Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waliin haala waraana Raashiyaa-Yuukireen dhaabuun danda’amurratti bilbilaan yeroo dheeraa mari’aataniiru. Raashiyaan baatii tokkoof waraanni guutummaatti akka dhaabbatu yaada dhihaate kan hin fudhanne ta’uushee ibsitee turuu ragaaleen ni mul’isu. Haata’u malee haleellaa bu’uuraalee misoomaa dhaabbilee Inarjiirratti raawwattu dhaabuuf waliigaluun ishee gabaafameera.
Raashiyaan guutummaatti waraana kan dhaabdu deeggarsi waraanaafi odeeffannoon basaasummaa biyyoota alaan Yuukireeniif godhamu guutummaatti yoo dhaabbate qofa ta’uu Pirezidaanti Putiin marichaan ibsanii turan. Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi ergaa karaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin marii gaariifi bu’aa qabeessa taasiifneerra jedhaniiru. Haleellaan bu’uuraalee misooma Inarjiirratti raawwatu saffisaan akka dhaabatu waliigaluu mirkaneessaniiru.
Haleellaa bu’uuraalee misooma Inarjiirratti raawwatamu dhaabuuf waliigaltee Raashiyaafi Ameerikaan taasisan kan fudhatan ta’uu Pireezidaantiin Yuukireen Vooloodmiir Zelaniksiin himaniiru. Garuu, qabiyyee waliigaltichaa guutuusaa beekuun barbaada jechuunis dubbataniiru. Kun kanumaan osoo jiruu Pirezidanti Doonaaldi Tiraampiifi gitni isaanii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin daqiiqaawwan 90’f bilbilaan mari’achuu Waayit Haawusiirraa odeeffannoon dhaga’ameera. Tiraampi marii kana dura yaada kennanii turaniin “dhimma lafaa, buufata waraanaafi qabeenya tokko tokko qooddachuurratti dubbanna” jedhanii ture. Yeroo lammataaf bilbilaan kan dubbatan Tiraampiifi Putiin barbaachisummaa dhukaasa dhaabuurratti dubbachuu Waayit Haawus beeksiseera.
Pirees Sekireetariin masaraa US Kaarolaayin Leevit yaada ‘X’ gubbaa qoodaniin “bulchitootni lameen barbaachisummaa nagaafi waraana dhaabuurratti dubbatan” jedhaniiru. Hoogganoonni lamaanuu waraanni Yukireen haala waaraa ta’een dhaabbachuu akka qabu waliigalaniiru jedhaniiru.
Egereen biyyoota lamaanii tumsa waloo fooyyee qabu irra akka gahu irratti waliigaluus aanga’aan kun ibsaniiru.Tumsi kun waliigalteewwan dhimma diinagdeefi tasgabbii ji’oo politiksii irratti kan hundaa’u ta’uus ibsi Waayit Haawus hubachiiseera. Dhimma waraana Yukireen dhaabuu ilaallatuun ammoo mariin ariifachiisaan Baha giddu-galeessaatti akka eegalu ibseera.