Biyyi tokko lammiilee gama hawaasummaafi diinagdeen ofdanda’oo ta’an kan ittiin horattu barnootani. Gama kanaan milkaa’uuf ammoo daa’imman gara manneen barnootaatti geessuu feesisa. Akkuma beekamu daa’imman barsiisuun dhimma filannoof dhihaatu miti. Sababani isaas, boru biyya kana dhaaluun kallattii hundaan biyyattii kan utubani daa’immani har’aati.
Mana barnootaa naannowaa isaaniitti argamutti haala mijeessuun akkasaan barnoota qixaan hordofan yoo hin taasifne karoorriifi galmi biyyattiin gama kanaan qabatte milkaa’uun hin yaadamu. Haala qabatamaa jiru irraa hubachuun akkuma danda’amu yeroo dhihoo asitti bakkeewwan tokko tokkotti sababoota garaagaraan daa’imman baay’een barnoota idilee isaanii irraa fagaachuu ragaaleen ni mul’isu. Dhaabbanni mootummoota gamtoomanii (UN) bara 2025 tti dhimma kana ilaalchisee gabaasni baase akka mul’isutti Itoophiyaatti daa’imman miiliyoona sagalitti dhihaatan barnoota adda kutaniiru. Kanumaan walqabatee manneen barnootaa kuma jahaa adeemsa baruufi barsiisuu dhaabuu isaanii dhaabbatichi ibseera.
Kun akkuma jirutti ta’ee bakkeewwan nageenyi waaraa dhufetti hamma barbaadame ta’uu baatus barattoonni gara barnoota idilee isaanii duraaniitti deebi’aa jiru. Boora’uu nageenyaa hordofee bakkeewwan adeemsi baruufi barsiisuu yeroo dheeraaf danqamaa ture keessaa aanaan Jiillee Dhummuugaa tokkodha. Magaalaa Sanbatee ganda Waataa keessatti kan argamu Manni Barumsaa Sadarkaa Tokkoffaa Burqaa Guddinaa yeroo dheeraaf adeemsa baruufi barsiisuu sababuma rakkoo nageenyaaf adda kutee turuu maatiin barattootaafi barsiisonni mana barumsichaa ni dubbatu.
Jiraataan ganda Waataa obbo Sa’id Hasan sababa rakkoon nageenyaa gandicha keessatti irra deddeebiin mudataa tureef yeroo dheeraaf daa’imman isaanii barnoota irraa fagaatanii turuu himaniiru. Nuti kan hawwaa turre nageenyi waaraa argamee ijoolleen keenya gara mana barnootaatti haala isaan itti deebi’anidha kan jedhan jiraatichi, yeroo ammaa kana haalli nageenyaa fooyyee qabu waan dhufeef daa’imman isaanii duraan barnoota adda kutanii turan gara mana barnootaatti deebi’anii jiraachuu addeessaniiru.
Obbo Sa’id ”walwaraansi miidhaarra darbee bu’aa tokko waan hin argamsiisneef ammayyu taanaan nageenya barbaanna” jedhaniiru. Gandichatti, boora’uun nageenyaa adeemsa baruufi barsiisuu danquu bira darbee ilma namaafi qabeenyaarra miidhaa kan geessise ta’uu isaa himaniiru.
Haaluma walfakkaatuun, jiraatadhumti gandicha obbo Hasan Umar uummata Axaayyee waliin galgalaa ganama walitti dhufnee miidha walwaraansi kanaan dura nu lachuurraan gaherratti irra deddeebiin marii taasisaa turre jedhu. Marichaanis rakkoo nageenyaa hawaasa gam-lamaanii yeroo dheeraaf qoraa ture furuun kan danda’ame ta’uu himaniiru. Barsiisaa Olaanaa Abarraa barsiisota Mana Barumsa Sadarkaa Tokkoffaa Burqaa Guddinaatti barattoota barsiisan keessa isaan tokkodha.
Nageenyi boora’uun duratti manni barnootichaa barattoota qaxalee oomishuun sadarkaa aanaafi godinaatti beekamtii kan qabu ta’uu isaa himaniiru. Haata’umalee, wal jijjiirraa dhukaasaa yeroodhaa yerootti adeemsifamaa tureen barattoonni mana barumsichaa barnoota isaanii addaan kutanii turuu yaadataniiru.
Yeroo ammaa kana nageenya waaraa argame hordofee barattoonni mana barnootichaatti barnootaaf galmaahan hundinuu barnootatti deebi’uun barachaa jiraachuu mirkaneessaniiru. Itti aanaan Waajjira Barnootaa Aanaa Jiillee Dhummuugaa obbo Biraanuu Jabeessaa rakkoon nageenyaa aanicha keessatti mudatee ture jaarsolii biyyaan furamee adeemsi baruufi barsiisuu ittifufinsaan kennama akka jiru hiimaniiru. Fuulduraafis nageenya amansiisaafi ittifufinsa qabu mirkaneessuuf qindoominaan hojjechuun murteessaadha jedhaniiru.
Kanaan dura bulchiinsa magaalaa Sanbateefi Axaayyee gidduutti rakkoon nageenyaa irra deddeebiin mudataa ture abbootii amantaafi jaarsolii biyyaa gam-lamaaniin jiraniin irratti mari’atamee furamee jiraachuu isaa eeraniiru. Jijjiirama gama kanaan dhufeenis barattoonni yaaddoo tokko malee barnoota isaanii idilee hordofaa jiru kan jedhan obbo Biraanuun, aanichatti haala qabatamaa amma jiruun barnoonni seemisteera tokkoffaa xumuramee seemisteerri lammaffaa eegaluu isaa hubachiisaniiru.
Walitti Qabduun Koree Dhaabbii Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii, Dargaggootaafi Hawaasummaa naannoo Amaaraa aadde Abaraash Taaddasaa bara barnootaa 2017 tti naannichatti manneen barnootaa kuma 3 fi 736 adeemsa baruufi barsiisuu ala jiraachuu ibsaniiru. Akkasaan jedhanitti, barattoonni miiliyoona 4.5 ol barnootaan ala jiru. Barsiisotaafi hoggantoonni manneen barnootaa kuma 30 ol hojiitti seenuu hin dandeenye.
Walitti qabduun kun haalli nageenya naannichaa kan bara darbee wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu fooyyee qabaachuu kaasanii, ta’us ammallee adeemsi baruufi barsiisuu rakkoo keessa jiraachuu eeraniiru. Raawwiin bara darbee dhibbantaa 57 ture, bara kana gara dhibbantaa 40 tti gadi bu’uu isaa himaniiru. Kanaaf uummanni naannichaa guutuun dhiibbaan rakkoo hirmaannaa barnootaa irratti mudate kun carraa egeree daa’immanii irratti qabu ulfaataa ta’uu hubachuun, ijoollee isaa gara mana barnootaatti erguun barbaachisaa ta’uu isaa hubachiisaniiru.