Maaalummaa Dhiibbaa Dhiigaa

 

Guddinaa Asaffaatiin

Dabaluun dhiibbaa dhiigaan addunyaa irraa namoonni hedduun kan miidhaman ta’uutu himama. Kunis waggaatti lubbuu namoota miiliyoona sagalii ol galaafata jedhama. Dhiibbaan dhiigaa akka dhukkuboota warreen kaanii mallattoo adda ta’e waan hin argarsiifneef namoonni hedduun kan ofirratti beekan erga dhiibbaan dhiigaa yeroo dheeraaf irra turuun dhukkuboota yaalamanii fooyya’uuf ulfaataa ta’aniif erga saaxilamanii boodatti. Haata’u malee deggersa yaalaa fayyaafi sochii qaamaa taasisuun irraa of eeguun ni danda’ama. Jiraataan magaalaa Kamisee obbo Abduu Mahaammad dhukkuba dhiibbaa dhiigaa dhukkubsataa turuu kaasanii, yeroo amma kana sochii qaamaa idilee taasisuun dhiibbaa dhiigaa irraa fayyuu isaanii dubbataniiru. Jiraatichi sochii qaamaa taasisuun cinatti gara mana yaalaa deemuun yeroodhaa yerootti dhiibbaan dhiiga isaanii sadarkaa sirri irra jiraachuufi dhiisuu isaa beekuuf ogeessa fayyaan ilaalamaa jiraachuu himaniiru. Haaluma walfakkaatuun jiraataadhumti magaalichaa obbo Indiris Saaniin sochii qaamaa taasisuu irraa faayidaa guddaa argachuu addeessaniiru. Sochii qaamaa eegaluun duratti dhiibbaa dhiigaaf saaxilamanii turuu isaaniiti kan dubbatani. ”Gara mana yaalaa yeroon deemaa turetti ogeessonni fayyaa sochii qaamaa akkan taasisu na gorsaa turani” jedhan obbo Indiris. Amma  sochii qaamaa waggaa sadaffaa hojjechaa jiraachuu himuun, dhiibbaan dhiigaa duraan isaan rakkisaa ture irraa damdamachuun sadarkaa gaarii irratti kan argaman ta’uu himaniiru.

Hakiima Waliigalaa Buufata Fayyaa magaalaa Kamisee Dr Abduu Alii Dhiibbaa dhiigaa jechuun dhiigni qaama keessa yaa’u ujummoolee dhiigaa (artery) kan ittiin dhiibu ta’uu himaniiru. ”Dhiibbaan dhiigaa kun ‘milimeetirri merkurii’ (mmgh) jedhamuun kan safaramudha; dhiibbaa dhiigaa qabaachuufi dhiisuu adda baafachuun kan danda’amu mana yaalaa deemanii yoo ilaalaman malee dursanii of irratti beekuun hin danda’amu” jedhu Dr Abduun. Akkasaan jedhanitti, dhiigni onnee irraa maddu gara kutaawwan qaama birootti raabsamuuf ujummoowwan dhiigaa dhiibbaa (pressure) barbaadu. Dhiibbaan dhiigaa kun humnaa ol yoo ta’e ujummoowwan dhiigaa qaamolee keenya kan biraa irratti miidhaa geessisuu akka danda’an eeraniiru. Dhiibbaan dhiigaa inni sirriin (normal) 90/60-120/80 (mmgh) ta’uu dubbataniiru. Namoota dhukkubichaan hubaman keessaa hedduun ofirratti kan hin beekneefi gariin ammoo yaala gahaa ta’e argachaa kan hin jirre ta’uu kaasaniiru.

Dhiibbaan dhiigaa dhukkubbota akka tasaa osoo hin beekiin du’aaf nama saaxilu keessaa isa tokkodha jedhan Dr Abduun. Qabata kanaan olka’iinsi dhiibbaa dhiigaa maqaa masoo ”Silent killer” yookiin ‘dhukkuba sagalee dhokfatee nama ajjeesu’ jedhamuun kan waamamudha, jechuun himu. Dhukkuboota olka’iinsa dhiibbaa dhiigaa hordofanii mudachuu malaniif deebii kennaniiru. Olka’iinsi dhiibbaa dhiigaa dhukkuboota kanneen akka sammuu keessatti dhiiguu (stroke) (itituu dhiigaa) dhukkuba onnee, kaleefi kkf namatti fiduu akka danda’u Dr Abduun himaniiru. Dhukkuboonni kun erga nama qabanii yaalamanii irraa fayyuun ulfaataa waan ta’eef dursanii dhiibba dhiigaa sakkatta’amanii irraa ofeguun barbaachisaadha jedhaniiru. Akka Dr Abduun jedhanitti, hawaasni dhiibbaa dhiigaan walqabatee hubannoo waan hin qabneef erga dhukkuba biraatti ce’ee booda ofirratti baru. Namoonni dhiibbaan dhiigaa isaanii ilaalchifatanii dabalaa akka jiru adda baafatan (120/80 mmHg haga 139/89 mmHg) yoo xiqqaate waggaatti yeroo tokko dhiibbaa dhiigaa isaanii ilaalchifachuu qabu” jechun gorsaniiru. Dhiibbaan dhiigaa sirriin (normal) (120/80 mmHg) gadi yoo ta’edha jedhu ogeessichi.

Qorichoonni dhiibbaa dhiigaa hir’isuuf ogeessa fayyaan kennaman rakkoowwan lubbuu galaafatan kan akka sammuu keessatti dhiiguu (stroke) dadhabuu onnee, dhibee kalee fi kkf namarraa kan ittisuufi dhiibbaan dhiigaa akka ol hin kaaneef kan gargaaran ta’uu dubbataniiru. ”Namoonni sababa adda addaan dawaa ogeessaan ajajameef addaan kutuun tasa dhukkubsatanii gara mana yaalaa yoo dhufan ni mul’ata. Keessumaayyu, rakkoo sammuu keessatti dhiiguu (stroke) erga qaama isaanii gam-tokkoon laaffisee booda kan dhufanidha. Rakkoon kun erga mudateen tajaajilli gama fayyaan taasifamuuf baay’ee abdachiisaa miti” jedhu Dr Abduun. Kanaafuu qorichoota dhiibbaa dhiigaaf kennaman adda kutuun gonkuma kan hin jajjabeeffamne ta’uu hubachiisaniiru. Dhiibbaa dhiigaa olka’e hir’isuufis ta’e akka ol hin kaane ittisuuf dawaan alatti tooftaaleen biroo jiraachuu himaniiru. ”Sochii qaamaa yoo xiqqaate torbanitti guyyaa afuriif guyyaatti daqiiqaa 30 hojjachuu qabna; sochiin qaamaa dhiibbaa dhiigaa hir’isuuf qofa osoo hintaane dhukkuboota onneefi ujummoolee dhiigaan walqabatanii dhufan kamirraayyu nama eega” jedhaniiru. Haala nyaataan walqabatee nyaanni dhiibbaa dhiigaa dabaluu keessatti ga’ee guddaa qabu ashaboo ta’uu isaa kaasaniiru. Kanaafuu nyaata ashaboon itti baay’atee soorachuu irraa of qusachuun barbaachisaa akka ta’e himaniiru. Dr Abduun, namoonni umuriin isaanii waggaa 50 olii ta’anii kanneen dhukkuba sukkaaraafi kalee  qaban nyaata ashaboofi coomni itti baay’ate nyaachuu irraa of qusachuun bakka isaa fuduraaleefi kuduraalee fayyadamuu akka qaban hubachiisaniiru.

Oduu

AMECO Hirkoo