aa akka jirudha aadde Zabiibaan kan himan. Kenninsiifi qulqullinni tajaajila fayyaa akka dabaluufi fooyya’u taasisuuf carraaqaa akka jiranis eeraniiru. Akka ibsa isaaniitti, harka qalleeyyiin 200 ol bilisaan fayyadamoo tajaajilichaa ta’aniiru. Rakkoolee hanqina qorichaafi kenna tajaajila yaala fayyaarratti mudatan furuun tajaajilicha babal’isuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Duraan kenninsa tajaajila fayyaafi qorichaan walqabatee rakkoon mudachaa turuu himanii, barana magaalaa Kamiseetti mana qorichaa wabii fayyaa baasii birrii miiliyoona shan ta’u baasuun tajaajilaaf banaa taasisuu mirkaneessaniiru.
Kunis tumsa dhaabbilee mootummaafi miti mootummaarraa kan walitti qabame ta’uu himaniiru. Haala qabatamaa jiruun manni qorichaa kun qorichoota dhukkuboota adda addaa fayyisuuf oolan dhibbantaa sagaltama guutatee jiraachuusaatis himaniiru. Manni qorichaa kun komiiwwan miseensota tajaajilicharraa ka’aa turaniif deebii gaarii kan deebise ta’uu qindeessituun ku himaniiru. Akka aadde Zabiibaan jedhanitti, raawwiin wabii fayyaa hawaasaa magaalichatti waggoota kudhan keessatti dhibbantaa 60 gaheera. Bara baraan baay’inni miseensota tajaajilichaa dabalaa deemaa waan jiruuf dhiheessiiwwan meeshaalee yaala fayyaa, akkasuma ogeessonni fayyaafi kutaawwan yaalaas waliin dabalaa deemuu waan barbaachisuuf kana hubannoo keessa galchuun qaamni dhimmi ilaalu tumsuu akka qabu hubachiisaniiru.
Akka ragaa waajjira fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Kamiseetti, gosoonni Wabii Fayyaa sadiituu jiru. Isaanis: wabii fayyaa dhuunfaa, wabii fayyaa hawaasaafi wabii fayyaa hojjettota mootummaati. Kanneen keessaa akka magaalichaatti yeroo ammaa hojiirra oolaa kan jiru Wabii Fayyaa Hawaasaa qofa ta’uu qindessituun kun kaasanii hojjettoonni mootummaa wabii fayyaa hawaasaa keessatti kan hin hammatamne ta’uu hubachiisaniiru.