Itoophiyaan Waancaa Afrikaa 2025 Morookoon qopheessituuf osoo hin darbin haftetti. Tapha gulaallii Waancaa Afrikaa Bara 2025 adeemsifameen Itoophiyaan Taanzaaniyaa morkachuun 2 fi 0’n mo’amteetti. Garee ‘H’ jalatti Rippaablika Dimookiraatawaa Koongoo, Giiniifi Taanzaaniyaa waliin kan ramadamte Itoophiyaan tapha shan taphattee tokko qofa qixa bahuu dandeesse.
Taphoota afran mo’amuun osoo tapha dabalataa tokko taphatuu qabdu gamanumaa carraa darbuu akka hin qabne mirkaneeffatte. Dirree Rippaablika Dimokiraatawaa Kongoo dirree Sitaad De Maartiyarsitti kan taphatan warri Waaliyaa carraa argatan yaalanis galchii galchuu hin dandeenye. Itoophiyaan dirree sadarkaa FIFA guutuu waan hin qabneef tapha silaa dirree ofiirratti taphachuu qabdu biyya ormaatti deggaraa malee taphachuu ammayyu ittifufteetti. Gulaallii Waancaa Addunyaafis dirree biyya ormaatti warri Waaliyaa taphachuu itti fufaniiru.
Gabramadihiin Hayilee gaggeessuun leenjisaa yeroo Masaay Tafariin kan leenji’aa jiru gareen Itoophiyaa rakkoo jabaa keessa jira. Leenjisaan Gabramadiin rakkoon ijoo jifataa lakkoofsa sagal dhabuu isaanii kana dura dubbachuun isaanii gabaafameera. Itoophiyaan Biyyoota Waancaa Afrikaa hundeessan akkasumas kanneen dursanii milkaa’an keessaa tokko taatus milkiin ergaa irraa fagaatee oolee bubbuleera. Itoophiyaatti Waancaa Afrikaa injifachuu miti hirmaachuunu qormaata itti ta’eera.
Kanaaf ispoortii kubbaa miilaa Itoophiyaa kanneen itti dhiheenyaan hordofan sababoota garagaraa tarreessu. Rakkoo ga’umsaa, rakkoo hoggansaa, deggarsi hanqachuufi bu’uuraaleen misoomaa ispoortii dhibuu eeru. Dirree kubbaa miilaa ofiirratti, deggartoota ofii fuulduratti taphachuu dhabuunu rakkoo biraa ta’uu eera taphataan Garee Biyyaalessaa Itoophiyaa Gaatoch Paanom kana dura BBC’f yaada kenneen. ”Dhiibbaa qaba, dirreen kaan waan mijatu qofaaf gaariidha jechuu miti. Akkuma dhaqxeen kubbaa dhiittee kan irratti dorgomtu miti. Itti baruu qabna nuti.
Warri kaan dirree kanaan walfakkaaturraa dorgomaa bahanii dhufu. Nutti garuu bitaacha’uu danda’a” jedheera. Biyya keenya keessatti namni taphataafi leenjisaarratti murteessaa kan jedhu Gaatoch Paanom ta’us bu’uurarraa hojjetamuu akka qabu hubachiiseera. Biyyoonni 48 garee 12 tti hiramanii taphoota gulaallii adeemsisuurratti argamu. Biyyoonni ramaddii isaanii keessaa tokkoffaafi lammaffaan xumuran kallattiin kan darban ta’u. Itoophiyaan qabxii tokko qofaan ramaddii isheerraa sadarkaa afraffaarratti argamti. Hanga ammaatti biyyoonni 19 darbuu isaanii mirkaneeffataniiru. Akka Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa ibsetti, Waancaan Afrikaa 2025 Mudde 21 Bara 2025 hanga Amajjii 18/2026 Morokootti gaggeeffama.