Maaddii Guutuu

Itoophiyaan biyyoota qabeenya beelladaan sadarkaa addunyaatti beekaman keessaa ishee tokkodha. Kanaan maqaa gaarii qabaattus damichaaf xiyyeeffannoo kennuun hanga barbaadamu irraa fayyadamaa hin turre. Biyyattiin misooma midhaaniifi beelladaa walsimsiiftee irratti hojjechuu dhabuun  qonna ceesiftee wabii miidhaan nyaataashee akka hin mirkaneeffanneef danqamaa turuun ni hubatama.

Rakkoo gama kanaan ture furuuf dhiheenyaan asitti sadarkaa biyyaatti inisheetiiviiwwan qonnaa garaagaraa hojii irra oolaniiru. Kanneen keessaa inisheetiiviin maaddii guutuu isa tokkodha. Maaddiin Guutuu nyaatan of danda’uufi dhiheessa nyaata madaalawaa  mirkaneessuuf kan gargaarudha. Akkasuma galii qonnaan bulaa/horsiise bulaa guddisuuf gumaacha olaanaa qaba. Biyyattii keessatti damee kanarraa namoonni dhuunfaanis ta’e gareen walitti dhufanii haala qabatamaa naannoosaaniin hojiitti hiikanii irraa fayyadamaa kanneen jiranis hin dhabaman.

Jiraataan aanaa Dawaa Caffaa ganda Shakilaa dargaggoo Abduu Sa’id, hiriyootasaa waliin horsiisa lukkuu irratti gurmaa’uu dubbateera. Moggaasni waldaa jalatti gurmaa’aniis ‘Waldaa Horsiisa Lukkuu Guddinaa’ jedhama. Walitti qabaa waldichaa ta’uusaa kan himuu Abduun, waldichi bara 2016 ji’a Adoolessaa keessa hundaa’uusaa eruun hundeeffamasaa asitti miseensonni waldichaa bu’aa gaarii irraa argachaa jiraachuu kaaseera. Bakki horsiisa lukkuuf oolu gama Waajjira Misooma Qabeenya Beelladaafi Qurxummii aanichaan kan mijaa’eef ta’uu dargaggoon kun himeera. Abduun, miseensonni waldichaa lukkuulee hanqaaquu guyyaa guyyaatti buusan kuma tokkoo ol qabaachuu eereera.

Bu’a qabeessummaa keenya mirkaneessuuf ogeessi fayyaa beelladaa fayyaa lukkuuleen kan walqabatu deggarsaafi hordoffii nuuf taasisaa jira jedheera. Waldichi guyyaatti giddu galeessaan hanqaaquu 950 gatii madaalawaan gabaaf dhiheessaa jiraachuu dubbateera. Dargaggoon kun gama kanaan diinagdee dhunfaasaanii guddisuun cinatti maamiltoonni gatii madaalawaan fayyadamaa jiraachuu himeera. Waajjira Misooma Qabeenya Beelladaafi Qurxummii aanaa Dawaa Caffaatti, abbaa adeemsaa Fayyaa Beelladaa obbo Warqinaa Naggasaa kaayyoon maaddii guutuu inni ijoon; oomishaafi oomishtummaa beelladaa guddisuun wabii miidhaan nyaataa mirkaneessuufi sirna nyaataa fooyyessuudha jedhaniiru. Bu’uuruma kanaan sadarkaa aanichaatti hawaasni naannoosaatti gabbisa loonii, oomisha aannanii akkasuma horsiisa lukkuufi kannisaa irratti bal’inaan hirmaatee fayyadamaa akka ta’uuf jajjabeessaa turuu kaasaniiru.

Akka obbo Warqinaan jedhanitti, maaddiin guutuu sirna nyaataa madaalawaa mirkaneessuun lammii fayya buleessaafi humna oomishuu danda’uu horachuuf gahee guddaa qaba. Aanichatti hawaasni dhuunfaatti oomishee soorachaa jiraachuufi waldaaleen adda addaa horsiisa lukkuufi oomisha aannanii irratti gurmaa’anii maaddii guutuu irraa fayyadamoo ta’aa akka jiran obbo Warqinaan himaniiru. Sadarkaa aanichaatti oomishaafi oomishtummaa beelladaa guddisuun hawaasni fayyadamaa akka ta’uuf hojjetamaa turuus dubbataniiru.

Qonnaan bultoonniifi horsiise bultoonni oomishaalee bu’aa beelladaa kanneen akka: aannan, foon, lukkuu, hanqaaquu, dammaafi kkf haalaan oomishuun ofirra darbanii gabaaf dhiheessuun diinagdee isaanii akka jabeeffataniif gama waajjirichaan hubannoon kennamaa turuu eeraniiru. Hubannoon gama kanaan kennamaa ture bu’aa qabatamaa argamsiisuus himaniiru.

Abbaan adeemsichaa kun Maaddii guutuu mirkaneessuuf gandoota akka Shakilaafi Garbiitti qaamoleen horsiisa lukkuu irratti hirmaatan guyyaatti Killee kuma tokkoofi 700 gabaaf dhiheessaa akka jiran dubbataniiru. Akkasuma waldaaleen gama misooma oomisha aannaniin jiran guyyaatti aannan liitira kuma tokkoo ol dhiheessaa jiraachuu himaniiru. Bu’aawwan beelladaa gama maaddii guutuun gabaaf dhihaatan irraa hawaasni magaalaafi baadiyyaa gatii madaalawaan bitee fayyadamaa jira jedhaniiru. Kunis gabaa tasgabeessuuf gahee mataasaa qabaachuu dubbataniiru.

Akka obbo Warqinaan jedhanitti, maaddiin guutuu haala barbaadameen osoo hojiirra oolee galii qonnaan bulaafi horsiisee bulaa guddisuu bira darbee wabii miidhaan nyaataafi sirna nyaataa mirkaneessuuf faayidaa guddaa qaba. Aanichatti gama horsiisa lukkuufi misooma aannaniin bu’aan jajjabeessaa jiraachuu eeranii, milkaa’ina gama kanaan argame gabbisa looniifi horsiisa kannisaan irra deebi’uuf kutannoo qabaachuu hubachiisaniiru.

Oduu

AMECO Hirkoo