Tiraamp Kanaadaa, Meeksikoofi Chaayinaa irratti daballii taarifaa taasiseera. Biyyoota taarifni itti dabalameef Biriitaaniyaafi biyyoonni Eeshiyaa bakka gabaa filannoo ta’u jedhameera. Daballiin taarifaa kun maatii Ameerikaa tokko irratti taaksii doolaara 300 akka dabalutu himama.
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp biyyoota ollaa Meeksikoofi Kaanaadaa irratti dhibbantaa 25 diinagdeen Ameerikaa waliin kan walmorkattu Chaayinaa irratti ammoo dhibbantaa 20 kaa’aniiru. Beejing bilbilota harkaa, meeshaalee jijjiirraa kompiteeraafi manaa, galteewwan indaastiriifi oomishaalee qurxummii, fooniifi jirbii gara Waashingitanitti ergitu irratti daballiin dhibbantaa 20 taasifameera. Tiraamp meeshaalee Chaayinaa hundarratti qaraxa erga dabalanii booda biyyoonni diinagdeen olaanaa addunyaa lamaan gidduutti waraana daldalaa walirratti banuu waan yaadan fakkaata. Chaayinaan battalumatti haaloo ba’uuf jecha oomisha qonnaa Ameerikaa irratti qaraxa %10-15 keessetti.
Kibxata darbe Ministirri Muummee Chaayinaa Lii Qi’aang, Chaayinaan bara kana ammas baasii ittisaa ishee %7.2 akka guddiftu kan beeksisan yoo ta’u, ”jijjiiramni jaarraa tokko keessatti hin mul’anne guutuu addunyaatti saffisaan mul’achaa jiras” jechuun akeekkachiisaniiru. Hoggantoonni Beejiing yaaddoo waraana daldalaa keessatti diinagdeen biyyattii guddachuu akka danda’u ofitti amanamummaa akka qaban lammiilee Chaayinaa keessa jiraniif ergaa dabarsuuf yaalaa jiru. Chaayinaan gocha Tiraamp michoota Ameerikaa kanneen akka Kaanaadaafi Meeksikoo kan qaranni midhee waliin walqabattee irraa fayyadamuu dandeessi. Haata’u malee, Chaayinaan michoota addunyaa haaraa ta’uu danda’an sodaachisuuf jecha dubbii kana garmalee ol kaasuu kan hin barbaanne ta’uu ishee xiinxaltoonni tokko tokko ni dubbatu.
Bu’uuruma kanaan Kaanaadaan anniisaafi oomishaalee Ameerikaa biroo irratti murtee kan dabarsite yoo ta’u, Meeksikoon ammoo dhiibbaa taarifa kanaa qolachuuf tooftawwan filannoo ta’an qopheessuu ishee beeksisteetti. Daldaltoonni U.S meeshaalee taarifaan raabsan bu’aa xiqqaa kan argatan yoo ta’u, baasii taarifa kana uwwisuuf daballii gatii meeshaalee dafanii hojiirra oolchu malu. Ogeessonni diinagdee akka ibsanitti, qaala’iinsi jireenyaa Ameerikaa yeroo ammaa hamma eegame caalaa dabaluu mala.
Kun akkuma jirutti ta’ee biyyoonni waraana daldalaa Tiraampii ala ta’an carraa kanaan faayidaa guddaa argachuu danda’u. Fakkeenyaaf: Veetnaamiifi Maaleejiyaan sababa taarifa kanaan galteewwan Chaayinaan gara Ameerikaatti ergitu hir’achuu hordofee banaa kana guutuuf adda durummaan hiriiruu malu jedhamee dubbatama. Biyyoonni kunneenis oomisha teknoloojiifi indaastirii yoo dabarsan illee meeshaalee qonnaa gara US erguun daballii taarifaa irraa bilisa ta’een fayyadamoo ta’uu danda’u.
Biyyi fayyadamtuu kan biraan Biriteen yoo taatu, Biriteen kiyyoo taarifaa Pirezidaanti Tiraamp jalaa yoo miliqxe hariiroo daldalaa bal’aafi invastimantii alaa ol’aanaa ta’e irraa fayyadamti jedhamee eegama. Landan biyyoota Ameerikaan dhiibamaniif akka bakka gabaa filannootti meeshaalee gatii madaalawaan dhiheessuuf carraa qabdi. Gama biraan oomishtoonnifi raabsitoonni sababa daballii taarifaan daldallisaanii balaadhaaf saaxilame dhaqabummaa isaanii gara Biriteenitti jijjiiruun oomisha isaanii karaa qaraxa irraa bilisa ta’een gara Waashingitanitti erguu akka danda’an gabaafameera.