Sirna Ulfoo: Ruufoo Marabbaa

Jiruuf jireenya hawaasummaa keessatti sirnootni adda addaa yoomessaafi adeemsa mataa isaanii qaban hedduutu jiru. Yeroo baayyee dhimmootni kunneen damee aadaafi duudhaa hawaasaa  jalatti kan ramadamuun  beekamanidha. yeroo durii irraa eegaluun hawaasa keessatti faayidaa guddaa bifa garagaraan kan  kennanis isaan danuudha. B/S/Oromoos dirree aadaaf duudhaa, sirnoota boonsaa jaarrawwan lakkoofsisan hedduu qabaachuun kan beekamu bakkee seena qabeessadha. Bulchiinsicha keessatti Aanotaafi gandoota hedduu keessatti haalaan kan beekamuufi madda rakkoo furuu tahuun adda durummaan maqaan isaa tuqamu kan danda’uufi Aadaa kabajamaa kan  tahe Sirna Ruufoo Marabbaati.

Sirni Ruufoo Marabbaa baroota hedduu dura Akaakileefi Abaabileen keenya kan itti dhimma bahaa turan, rakkoo isaanii ittiin  furachuun; jaalalaafi tokkummaa  isaanii illee ittiin cimsachuun nuyi dhaloota har’a biraan ga’anidha kan jedhan maanguddoo Aanaa Baatee Ganda Furaa Gooxii Haburee Obbo Indiris Abduuti.

“Sirni kabajamaan kun akkasumaan hin gaggeeffamu, wayita rakkoon garagaraa kanneen akka waraanaa,beelaa gogiinsa (hongee) fi rakkooleen  biroon illee biyya mudatan ;sirna kadhannaa (Duwaayii ) taasifamudha”.

Akka maanguddoo ganda kanaa irraa odeeffannetti sirni kun yeroo rakkoon biyya mudatu qofa osoo hin taane, wayita dubartiin ulfaa dahuuf ji’ootni muraasni hafanitti illee Faaxumaa Qorii jechuun; sirni mucaa dhalachuuf jedhu/ttu  simaachuuf taasifamu akkasumas nagaan akka haati mucaa kun hiikamtuuf duwaayiin ni  gaggeeffama jedhan.

Sirni Ruufoo Marabbaa kan gaggeeffamu dubartoota qofaan  yoo  tahu yeroo hedduu dirree irratti bahuun walitti qabamanii ” Ruufoo Marabbaa Eee…Marabbaa ” jechuudhaan wal jalaa qabaa dabaree dabareen wal gargaaruun waan hawwii isaanii irratti kadhatu.

Aadde Haliimaa Sa’id jiraattuma ganda Furaa yoo ta’an osoo isaan sirna kana irratti kadhannaa (duwaayii) taasisanii argine.  Adeemsa sirna kanaas akkasiin nuuf qoodan.  ” Ruufoon qabeenya keenya guddaadha.Dur irraa eegaluun maatii keenya irraa daddarbaa kan dhufe , nutis har’a itti fayyadamaa jirrudha.yeroo hedduu dirree irratti bahuun waan rakkoo keenyaa uumaa keenyatti himanna . Osoo furmaata isaa hin argatinis deebinee mana keenyatti hin gallu . Hanga torban tokkootti illee bakkee oollee bullee kadhannaa (duwaayii) kana gaggeessinee beekna. Waan kadhannu kanaafis deebii isa Rabbi biraa sooddootti (dafnee) arganna.

Kunis yeroo hedduu nuuf tahee naannoo keenya irrattis kadhannaa taasifnuun kan ijaan argine rakkooleen hedduun bara as dhihoo illee nuu furame kanneen akka lola Kaabaa biyyattiitti gaggeeffamee “jechuun nuuf himan.  Dabalataanis sirni kun dirree irra qofa osoo hin taane mana nama dhuunfaatti illee ni gaggeeffama jedhan. Kunis namni mana isaatti dhuunfaan akka kadhannaan kun godhamuuf yeroo barbaadu dhimma akkas akkasii irratti kottaa naaf kadhadhaa ( duwaayii) godhaa jechuun dhaammachuun ,rakkoon dhuunfaa isaa tarii hawwiifi fedhii qabu nutti himachuun nii taasifnaaf. Kunis osoo oolee hin bulin furmaata isaa argina jedhan Aadde Haliimaan. Sirni Ruufoo Marabbaa kun wayita gaggeeffamu nyaatni aadaa kanneen akka Marqaa,Qorii, Dimmisoofi kanneen biroon illee yoo qophaa’an Re’eefi Tumaalessi illee qalamuun sirni kun ni gaggeeffama. “Jaalalli hawaasni kun waliif qabu  haalan bahee kan  itti mullatu sirni kun keessumaa wayita marqaan nyaatamu hunduu Afaan wal kaa’uun harka tokko irraa waliin nyaachuun maaddii tokko irraa waliin cabsata, kun immoo jaalala hawaasa gidduu jiru jabeessuufi jiruuf jireenya hawwaasumaa kan cimsudha” kan jettu ammoo Itti Gaafatamtuu Waajjira Aadaaf Tuurizimii Aanaa Baatee Aadde Hawwaa Umaridha. Sirna faayidaa dachaa qabu kanaan rakkoo keenya furachaa jaalala keenya cimsachaa jirra, Aadaan kunis yeroo ammaa kana hawaasa keenya biratti haala gaariin itti gargaaramuu irratti argamna jedhu itti  Gaafatamtuun kun. Dhalootni itti aanu aadaa kana baruufi akka inni dhaaluuf hojiin gama waajjira keenyaan hojjetamaa jiru guddaadha kan jedhan ammoo itti Gaafatamaa Qajeelcha Aadaaf Tuurizimii Bulchiinsichaa Obbo Ahimad Ibraahim dha. Aadaaf duudhaa hawaasicha keessatti argamu hunda bifa barreeffamaafi suur sagaleen waraabnee dhaloota itti aanuufis akka darbuu kutannoon hojjechaa jirra, karoorri keenya inni guddaanis dhimma kana irratti fuulleffata jedhan. Aadaa hawaasa keessa jiran kanneen osoo hin badin bifa ammayyummaan osoo hin boora’inis irratti hojjetamuu qaban dhaamsa barruu keenya kanaati.

Oduu

AMECO Hirkoo