Gahee Ogeessota Misooma Qonnaa

Biyyoota yeroo duraaf jiruu adamsuurraa gara qotanii buluutti addunyaa tarkaanfachiisan keessaa Itoophiyaan tokko ta’uun eeramti. Biyyoonni yeroo biyyattiin hojii qonnaa jalqabdu hin hundaa’iin baay’een yeroo har’aa qonna ammayyaafi ‘makaaniizdi’ ta’etti fayyadamanii ofirra darbanii biyyoota addunyaa baay’eef deggersa midhaan nyaataa taasisuu irratti argamu.

Biyyattiin teknoloojii qonnaa yeroo irraa yerootti fooyya’aa dhufe faana walitti madaquu dhabuurraan kan madde qonna aadaawaa keessaa guutummatti akka hin baaneef saaxila ba’aa turteetti. Lafa qotamu osoo qabnu haala itti qotamuufi waan qotamuu malu wallaaluurraan deggersa midhaaniif gara biyyaa hambaatti harka diriirsuun biyya kanatti baroota baay’eef waan baratamaa ture.

Ta’us, sochiin gama misooma qonnaan dhiheenya taasifamaa jiru seenaa ture waan jijjiiru fakkaata. Seenaa kana jijjiiruu keessatti qonnaan bultoota itti dhiheenyaan hojmaata qonnaa barsiisuun oomishtummaa dabaluu keessatti gahee ogeessonni qonnaa qaban olaanaadha.

Ogeessonni qonna deggarsa qonnaa wayitawaafi ammayyawaa irratti hundaa’uun hojmaata qonna ammayyaatti qonnaan bultoota madaqsuuf deggersa ogummaa kennaa turaniiru. Biyyattiinis kanaaf xiyyeeffannoo kennuun rakkoo tureef furmaata hiika qabeessa fiduuf carraaqaa waan jirtu fakkaatti. Gorsaafi deggersi ogeessota qonnaatiin taasifamaa ture jijjiirama argamsiise irratti bu’uureffachuun ganda gama kanaan adda duree taate tokkoorratti xiyyeeffanneerra.

Gandi Baddannoo gandoota aanaa Dawaa Caffaa keessaa tokkodha. Bara oomishaa 2016/17 tti Wiirtuu Leenjii gandichaatti qonna arfaasaan lafa hektaara lama tuqaa sadii irratti sanyii filatamaa mishingaa yeroo gabaabaa keessatti gahu ‘Malkaamiifi Giraanaa’ jedhamu facaasuun hektaaraa tokko irraa callaan kuntaala 42 argamuun danda’eera. Qonnaan bultoonni gandichaas gara wiirtichaa deemuun muuxannoo gaarii qooddataniiru.

Jiraataan gandichaa obbo Muhee Indiris waamicha ogeessa qonnaan taasifame fudhachuun qonnaan bultoota ganda isaanii waliin gara wiirtichaa deemanii mishingaa misoomerraa muuxannoo hojmaata qonnaa qindaawaa fudhachuu dubbataniiru. Duraan sanyii filatamaa hin taane facaasaa turuufi adeemsa hojmaata qonnaa aadaa hordofaa akka turan himaniiru. Adeemsa kanaan humna isaanii baasaniif galiin argatan homaa kan wal hin madaalle akka ta’ee eeraniiru.

Obbo Muheen baroota sadii dura lafa hektaara tokko mishingaa sanyii filatamaa hin taane bifa duraan baratameen facaasanii turuu yaadachisaniiru. Achirraa callaan argatan kuntaala kudha shan kan hin caalle ta’uu isaa kaasaniiru. Akkasaan jedhanitti, kan darberraa barachuun barana wiirtuu leenjii qonnaa deemanii muuxannoo argatan sana bara qonnaa itti aanutti qabatamaa taasisuuf karoorfachuu dubbataniiru.

Aanaa Dawaa Caffaatti ogeessi misooma midhaanii ganda Baddannoo obbo Indiris Sa’id gandichatti bara 2015 irraa kaasuun hojii gorsaafi deggersa qonnaa kennuu jalqabuu isaaniiti kan himani. Yeroo ammaa gandichi qonnaan bultoota kumaafi dhibba shanii ol qabaachuu eeranii, yeroo garaagaraatti leenjii adeemsa qonna ammayyaarratti hundaa’e wiirtuu leenjii qonnaan bultootatti walitti qabuun leenjisaa turuu ibsaniiru. Lafti gandichaa oomisha gosa hundaa baasuuf mijataa yoo ta’ellee, qonnaan bultoonni kunneen duraan sanyii filatamaafi galteewwan qonnaa barbaachisoon walqabatee haalaan dhimma itti bahuurratti hanqina qabaachuu ogeessichi dubbataniiru.

