Aanga’oonni Mootummaa Yuunayitid Isteetiifi Raashiyaa Riyaaditti Wal Arguun Mari’atan

 

Guddinaa Asaffaatiin

Aangawoonni olaanoon mootummaa Yunaayitid Isteetisiifi mootummaan Raashiyaa Sa’ud Arabiyaa keessatti wal arguun walitti dhufeenya biyyoota lamaaniifi akkaataa walwaraansaa Yuukireeniifi Raashiyaa giduutti taasifamaa jiru xumuruun danda’amu irratti marii yeroo dheeraa  taasisaniiru. Gama Yunaayitid Isteetsiin gareen ministira dhimmaa alaa Markoo Ruubiyootiin durfamu kan gorsaa dhimma nageenyaa motummaa Yunaayitid Isteetis Mike Waaltiiziifi walakeessa bahaatti jila addaa Yunaayitid Isteetis kan ta’an Stiiv Wiitkoof kan of keessaa qabudha.

Gareen Raashiyaa immoo ministira dhimma alaa Sargeey Lavarooviifi gargaara pirezidaanti Vilaadimiir Puutiin Yuurii Ushakoov kan of keessa qabu ta’uun gabaafameera. Mariin isaanii inni ammaa marii fuulduratti pirezidaantiin Yunaayitid Isteets Doonald Traampiifi Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadimiir Putiin kallatiidhaan taasisaniif haala mijeesuudhaaf ajandaa tolchuuf akka ta’e bakka bu’oonni gareewwan lamaanii beeksisaniiru. Dhimma Yuukireen irratti walitti dhufeenyi Yunaayitid Isteetisiifi Raashiyaa kan isaan yaaddessee hoggantoonni biyoottan Awurooppaa dhimma marichi Yukireeniin hirmaachisuu qaba jedhuufi dhimma hegeree nageenyaa isaanii irratti magaalaa Paaris keessatti wal arganii marii taasisaniiru. Walgahii biyyoottan Awurooppaa kanarratti dhimma humna naga-eegdota Awurooppaa Yuukireen keessatti bobbaasuu irratti mootummaan Biriteeniifi mootummaan Saawidii yaada kan dhiheessan yommuu ta’u, hogganaan mootummaa Jaarman Chaansileer Olaaf Shuulz, dhimmaa kana irratti marii taasisuun waan yeroon isaa hin geenyeedhaa jedhaniiru.

Dhimaa Raashiyaafi Yuukireen ilaalchisee haasa kan taasisan Pirezidaantiin biyya Faransaay Imaanu’eel Maakroon, ”Yuukireen keessatti nagaa cimaafi waaraa barbaanna; kana galmaan ga’uuf immoo Raashiyaan weerarashee xumuruu qabdi, kunis wabii nageenyaa cimaafi amanamaa Yuukireenotaaf kennuudhaa wajjin ta’uu qaba,” jedhaniiru. Walgahii Paarisii booda Pirezidaantiin Yunaayitid Isteetis Doonald Traampii wajjin haasa’uu isaanii kan ibsan pirezidaantiin Faraansaay Imaanu’eel Makaroon, waliin hojjannaan Yunaayitid Isteetsiifi Yuukireen Awuroopaadhaaf barbaachisaa akka ta’e ibsuu isaanii beeksisaniiru. Prezidaantiin Yuukireen Velodemiir Zeleniskii gamasaaniin wabiin nageenyaa cimaan jiraachuu baannaan, Raashiyaan irraa deebitee Yukireeniifi biyyoottan Awurooppaa biro weeraruuf deemti jedhaniiru. ”Nageenya cimaafi waaraa mirkaneessuun dirqama akka ta’e kan ibsan prezidaantiin Yukireen sunis kan fiixaan bahuu danda’u yoo wabiin nageenyaa cimaan jiraate qofa akka ta’e akeekkachiisuu isaanii maddeen adda addaa gabaasaniiru.

Oduu

AMECO Hirkoo