BIRREENSAA QORII Qoorsituu Dhiigaa

 

Abdulsaamii Aliyyiin

Ilmi namaa haala jiruufi jireenya fooyyeffachuuf tattaaffii taasisu keessatti walitti bu’uun isaa kan ooluu miti. Haalli walitti bu’insa ilma namaa kun haala aadaa ummanni tokko jireenya hawaasummaa ofii yeroo dheeraaf adeemsisaa tureeni. Waldhabbiin namoota dhuunfaarraa eegalee hanga sadarkaa biyya guutuutti deemu danda’aa.

Uummanni tokko haala jiruu fi jireenya isaa gaggeessu keessatti, akkuma nageenyaan waliin jiraatu, sababa adda addaatiin waldhabiinisi jidduu isaanitti ni uumama. Yeroo baay’ee waldhabbii uumamu kanas, haala aadaa ta’een sirna araara ittiin buusan kan qabu yoo tahu, kunis hundee waliigaltee nageenyaa ta’uun tajaajila.

Dhaabbileen amantaa lammiin amalaa fi naamusa gaarii qabu akka uumamuuf shoorri gumaachan ol-aanaadha.

Sirna araaraa hawaasichi nageenya ittiin buusu kunis, sirna araaraa hin didamne akka ta’e ni himama. Keessattuu sirni araaraa Birreensaa qoriitti taasifamu waldhabbii uumame araarsuuf, aangoo guddaa kan qabudha. Sirni araaraa kun hanga yeroo ammaatti, hawaasa aanaa Dawwe haarawaa biratti bal’inaan tajaajilarra oolaa kan jirudha.

Aanaa Dawwee haarawaatti akkaataa aadaa fi amantaa qabuun bakka araaraa seenaa qabeessa Birreessatti abbootti amantaa , abbootti aadaa , abbaa Bokkuu, kaawunsilii nageenyaa araara sirna aadaan taasifamu hawaasa biratti hangam fudhatama qaba kan jedhu tibbana yaaddoo rakkoo nageenyaa aanichaa ta’ee kan ture waldhabdee gosoota lama jidduutti  ture qoorsuu danda’e  odeeffannoo qindeeffanne akkuma itti aanutti dhiheessineerraa dubbisa gaarii.

Masjiidni Birreensaa qorii sirni  araaraa itti raawwatamaa turedha. Sirni araaraa kun namoota sababoota adda addaan walitti bu’an itti waamamanii araarri iddoo itti raawwatamuudha. Bakka araaraa kanatti waggoota dheeraaf araarri kan bu’e yoo ta’u meeshaaleen sirna kanaaf qophaa’an rakaboota, misbahaa fi meeshaaleen biroos akka argaman ragaan komiyunikeeshiinii  aanichaarraa arganne ni mulisa.

Naannawichatti sababoota adda addaan kan wal ajjeesan, miidhaa namarraan geessise, haaloo bahachuuf qaamonni qophaa’an hundi sirna araara wal jibbaan jidduu isaanitti uumame dhabamee araarri bu’ee nageenyaan waliin jiraachuu danda’an taasisuudha. Sirni kunis naannawichatti fudhatama guddaa kan qabuu fi seeraanis deeggarsa argatee ammas tajaajila kennuurratti kan argamuudha.

Sababa tokkoonis haa ta’uu sababa biraatiin inni tokko dhiiga isa biraa ni dhangalaasa, inni miidhaa geessise waan garaa isaa raawwatee ni dhokata miidhamaanis dhiiga isaa deebifachuuf qophaa’ee yeroo eeggata. Riphees adamsa. Sababa kanaan jibbaafi hammeenyi, haaloon hawaasa keessatti bal’atee waliin jireenyi fi nageenyi naannawichaa ni boora’a. Madaa miidhamaa haaloo qabate seerri addunyaa isa hin fayyisu. Birreensi qorii garuu, madaa miidhamaa fayyisuu kan danda’u sirni araaraa sheekotaan raawwatamu humna jabaa qaba.

