Malaammaltummaan faayidaa dhuunfaa argachuufi karaa qaxamuraan duroomuuf, dhugaa, murtiifi haqa jallisuu akkasumas duudhaalee bu’uura hawaasa ykn qajeeltoowwan naamusa bu’uura ta’an cabsuun gocha raawwatamudha. Ittigaafatamummaa namatti kenname ykn amantaa namatti kenname bahuu dhabuun, faayidaa dhuunfaa ykn gareef jecha sirnoota, seerota, dambiiwwaan, hojimatawwaniifi qajeeltoowwan cabsuudha.
Malaanmaltummaan qabeenya mootummaa qisaasuu, dhagahama qabaniin daldaluu, aangootti seeraan ala fayyadamuu, badhaadhina seeraan alaa argachuuf qabeenya mootummaatti haala hin taaneen fayyadamu illee kan of keessatti qabatudha. Malaanmaltummaan biyyarratti miidhaa hedduu dhaqqabsiisa, seeraan alummaafi yakkootni akka babal’atan taasisa, misoomaafi guddina biyyaa quuccarsa, sirna bulchiinsa mootummaas ni dadhabsiisa, kannarra darbes biyya diiguu danda’a. Itoophiyaan yeroo garaagaraatti malaammaltummaa ittisuuf yookiin xiqqeessuuf hojiilee adda addaa sadarkaa biyyaalessaatti hojjechaa jirti. Kana keessaa tokko hoggantootni mootummaa olaanoo, mudamtootniifi ogeessotni mootummaa qabeenyaa isaanii akka beeksisaniifi galmeessisan labsii 668/2002 paarlaamaan raggaasisuun erga hojjechuu eegaltee waggoottan kudhanii ol lakkoofsisteetti.
Amaaraa miidiyaa korporeeshiniitti gaazexeessa kutaa qophii afaan oromoo kan ta’e Gaazexeessaa Odaa Likkiisaa, Qabeenya galmeesssuun namootni seeraan alaa hojjetanii qabeenya akka hin horanneefi qabeenya mootummaa irratti saamichi akka hin raawwatamne kan taasisu ta’u himeera. Haata’u malee namootni hedduun galii isaaniin olitti yeroo isaan qabeenya horatan ni mul’atu, kun immoo sirni to’annoo mootummaa laafaa ta’uu agarsiisa jedheera. Jalqabbiin jiruu gaarii ta’uus galmeessuun qofa furmaataa ta’uu waan hin dandeenyeef mootummaan hordoffii cimaa taasisuu qaba jechuu dhaameera.
Komishinii farra malaammaltummaa naannoo Amaaraatti Daayireekteera Galmeefi beeksisa qabeenya kan ta’an Yiliqaal Geetinet, komishiniin naamusaafi farra malaammaltummaa, hojmaata badaafi malaammaltummaa ittisuuf, hojiilee inni hojjechaa jiru keessaa tokko hojii qabeenya galmeessuufi beeksisuudha jedhaniiru. Kaayyoon qabeenya galmeessuufi beeksisuu, inni jalqabaa itti gaafatamummaafi iftoomina mirkaneessuuf ta’uu himaniiru.
Filamtootni uummataa, mudamtootniifi hojjetootni mootummaa sadarkaa aangoo kennameefiin murtoo maallaqaafi maallaqaa hin taane irratti ni murteessu, hojiilee akkana yeroo raawwatan immoo malaammaltummaaf ni saaxilamu kan jedhan obbo Yiliqaal, kanaanis mudamtootniifi hojjetootni mootummaa rakkoo mudachuu malu xiqqeessuuf qabeenya qaban ni beeksisu jedhaniiru. Kanaanis hordoffiin ni taasifama, galii qabaniin alatti yoo qabeenya horatanis itti gaafatamu ni danda’u jedhaniiru. Qabeenya horatan karaa seera qabeessaan to’achuuf akka dandeessisus himaniiru. Iftoominni sadarkaa kanaan yoo jiraate, aangoo seeraan alaa fayyadamuun akka jiraachuu hin dandeenye dubbataniiru.
