Guddinaa Asaffaatiin
Maraatooniin addunyaa marsaa 45ffaa bara 2025 keessa Ebla 27 Landanitti eegala jedhamee eegama. Dorgommicha irratti gama dhiirotaan Keeniyaarraa Eeliyuud kippichoogee kan hirmaatu yoo ta’u, Itoophiyaarraa ammoo abbaa maraatoonii sa’aatii saffisaa kan ta’e gaheessi waggaa 41 Qananiisaa Baqqalaa kan hirmaatu ta’uu isaa beeksiseera. Atileetonni buleeyyii kun lamaan achirratti hirmaachuun isaanii dorgommicha adda taasisa jedhamee odeeffama. Gaheessi waggaa 41 Qananiisaa Baqqalaa dorgommii maraatoonii Landan irratti injifannoo isaa kanaan duraa haaressuu bira darbee walmorkii isaafi atileetii Keeniyaa Eeliyuud Kippichoogee gidduutti waggoota 22’f ture sana itti fufsiisa jedhame eegama. Qananiisaan umuri isaa waggaa 40’tti rikardii maraatoonii addunyaa guddicha of harkaa kan qabu yoo ta’u, maraatoonii Landan 45ffaa kanarrattis dorgomtoota gurguddoo hirmaatan keessaa tokko ta’uu isaan walqabatee gammachuu guddaa qabaachuu dubbateera. ”Maraatooniin Landan fiigicha adda ta’edha. Fiigicha atileetonni gurguddoofi dandeettii qaban baay’een irratti wal dorgomanidha. Hirmaata isaa ta’uun natti tola, baay’een gammada,” jedha Qananiisaan. Haaluma walfakkaatuun maraatoonii Landan 45ffaa kanarratti wal morkiin atileetota dubartootaa gidduutti taasifamu kan dhiirotaa gadi miti. Dorgomicha irratti atileetonni dubaraa kanaan dura seenaafi bu’aa gurguddaa galmeessan: Itoophiyaarraa Tigist Asaffaa, Nezerlaand irraa Siifan Hasan Keeniyaarraa Chipnegeetich ni hirmaatu jedhamanii eegamu.