”Rakkoo gama kanaan jiru furuuf bartee qonnaa duraan tureen oomishtummaa dabaluun waan hin danda’amneef wiirtuu leenjii qonnaa keessatti akkaataa saayinsiin qonnaa qajeelchuun hojjennee, qonnaan bultoota kanneennitti agarsiisuu qabna ejjennoo jedhu qabannee hojiitti seenne” jedhu obbo Indiris.

Akkuma jedhan sana karoorri isaanii gama kanaan qabaatan milkaa’ee bu’aa buusuu isaa addeessaniiru. Bara darbe qonna arfaasaan lafa hektaara lama tuqaa sadii irratti sanyii filatamaa mishingaa yeroo gabaabaa keessatti gahu ‘Malkaamiifi Giraanaa’ jedhamu facaasuun galtee qonnaa guutuu fayyadamnee lafa hektaaraa tokkorraa callaa kuntaala 42 arganneera jedhaniiru. Hojii bu’a qabeessa hojjetameenis qonnaan bultoota gandichaa dabalatee qaamoleen biroon sadarkaa godinaafi naannoo irraa dhufuun muuxannoo isaanirraa qooddachuu ibsaniiru.

Haaluma walfakkaatuun, sanyii boqqolloo filatamaa lafa hektaara tokkorraatti misoomerraa callaa kuntaalli 45 argamuu ogeessichi himaniiru. Akkasaan jedhanitti, bara oomishaa 2017 tti Wiirtuu Leenjii Qonnaan Bultootaa gandichaa keessatti jallisii fayyadamuun lafa hektaara tokko tuqaa shan irratti muduraa ‘Habaabiifi Timaatimni’ misoomeera. Haala qabatamaa amma jiruun haalli dhaabbii muduraalee kanaa sadarkaa gaariirratti kan argamu ta’uu himaniiru.

Ogeessichi ”Marsaa shanii oliif adeemsa waljijjiiraa muuxannoo geggeessineera; qonnaan bultoonni 450 ta’an muuxannicha gara qabatamaatti jijjiiranii agarsiisaniiru” jedhan. Kanneen keessaa qonnaan bultoota gandichaa 250 ta’an lafa hektaara dhibbaafi sagaltamarratti tuteeffamaan sanyii filatamaa mishingaa ‘Giraanaa’ jedhamu akka misoomsaniif gurmeessuun hojiitti galchanii turuu obbo Indiris himaniiru.

Hojmaata qonnaa ammayyaan walqabatee itti dhiheenyaan deggersaafi hordoffii barbaachisaa taasifamaa tureen oomishtummaan qonnaan bultoota gandichaa dabaluu kaasaniiru. Gaheen ogeessa misooma qonnaa adeemsa hojmaata qonna ammayyaa qonnaan bultoota dammaqsuun barsiisuu, deggeruu, hordofuu waan ta’eef kana qabatamaa taasifnee itti milkoofneerra jedhaniiru.

Bara qonnaa 2017/18 Giddu-gala Qorannoo Qonnaa Damee Dawaa Caffaa waliin ta’uun lafa hektaara 20 ta’u irratti tuteeffamaan hojii baay’isa sanyii filatamaa mishingaa ‘Giraanaa’ hojjechuuf karoorsuu himaniiru. Gamanumaan bakkaafi qonnaan bultoota hojii baay’isa sanyii filatamaa irratti hirmaatan addaa baasuu danda’uu ogeessichi eeraniiru.

Deggersaafi hordoffii ogummaa qonnaa dabalatee xaa’oo biyyee sanyiin filatamaa  ittiin misoomu qonnaan bultootaaf baasii tokko malee bilisaan kan gumaachan ta’uu hubachiisaniiru. Gandichi hojii hojjeteen bu’aa qabatamaa galmeessuu hordofee qaamolee olaanoo damee qonnaa gubbaa hamma gadiitti biratti xiyyeeffannoo argachuu kaasaniiru. Akkasaan jedhanitti, muuxannoon gandichaa bakkeewwan birootti ni babal’ata jedhamee abdatama.

Oduu

AMECO Hirkoo