Hirmaannaa hunda galeessa dubartootaan jijjiirama saffisaafi itti fufinsa qabu fiduuf xiyyeeffannaan akka hojjetamu qabu ibsame.Guyyaan dubartoota idil addunyaa(march 8) jijjiirama saffisaafi itti fufinsa qabu hirmaannaa hunda galeessa dubartootaan ni mirkanaa’e mata dure jedhuun kabajama. Guyyaan dubartoota idil addunyaa(march 8) naannawa jalqaba jaarraa 20 ffaa damee indaastirii Awurooppaafi Ameerikaatti babal’ata dhufe keessatti dubartoota hojjeta turan irratti miidhaa saalaa dhaqqaba ture balaaleffachuun qabsoo eegalmeedha.
Warraaqsi kun biyyoota Awurooppaa garaagaraatti jalqabame gara biyyoota addunyaa birootti babal’achuu danda’eera. Guyyaan dubartoota idil addunyaa(march 8) sadarkaa idil addunyaatti yeroo 114 ffaa kabajamu kun, jijjiirama saffisaafi itti fufinsa qabu hirmaannaa hunda galeessa dubartootaan ni mirkanaa’e mata dure jedhu sadarkaa biyyaalessaatti kabajama jira.
Biiroo Dhimma Dubratootaa, Daa’immaniifi Hawaasummaa naannoo Amaaraatti itti gaafatamtuun Hariiroo Uummataa, Mixxin Birhaanuu hirmaannaa hunda galeessaafi itti fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Jijjiiramni osoo dubartoota hin hammachiisiin dhufuu akka hin dandeenye, biyyootni hedduun waliigalteerra gahu kan himan itti gaafatamtun kun, hirmaannaafi fayyadamummaa dubartoota mirkaneessuun, ijaarsa biyyaaf gahee olaanaa qabaachuu himaniiru. Guyyaan dubartoota idil addunyaa(march 8) humna dubartoota cimsuun, miidhaa saala irratti bu’uura taasisan qolachuufi haala haqa qabeessa ta’een dubartootni gahe gaggeessumaa akka qabaatan dandeessisuuf kan kaayyeeffate ta’u eeraniiru. Hirmaannaafi fayyadamummaa dubartoota gama diinagdee, siyaasaafi hawaasummaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuus, ammallee baanaleen heddu jiraachu himaniiru.
Hirmaanna hunda galeessa dubartootaan jijjiirama saffisaafi itti fufinsa qabu fiduuf xiyyeeffannaan akka hojjetamu qabu jedhaniiru. Itti aantuun itti gaafatamtuu biiroo kominikeeshinii naannoo Amaaraa Tiblax Magashaa, dubartootni guyyaa kabajuu irra darbe, misoomaan itti fayyadamoo taasisuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Keessattu damee qonnaa magaalaa irratti dubartootni hirmaata akka ta’an xiyyeeffannoo hojjetamu akka qabu hubachiisaniiru.
Waltajjii Federeeshiniin Dubartoota Amaaraa mata duree “Hirmaannaa Dubartootan Nagaa fi Dimokiraasii mirkaneessuu’jedhun qophaa’eerratti Bulchaan olaanan naannoo Amaaraa obbo Araggaa Kabadaa akka dubbatanitti, naannichaatti fayyadamuummaa dubartootaa gama dinagdee jiru guddisuuf hojjilee hedduun hojjetamuu akka qaban himaniiru. Mirgaa fi nageenya dubartootaa eeguun hoji dursaatti. ” dubartoonni fayyadamuummaa diinagdee ta’uun Mirga waan ta’eef isaa kan mirkanneessuuf, ciminaan ni hojjenna,” jedhanii obboo Aragaa Kabada.
Dubartoonni siyaasaa fi dameewwan biroo irratti qixaan akka hirmaatan tattaaffiin ni hojjetama jedhaniiru.Dubartoonni gama damee dinagdee irratti hirmaachuu hin dandeenye, siyaasaa fi damee hawaasummaa biroo irratti bu’a qabeessa ta’ee hirmaachuu hin danda’an. Kanaaf dubartoota faayyadamummaa diinagdeen mirkaneessuun dursa kennamuu akka qabu dubbataniiru.