Kayyoo inni lammaffaan, qabeenya galmeessuun wal dhabdee faayidaa irratti uumamu ittisuuf akka gargaaru daayirekteerichi eraniiru. Filamtootni, mudamtootniifi hojjetootni mootummaa kamiyyu kan hojjechuu qaban faayidaa uummataa mirkaneessuuf qofa ta’uu qaba kan himan, obbo Yilqaal, Haata’u malee hoggantootni hojii mootummaa, faayidaa uummataafi biyyaa dursa kennuurra ittigaafatamuummaa qaban fayyadamuun, faayidaa dhunfaa ykn faayidaa maatii isaaniif dursa kennuun waan jiruuf, hoggantootni mootummaa qabeenya akka galmeessisan ni taasifamaa jedhaniiru. Kaayyoon isaa inni biraan malaammaltummaa hojmaata badaa ittisuuf madda ragaa ta’e tajaajila jechuun himaniiru. Qabeenya galmeessistootni, qabeenya qabaniifi galii qabaniin olitti yoo qabeenya horatanii argaman, qabeenya maddi isaa hin beekamne jedhame waan lakka’amuuf itti gaafatammummaa ni fida jedhaniiru.
Sirna qabeenya galmeessisuu keessatti qabeenyawwan galmaa’u danda’an, qabeenya socho’u, kan hin sochone, qabiyyee lafaafi liqaa ille kan of keessatti qabatu ta’u lakkoofsa labsii 187/2003n murtaa’eera. Meeshaaleen manatti ittiin tajaajilamnu, galiin sooramaa irraa argamuufi qabeenyi dhaalan argame kan hin galmoofne ta’uu hubachisaniiru. Bu’uura lakkoofsa labsii 187/2003 filamtootni uummataa, afa yaa’iin, miseensotni koree dhaabbii, bulchitoonni aanaafi magaalaa qabeenya isaanii galmeessisuu dirqama qabu jechuun obbo yiliqaal himaniiru. Mudamtootni, pirezidaantotni, hoggantootni biroo, kantibootni, hoggantootni waajiraalee dabalate mudamtootni biroo qabeenya beeksisuuf dirqama qabaachuu dubbataniiru. Hojjettootni mootummaa sadarkaan jiranis akka dabalatu himaniiru. Mudamtootniif, filamtootniifi hojjettootni mootummaa erga hojii mootummaa eegalanii guyyaa 45 irraa kaase, qabeenya isaan ni galmeessisu dirqama qabu jedhaniiru. Galmeen lammaffaan haaromsa yoo ta’u, waggaa 2’f walakkaatti kan adeemsifamuu ta’uu himaniiru. mudamtootnii, filamtootniifi hojjettootni mootummaa yeroo kennameef keessatti qabeenya isaanii sababa amansiisaa hin taaneen, galmeessisuu baannaan, adabbii birrii 1000 mootummaaf kaffalanii, guyyoottan 30 keessatti akka galmeessisan ni taasifamu jedhaniiru. Yeroo dabalataa kennamee keessatti galmeessisuufi ragaa sirri hin taane ta’ee jedhanii yoo kennan seera yakkaa keewwata 417/2 daangeffameen bu’uura godhachuun addabbii hidhaa hanga waggaa shan adabsiisuu danda’a. Kanaan alatti qabeenyi hin galmoofne hundi seera yakka keewwata 419/2 qabeenya maddii isaa hin beekamne jedhame kan mootummaan kan dhaalu ta’a jedhaniiru. Walumaagalaatti akka naannoo Amaaraatti komishiniin erga qabeenya galmeessuu eegale 2005 irraa kaase hanga ammaatti filamtootni 959, mudamtootni 28057 fi hojjettootni mootummaa 141064, walumaagalaatti namootni 170080 qabeenya isaanii galmeessisuu danda’u dubbataniiru. Qabeenya beeksisuufi galmeessisuun, hojmaata badaafi malaammaltummaa ittisuuf akkasumas bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf gahee olaanaa qabaachuu hubachiisaniiru.