Aarsaa Biyyaaf Kaffalame
Xaaliyaaniin haaloo injifannoo Adwaa irratti dhaqqabe bahuuf Itoophiyaa sirna gita bittaa jala galchuuf bara 1928 irra deebi’uun humna ishee guutuu fayyadamtee weerara taasiste. Humna lafoofi qilleensaa fayyadamtee lubbuu lammiilee Itoophiyaa kumaatamaan lakkaa’aman irratti miidhaa dhaqqabsiiteetti. Haata’u malee Itoophiyaanotni birmadummaan biyya isaanii akka hin sarbamne aarsaa guddaa kaffalaniiru.
Humni Xaaliyaanii meeshaa waraanaa ammayyaa kan hidhate waan ta’eef Ebla 27 bara 1928 hanga Addis Ababaatti seenuu danda’eera. Humni xaaliyaan hanga Addis Ababaatti haa seenuyyu malee Itoophiyaanotni bosonaafi magaalota gurguddoo keessatti diina irratti haleellaa cimsanii itti fufuu eegalan. Haleellaawwan raawwataman keessaa immoo, yaaliin ajjeechaa Guraandhala 12 bara 1929 Giraaziyaanii irratti raawwatame akka fakkeenyatti kaasuun ni danda’ama.
Rudoolf Giraaziyaanii, mootiin Xaaliyaa Viktoor Imaanu’eel, dhalachuu mucaasaa hordofee misiraachoo himuuf galma keessatti hoggantootaafi uummata walitti qabanii waa’ee uummata Itoophiyaa goototaafi waa’ee mootii Itoophiyaa tuffiidhaan yeroo isaan haasaan, Moogas Asgidoomiifi hiriyootni isaa dhagahanii baay’ee itti aaruun, boombii torba walitti aansanii darbataniin, Giraaziyaaniin rukkutamuun madaa’e, hoggantoonni biroos lubbuu isaanii dhabaniiru. Loltootni faashist xaaliyaanii bakkichatti turan, dhaabbachuu dho’insa boombii erga mirkaneeffatanii booda, lammiilee Itoophiyaa naannawichatti argaman irratti rasaasa roobsuu eegalan. Lammiileen hedduu jumlaan ajjeefaman. Daandiin hundi reeffaan guutame. Namootni mana keessa turan illee abiddaan akka gubatan taasifame. Dhumaatiin Guraandhala 12 jalqabame, guyyoota sadii gidduutti lammiileen nagaa kuma 30 magaalaa Addis Ababaatti qofa ajjeeffaman.
Pirezidaantiin waldaa gootota durii Lij Daani’eel Jootee, Guraandhala 12 faashistiin xaaliyaan jiraattota magaalaa Addis Ababaa irratti ajjeechaa jumlaa raawwachuus, aarsaa goototni waggaa shaniif raawwataniin, xaaliyaan injifatamte bahuu dubbataniiru. Dhalootni haaraa bilisummaa aarsaa goototaan argate, biyya isaa guddisuuf itti fayyadamu irra jiraata jedheniiru.
Ajjeechaa sukkanneessaa kana dhalootni dagachuu hin qabus jedhaniiru. Guyyaa yaadannoo kana kan kabajnu yaadachuufi haaloo qabachuuf osoo hin taane, gatiin bilisummaa Itoophiyaanotaaf kaffalame baay’ee qaalii ta’uu dhalootni akka hubatuufi jechuun himaniiru. Dhalootni bakka bu’uu imaanaa abbootii keenyaa eeguun, biyya isaa hiyyummaa keessaa baasuu qabas jedhaniiru. Lammiilee jumlaan ajjeeffaman yaadachuuf, Guraandhala 12 sadarkaa biyyaalessatti akka kabajamu bara 1934 labsame. Bara 1951 irraa kaasee naannawaa kiiloo jahaatti yaadatamee oola. Guyyaan yaadannoo Guraandhala 12 bara kanas yeroo 88ffaa kabajameeraa.