Bulchiinsa sablammii Oromoo aanaa Dawwee Harawaatti waggootaaf sababoota adda addaatiin gosootni waldhabdee keessa turan abbootii amantaafi maanguddootaan araara buusaniiru

Mahaammad Ibraahimii fi Mahaammad Yasuuf walitti fiduun dhiigni isaan jidduutti dhangala’aa ture akka qooruuf wal hammachisuun akka araarri bu’u taasifameera.  Dhiiga walii dhangalaasuun nu haagahu jechuun dursitoonni gosa lameenii kan darbe dhiisuun araaratti dhufnee jirra jedhuun dubbataniiru.

Gosootni araara buusan kunneen sababa quubsaa hin taaneen dhiiga wal dhangalaasaa qe’ee qabeenyaafi maatii horatanirraa buqqa’aa wal adamsaa wal eeggachaa jiraataniiru. Ammarratti kan darbe dhiisuun araaratti dhufuu dubbatu.

Sirna araaraaf namoonni birreensaa qoriitti waamaman hawaasa naannawichaan kan sheekkotaa akka ta’e waan beekkamuuf hin didamu. Akka hawaasni naannawichaa amanutti namni araara kana dide balaan ykn miidhaan irra gaha jedhamee waan amanamuufi. Araaraaf yeroo dhufu maanguddoota araara kanarratti argamuu danda’an filachuun araarri akka bu’u kan godhamu.

Waldhabbilee nama dhuunfaa,  maatii, garee, gosaafi biyya uumamaa tureera ammas uumamaa jira. Waldhabbiilee karaa aadaatiin furuu akka danda’amu heerri biyya keenyaas ni deeggara.  Kanumarraa ka’uun haala yeroo ammaa biyyattii keessatti mudachaa jiruun araarri biyyoolessaa akka nu barbaachisu wal nama hin gaafachiisu.

Kanumaaf waldhabdeen fala argachuu akka qabu nageenya buusuu keessatti qaamoleen adda addaa sochii taasisaa jiran keessaa kaawunsiliin nageenyaa gahee isaa bahachaa akka jiru barreessaan kaawunsilii nageenyaa bulchiinsa sablammii Oromoo kan ta’an Ahimad Juhaar araarri biyyoolessaa kan dhufuu danda’u  waldhabbii uumaman osoo hin babal’atin aadaa uummanni itti amanuun bakka ulfina qabutti argamuun araarri raawwatame kun abdachiisaadha jedhaniiru

Araarri godhamu kun ragaaf akka ooluuf barreeffamaan qopheeffamaa qaama seeraatifis araarri bu’uu isaa kan ittiin beeksifamu ta’a. Araarri bu’u gama seeraatiin fudhatama akka qabaatuuf qindoominaan hojjachuu fi beekkamtii qabaachuu isaa ilaalchisee itti aanaan bulchaafi itti gaafatamaan qajeelcha nageenyaafi callisaa bulchiinsa sablammii oromoo obbo Abduu Jamaal ibsaniiru.

Sirna araara aadaa  kanaan dhiyaatanii isaan araaraman araara booda gara jibbaa fi waldhabbiitti hin deeman, obbolummaan waliin jiraatan malee. Kun kan hin taane taanaan seeraanis kan gaafataman ta’uu obbo Abduu Jamaal himaniiru.

Masjiida Birreensaa qoriitti namoonni wal ajjeesuuf dhiiga deebifachuuf walbarbaadan hedduun araaramanii nageenyaan waliin jiraachuu danda’uu isaanii bulchaan aanaa Dawwee Harawaa obbo Mahaammad Suwaabiir ibsuun nageenya aanichaa amansiisaa gochuuf aadaafi amantaa uummataa kabajuun Masjiidni Birreensa qoriis qoorsituu dhiiga ta’uu isaas ibsaniiru.

 

 

Oduu

AMECO Hirkoo