Bulchiinsichi Ayyaana Iid-Alfaxir Haala Duudhaasaa Eeggateen Akka Kabajamuuf Hojjechaa Jira

Baatiin Ramadaanaa hordoftoota amantaa Islaamaa  biratti baatii addaafi eebbifamaadha. Waqtii kana keessa addunyaarraa hordooftoonni amantichaa osoo lafti hin bari’iin dura irraa jalqabee hanga aduun lixxutti nyaataafi dhugaatii kamiyyuu lagachuun soomu.

Kaayyoonsaas of qabuun jireenya afuuraafi amantaa ofii kan ittiin cimsatanidha.  Hordoftoonni amantaa Isilaamaa baatii Ramadaanaa keessatti Sooma, Solaataafi fedhii bu’uuraa dhala namaa irraa of qusachuufi qalbiin Uumaatti dhihaachuudhaan dabarsu. Yeroo Ramadaanaa keessa addatti beekees ta’e daguudhaan nama waliin kan wal dhabe kan itti araaramuufi dhiifama taasisu qabeenya horaterraa Sadaqaa kennachuun rakkataa kan itti gargaaruufi guutummaatti uumaasaatti of kennuun guddina jireenya afuuraa kan itti agarsiisudha.

Hordoftoonni amantichaa qajeelfama amantichaa hordofanii baatii Ramadaanaa Ji’a eebbifamaa kana guutuu Soomaafi Solaataan dabarsanii guyyaa Iidaa arguuf abdii guutuun eegu. Qajeelchi Kominikeeshinii Bulchiinsa Sablammii Oromoo haala aadaafi duudhaa hawaasa dagaagsuu danda’uun ayyaana idii bara Hijiraa 1446 ffaa baranaa bifa adda ta’een dabarsuuf qophiin dursaa xiyyeeffannoon Hojjetamaa jiraachuu beeksiseera.

Qajeelchi Kominikeeshinii bulchinsichaa itti gaafatamtoota Waajjiraalee Kominikeeshiniifi Aadaafi Turiizimii aanotaafi Bulchiinsa magaalaa waliin ta’uun aadaafi safuu naannootti dhimma bahuun hojii misoomaafi nageenyaa hojjetamaa turaniifi ijaarsa miidiyaafi kominikeeshinii irratti marii adeemsiseera. Marichaanis kabaja ayyaana Iid Al fixir bara 2017 sagantaa addaan kabajamee akka ooluuf gamanumaan haala waliin jireenyaafi wal gargaaruu hawaasa bulchiinsichaa haala ibsuufi ijaaruu danda’uun dhaabbilee miidiyaa garaagaraa waliin hojjechuuf hojiin qophii dursaa hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Ittigaafatamaan Qajeelcha Kominikeeshinii Bulchiinsichaa obbo Habtaamuu Isheetuu, hojiin miidiyaafi kominikeeshinii haala aadaafi waliin jireenya hawaasaa cimsuuf gahee olaanaa  qabaachuu himaniiru. Aadaa waliin jireenya cimsachuun hojii bulchiinsa gaariifi misoomaa waliin hojjechuuf dhaabbilee fedhii qaban hawwachuuf hojjechuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru. Kana dhugoomsuun uummata bulchiinsichaa fayyadamoo taasisuuf hojiileen hojjetamuu qaban  xiyyeeffannoon hojjatamuu akka qabanis hubachiisaniiru.

 

Oduu

AMECO Hirkoo