Seerri Haaraa Karra Eegdotaaf Bahe

Karra eegdonni kubba qabatanii hanga garee isaaniif kennanii tapha jalqabsiisanitti sekondii saddet qofti kan  eeyyamamuuf ta’uu ajaja. Seerrichi karra eegdonni kubba qabatanii yeroo qisaasessuuf of harka tursiisan hanbisuuf ba’uu isaatu himama.

Kanaan dura Seerrichi Ingilaandi, Xaaliyaaniifi Maaltaa keessatti yaalamaa turee waan milkaa’aa taheef Boordiin Waldaan Kubba Miilaa Idil-addunyaa [IFAB] bara dorgommii 2025-26 keessa hojiirra oolchuuf murteesseera. Seerri kun Hagayya 1 bara 2025 irraa eegaluun akka addunyaatti hojiirra oola jedhamee eegama.

Dorgommichi Waancaa Kilaboota Addunyaa Waxabajji 15 hanga Hagayya 15 tti gaggeeffamu irrattis hojiirra akka oolu boordichi ibseera. Seerichi erga hojiirra ooleen booda murteessitootaan adabbiin darbu karra eegaan tokko yoo sekondii sadetii ol kubbaa qabatee ture murteessaa [Coach] garee faallaaf rukuttaa koornaa kan kennu ta’uu isaati. Isa dura garuu yeroo karra eegaan kubba qabatee sekondii shan guutu murteessaan akeekkachiisa kan kennuuf ta’a.

Karra eegaan harka isaa ol qabuun haaluma mul’atuun sekondii hafe lakkaa’uu jalqaba. Seerri kun hojiirra ooluudhaa baatus jiraachuu isaatu himama. Seerri kanaan dura ture ‘yoo karra eegaan kubba sekondii jahaafi isaa oliif qabatee ture rukuttaan peenaaliitii fageenya irraa garee fallaaf kennama’ jedha. Boordichi akka jedhetti yeroo yaalii kana keessa seerichi sirriitti hojiirra ooleeyyuu balleessaafi adabbii afur qofatu taphoota dhibbaan lakkaa’aman irratti mudate.

Boordii Waldaan Kubba Miilaa Idil-addunyaatti daariktera kutaa teeknikaa kan taheefi kana dura murteessaa tahuun Piriimer Liigii keessa hojjechaa ture Deevid Eleraay The Times’tti akka himetti, ”jijjiirraan seeraa gaariin bakka rakkoo hedduu jirutti hojiirra oolee dhumarratti rakkoo sana maqsuu ta’uu dubbateera. Tapha kan saffisiisu yoo tahe bu’aa gaarii argamsiifnaan, seera bu’aa qabeessa danqaa ture kan maqse ta’uu isaa kaaseera.

Yeroo seerichi hojiirra oolu yoo xiqqaate gara jalqabaa rukuttaan koornaa sababa adabbiin kennamu mul’achuu danda’a. Seerri jalqaba hojiirra yeroo oolu  akka cimu ni beekama. Fakkeenyaaf yeroo dorgommiin Piriimer Liigii bara kana jalqabe Deklaan Raayisiifi Tiroosaad kubbaa fageessanii dhiituun taphicha gufachiisaniiru jedhamuun akkamiin akka kaardii keelloo lama argachuun dirreen ala ta’anirraa hubachuun ni danda’ama.

 

Oduu

AMECO Hirkoo